Shaggaritti pirojektiiwwan jallisii ammayyaa sadii qarshii miliyoona 112 oliin hojjetamaa jiru

Finfinnee: Shaggaritti pirojektiiwwan jallisii ammayyaafi gurguddoo kutaalee magaalaa sadii (Kuraa Jiddaa, Laga Xaafoofi Sabbataa) keessatti bajata qarshii miliyoona 112 oliin hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Misooma Jallisii magaalichaa beeksise.

Ittigaafatamaan waajjirichaa Obbo Abarraa Caalaa Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, magaalichatti pirojektiiwwan jallisii ammayyaa sadii qarshii miliyoona 112 oliin hojjetamaa jiru. Kana malees, mootummaan federaalaa bajata ramaduun pirojektii jallisii ammayyaa, jallisii idil addunyaatiin dorgomuu danda’uufi lafa hektaara 800 ol uwwisuu danda’u kutaa Magaalaa Sabbataa keessatti hojjechiisaa jira.

Innisheetivii misooma jallisii akka biyyaatti taa’erraa ka’uun akka magaalaa Shaggaritti hojii misooma jallisii qorannoofi dizaayiniidhaan eegaluun hojjetamaa jiraachuu kaasanii, kunis sadarkaa magaalaatti, kutaalee magaalaa 12fi aanaalee 36n magaalichi qabutti gaggeeffamee roodmaappiin misooma jallisii magaalaa Shaggar, pilaanii magaalaa wajjiin deemu qophaa’uufi kanaanis, eessatti bishaan, lafti qonnaafi omishtummaan akka argamu adda baafamuu ibsaniiru.

Ijaarsa bu’uuraalee misooma jallisii waajjirichaafi mootummaa federaalaatiin hojjetamu cinaattis dhaabbanni ‘FSRP’ jedhamu kutaa magaalaa Gafarsaa Gujee keessatti jallisii ammayyaa sadii hojjechuuf wayita ammaa kontiraaktaroonni seenanii hojii eegaluu eeraniiru.

Akka ibsa ittigaafatamaa kanaatti, hojiin ittaanu isikimoota jallisii bulchuu yoo ta’u kunis kan ammayyaa, aadaafi paampii dabalata. Kanas gannarra darbee kaanaalii qulqulleessuun, haroo qotuun, bishaan kuusuun, cimmisuun akkasumas boolla gabaabaa harkaan qotuun bara omishaa 2017f qophiin taasifamaa ture. Kanas ummanni qabeenyasaa ofiin akka bulchatuuf waldaa ijaaruun paampii fudhachuufi pirojektoota ammayyaa mootummaan ijaare akka bulchan hojjetamaa tureera.

“Magaalaa Shaggar keessatti kanaan dura jallisiin hinbeekamu ture. Hojichas kireeffattootatu laga lagarra deemanii kireeffachuun kuduraafi muduraa facaasaa turan. Bara 2013tti inisheetivii mootummaan diriirse irraa kaasuun lafa hektaara kuma saddeet irratti hojii misooma jallisii qamadii eegaluun wayita ammaa bara 2017tti hektaara kuma 65 raawwachuuf qabameera. Qonnaan bulaanis bu’aasaa sirriitti hubatee ittihojjechaa kan jiru yoo ta’u, hanga ammaatti lafa hektaara 43 irratti sanyiin qamadii faca’ee kan dura facaafamellee haamamaa jira” jedhu.

Misooma jallisii bara kana qabame milkeessuufis paampiiwwan ammayyaa boba’aa qusatan gatii madaalawaadhaan qonnaan bulaaf dhiheessaa jiraachuu himanii, bara kana hanga ji’a darbeetti paampiiwwan 860 qonnaan bulaa biraan ga’uu kaasu.

Hojii hojjetaama jiruun qonnaan bulaan kana dura kuduraafi muduraa qofa omishaa ture, amma faayidaalee addaa qamadiin qabu hubachuun barbaachisummaasaatti amananii omishaa jiraachuu dubbatu.

Omishaan walqabatees bara 2016 lafa hektaara tokkorraa omisha hanga kuntaala 103tti argamuu eeranii, bara kana ammoo hektaararraa kuntaala 110 ol argachuuf ogeessonni tilmaamuufi haalli jirus abadachiisaa ta’uu kaasu. Isa kanaaf ammoo hojiileen hojjetaman makaanaayizeeshiniitiin ta’uu ibsu. dhiheessiiwwan sanyii filatamaa, xaa’oo qorichawwan barbaachisoo hundi guutamanii kunuunsa addaan baay’inaafi quluqllinaan omishamaa jiraachuu addeesu.

Akka Obbo Abarraan jedhanitti, magaalaan Shaggar magaalaa ‘Smart City’ ta’aa waan jirtuuf, qonnaan bulaa magaalichaa gara teknolojii ammayyaatti fiduun jallisii ammayyeessuufis hojjetamaa jira. Bara kana firfirsituuwwan kutaalee magaalaaf raabsuun kan eegalame yoo ta’u, dura humna namaatiin lafa heektaara tokko bishaan obaasuun kan hindanda’amne har’a guyyaatti hamma hektaara 10 obaasuun danda’ameera.

Akka seektara jallisiitti, kutaa magaalaafi aanaarraa caasaa dhibuun, hanqina lojistikii, dhiheessiifi bajataa hojiirratti dhiibbaa uumuu kaasanii kunis akka furamuuf gaaffii dhiheessanii deebii abdachiisaa eegaa jiraachuu himu.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 6 Bara 2017

Recommended For You