Waliso abbootii qabeenyaaf waamicha taasisaa jirti

Waliso: Kallattii kibba lixaatiin Finfinneerraa kiiloo meetira 114 qofa fagaattee kan argamtuufi magaalaa guddoon Godina Shawaa Kibba Lixaa, Waliso abbootii qabeenyaatiif waamichi koottaa misoomsaa dhiyaate.

Kantiibaan magaalattii Obbo Gammachuu Araddaa ibsa torbee darbe waajjirasaaniitti Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin, erga hundeeffamtee waggoota 98 kan lakkoofsiste Waliso, sochiin misoomaashii haala jiddugaleessa biyyattiitti argamuushiitiin oggaa walbira qabamee ilaalamu laafaadha jedhaniiru.

Dureeyyonni qabeenyasaanii magaalattiitti dhangalaasanii akka guddisaniifi carraa hojiis uumaniif, omishasaaniin ofis, ummatas ta’e biyya fayyadaniif waanti jalqabame jiraachuu eeranii, abbootii qabeenyaatiin koottaatii qabeenya keessan investi godhaa jechuun waamicha dabarsaniiru.

“Invastimantiif haala mijataa qabdi. Kana malees Haroo Wanciif daran mijattuu waan taateef jiddugala turizimiifi konfaransii gochuu dandeenya jennee akka abbootiin qabeenyaa gara Walisoo dhufanii invasti gochuun ofis jijjiiraman, hawaasa magaalaas jijjiiruuf gaheesaanii taphachuu qabu jennee waamicha dabarsaa jirra” jedhan.

Gama kaaniin, “Namoonni lafa fudhatanii waggoota saddeetii hanga 13f dalleessanii qofa kaa’an jiru. Lafti callifamee kennames jira. Nutis kanumarraa kaanee tarkaaanfii fudhachuu akka qabnu, warroota hojii keessa hinjirreefi dalleesanii qofa kaa’an, deeggarsi taasifameefii sana keessaa bahuu dadhaban akka waliigalteen addaan citu taasifameera.

Keessumaa barana waliigalteen abbootii qabeenyaa 16 akka addaan citu taasifameera. Tarkaanfiin kun cimee ittifufuu qaba. Warra misoomawoofi karaa sirriirra jiran ammoo jajjabeessaa deemuun kan itifufu ta’a” jedhan.

Kanneen bira darbee akka waliigalaatti akka rakkootti kan ka’u waa’ee ibsaati. Godinniifi magaalaan keenya distiriiktii ibsaa hinqaban. Abbootiin qabeenyaa yoo dhufan humna ibsaa olaanaa nu gaafata. Kana mootummaanis deebii kennuuf yaalaa jira. Distiriiktiin amma hinjirre waggoota muraasa booda dhufuu danda’a jechuun ibsan.

Gama nageenyaatiinis, “Magaalaan keenya daran nagaadha. Ambaasaaddara nageenyaafi tasgabbiiti. Waliso nagaafi tasgabbii qabdi. Magaalaan bakka hawaasni tokkummaadhaan nagaan keessa jiraatuudha.

Ummanni nageenyaaf dhaabatee hojii dinagdeefi hawaasummaasaa gaggeessaa jira. Abbaan qabeenyaa garana dhufee qabeenyasaa dhangalaasuuf gama nageenyaatiin shakkii tokkollee qabaachuu hinqabu. Hojiin misoomaa hanqina tokko malee adeemsifamaa waan jiruuf abbaan qabeenyaas akka dhufu waamicha dabarsina” jedhan Obbo Gammachuun.

Magaalaa tokko magaalaa kan taasisu bu’uuraalee misoomaa waan ta’eef kanarratti waanti hojjetamuu qabu jira kan jedhan kantiibichi, rakkoo bishaanii furuuf pirojektiin Waxabajjii eebbifamu jiraachuu dubbataniiru.

Wabii miidhaan nyaataa mirkaneessuufis jiraataan magaalaa leenjiiwwan gara garaa intarpirinarshiippii fudhachuudhaan akkasumas dargaggoonni gurmaa’uudhaan horsiisa lukkuufi horii aannaniirratti bal’inaan bobba’anii hojjetaa jiraachuu eeranii; furdisa looniirrattis sheediiwwan hirmaannaa ummataafi bajata mootummaatiin ijaaramee hojiitti galfamuu ibsaniiru.

Inisheetivii maaddii guutuutiinis killee tokkittiin kaleessa qarshii 15/16 ture yeroo ammaa gara sagaliitti buusuun danda’ameera kan jedhan Obbo Gammachuun, kanaanis maniiwwan akka magaalaatti qabame milkeessuu akka dandeenyu hubanneerra jedhan.

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 6 Bara 2017

Recommended For You