Rakkoo waraabbiifi qabeenya kalaqa sammuu; hudhaa ijoo damee aadaafi aartii

Qabeenyota qabatamaafi qabatama hintaane, kan socha’aniifi kan hinsochoone jedhanii qooduun kan jalqabame seera Romaanotaatiin (‘Roman law’) akka ta’eefi adeemsaan seerota hariiroo hawaasaa keessattis madaqfamaa dhufuusaanii ragaaleen ni ibsu.

Qoodiinsi akkanaa seera hariiroo hawaasaa biyya keenyaa keewwata 1126 jalattis tumameera. Haa ta’uutii sababa warraaqsa industiriitiin (Industrial revolution), guddina saffisaa saayinsiifi teeknolojiitiin qabeenyonniifi mirgoonni akaakuu haaraa argamaniiru.

Qabeenyoonni akaakuu haaraa kun qabeenyota kalaqa sammuu (‘Intellectual property’) jedhamuun kan beekamaniifi bu’aa hojii kalaqa sammuu kanneen ta’aniidha. Qabeenyonni kunniin guddina dinagdee, aadaafi hawaasummaa biyyootaa keessatti gaheen isaan taphatan guddachaa dhufuusaarraa sadarkaa biyyaalessaafi idil-addunyaatti eegumsi seeraa taasifamuuf yeroo kamuurra dabaleera. Olaantummaa gama dinagdeefi siyaasaan qaban ittifufsiisuuf addunyaan lixaa qabeenya uumamaa caalaa kalaqa sammuurratti xiyyeeffachaa jiru. Qabeenyi uumamaa dhumataa waan deemuuf addunyaan xiyyeeffannoosaa gara kalaqa sammuutti deebisaa jira. Yeroon yeroo teknolojiin waldorgamanii olaantummaa argataniidha. Muuxannoo biyyoota lixaas ta’u kan biyyoota Eeshiyaa yoo ilaallu guddina dinagdee amma irra jiraniif bu’uura kan ta’eef kalaqa sammuuti.

Biyyoota Eeshiyaa yoo ilaallus ofiisaanii dinagdeefi bu’uura misooma kalaqaaf oolu gahaa waan hinqabneef tarsiimoo fakkeessuu (‘Imitation or reverse engineering’) hojiirra oolchuun kalaqa addunyaa lixaa biyyasaaniitti madaqsuun guddina dinagdee ajaa’ibaa yeroo gabaabaa keessatti galmeessuu danda’aniiru. Eegumsa kalaqa sammuuf taasifamuuf qaburratti kutaa addunyaa guddataniifi guddataa jiran jidduu garaagarummaa bal’aatu mul’ata.

Biyyootni guddatan kalaqa hedduu waan qabaniif bu’aa kalaqasaaniif eegumsi guddaan taasifamee daangaa biyyasaanii alatti firii kalaqa kanaa sassaabbachuu barbaadu. Gama biraatiin addunyaan guddataa jiru immoo eegumsi kalaqa sammuuf taasifamu laafaa akka ta’uufi kaampaanotnisaanii kalaqa bakka biraa dhorkaa tokko malee ofitti fudhatanii irraa fayyadamuu barbaadu. Haa ta’u malee hanga tokko addunyaan kalaqa sammuutiif eegumsa taasisuuf kan waliigalame ta’uun sanadoota idil-addunyaa dhimma kana bulchanirraa ni hubatama.

Sanadoota sadarkaa idil-addunyaatti qabeenyota kalaqa sammuutiif eegumsa kennan keessattuu hojiilee barruu, aartiifi saayinsiif eegumsa kennan keessaa Konvenshiniin Barliin, hojiilee mirga paatentii argamsiisaniif Konvenshiniin Paariis, mallattoolee daldalaatiif waliigaltee Singaapoor adda durummaan kan eeraman yoo tahu, akka waliigalaatti daldala qabeenyoota kalaqa sammuutiin walqabate sanadoota sadarkaa idil-addunyaatti jiran keessaa adda durummaan kan waamamu sanada ‘TRIPS’ jedhamuudha.

Biyyi keenya Itoophiyaanis qabeenyota kalaqa sammuutiif bara 1960 irraa eegaluun seera hariiroo hawaasaafi labsiilee adda addaatiin eegumsa kennaa kan turte yoo ta’u, yeroo ammaa kana kalaqa dhimmoota aartiifi barreeffamaarratti seera mirga waraabbiifi mirgoota saniin hidhata qaban tumuun labsii lakkoofsa 410/2004fi kan isa fooyyesse labsii lakkoofsa 872/2007 bahanii hojiirra jiru.

Mirgi waraabbii akkaataa itti yaada sana ibseef malee yaadichaaf eegumsa kan taasisu miti. Seerota dhimma kalaqa sammuurratti bahanii bal’inaan hojiirra oolaa jiran keessaa tokko labsii mirga waraabbii tumuudha.

Yeroo baay’ee artistootni keenya carraa argataniin waa’ee waraabbii yoo kaasan ni dhaga’ama. Mirgi waraabbii yoo eegame ogeessota dhimma kanarratti hojjetan waan jajjabeessuuf aadaa, afaaniifi seenaan saboota biyyattii akka guddatu ni taasisa.

Gama kanaan maalummaa mirga waraabbii, dhimmoota eegumsa seeraa argatanii, ulaagaalee hojiin tokko eegumsa argachuuf guutuu qaban, mirgoota dinagdeefi hamilee hojii kanarraa maddan, haala addaan dhimmoota tumamaniifi haala raawwiisaa ni ilaalla. Gama kanaan qaamolee haqaa biratti hanqinni hubannoo kan jiru yoo ta’u, keessattuu ulaagaa waraabbiifi paatentii adda baasuu dhabuun ni mul’ata.

Darbees maalummaa waraabbii hubachuu dhabuun hojiiwwan eegumsa argachuu qaban adda baasuun hubachuu dhabuu ni jira. Kanaanis walqabatee dhimmi hojiirra oolmaa mirga waraabbii kun yeroo gara garaatti gaaffii guddaa kaasisaa jira.

Hojiirra oolmaa mirga waraabbiin walqabatee ittigaafatamummaa sivilii, tarkaanfii daangaa biyyarratti fudhatamu (Border measures)fi ittigaafatamummaa yakkaan walqabatee uwwisa seeraafi hojmaata bal’inaan ilaaluun murteessaa ta’a.

Labsiin biraa kalaqa sammuurratti tumamee jiru labsii dhimma paatentii tumu, labsii lakkoofsa 123/1987 bara mootummaa ce’umsaa bahee hojiirra jiru yemmuu ta’u, hojiirra oolmaan labsichaa daran muraasa. Keessattuu paatentii haaraa argachuun eegumsa haaraa kan argatan biyya keenyatti namoota daran muraasa waan ta’aniif raawwiinsaas akkasuma. Haata’u malee dhimmi Yuutilitii moodeliifi paatentii biyya kanatti fiduu (‘Patent of introduction’) muraasni ni mul’ata.

Kalaqa Sammuun walqabatee dhimmi biraan daldaltoota biratti burqaa walitti bu’insa ta’aa jiru waa’ee mallattoo daldalaa (‘Trade mark’) ti. Dhimma kanarratti labsiin lakkoofsa 501/2006 baheera. Dhimmoota seerichaan eegumsa argatan, ulaagaalee, mirga mallattoo daldalaa irra argamanii firiiwwii mirga mallattoo daldalaa adda baasuun hojiirra oolchuurratti rakkoon ni jira.

Dabalataan dhimma aangoo manneen murtii adda baasuu irratti qaawwii seeraa jiru garaagarummaa hojmaataaf bu’uura ta’eera. Kalaqa sammuu, konvenshinootaafi waliigalteewwan idil-addunyaa kalaqa sammuurratti raawwatinsa qaban gabaabinaan ni ibsama.

Maalummaa mirga waraabbiifi hidhatasaanii, seerota mirga waraabbiifi hidhata qaban, eegumsa mirga waraabbiifi hidhata qaban seera Itoophiyaa keessatti, dhimmoota mirga waraabbii jalatti hammataman, ulaagaalee eegumsa mirga waraabbii argachuuf guutamuu qaban, mirgoota abbaa qabeenyaaf qofa kennaman, daangaawwan mirga waraabbii irratti gataman, sirna mirgi abbaa qabeenyummaa mirga waraabbii itti darbu kan ilaallu ta’a.

Boqonaa 3ffaa keessatti labsii lakkoofsa 123/1987 jalatti uumama seera paatentii, yaadrimee paatentii, mirga qofummaa abbaa argannoofi haalota mirgi kun ittiin daangeffamu, mirga paatentii biyyattii madaqsuun argamu, mirga argannoowwaan xixiqqaafi eegumsa dizaayinii indastirii kan keessatti xiinxalaman ta’a.

Boqonnaa 4faa keessatti labsii lakkoofsa 501/2006 jalatti mallattoolee daldalaa jechuun maal jechuu akka ta’e, barbaachisummaasaanii, haala galmeessa mallattoolee daldalaa, ulaagaafi adeemsawwan barbaachisan, mallattoolee daldalaa waliiniifi bebbeekamoo ta’an, turmaataafi haaromsa galmee mallattoolee daldalaa, mirgoota mallattoolee daldalaan argaman dabarsanii kennuu, dhiisuu, haquufi gatii dhabsiisuu kan ilaallatuudha.

Boqonnaa 5ffaan, ittigaafatamummaa seera kalaqa sammuu cabsuun dhufuufi aangoo manneen murtii falmii qabeenya kalaqa sammuu ilaaluuf qaban kan keessatti xiinxalaman ta’a.

Bu’uuruma kanaan qaamoleen dhimmi ilaallatu hiikaafi maalummaa qabeenya kalaqa sammuurratti hubannoo qaban ni gabbifatu; hiikaafi maalummaa mirga waraabbii, mirga paatentiifi mallattoolee daldalaa irratti hubannoo qaban ni gabbifatu; ulaagaalee mirga waraabbii, mirga paatentiifi mallatoolee daldalaa argachuuf guutamuu qaban adda ni baafatu.

Dhimmoota mirga waraabbii, mirga paatentiifi mallattoolee daldalaa jalatti hammatamanirratti hubannoo qaban ni gaabifatu. Haguuggii seera idil-addunyaafi biyyoolessaa mirgoota waraabbii, paatentiifi mallattoolee daldalaa ilaallatan irratti hubannoo gahaa ni argatu. Hojiirra oolmaa seerota mirgota waraabbii, paatentiifi mallattoolee daldalaatiin walqabate rakkoolee raawwiifi seera keessatti mul’atan adda baasuun ni hubatu.

Biyya keenyatti sadarkaa yaaddessaarra kan jiru dhimma eegumsa mirga waraabbii kana daandiitti deebisuurratti waliigalteen xiyyeeffate qaamolee sadeenii dhiheenya kana taasifameera.

Waliigaltichi Ministeera Aadaafi Ispoortii, Abbaa Taayitaa Eegumsa Waraabbiifi Qabeenya Kalaqa Sammuufi Dhaabbata ‘Multi Choice Africa’ gidduutti kan mallattaa’e yoo ta’u, kaayyoonsaas rakkoolee damee kanarratti mul’achaa jiran walta’iinsa qaamolee mootummaafi dhuunfaatiin furuu ta’uu Daariktarri Ittaanaan Abbaa Taayitichaa Obbo Indaaluu Moosisaa ni ibsu.

Akka ibsasaaniitti; rakkooleen damicharratti mul’achaa jiran ittifayyadamummaa abbootii qabeenya sammuu sana qofa osoo hintaane, guddina damee aadaafi aartiis kan miidhuudha.

Kanaaf immoo guddina dijitaal Ikonomii xiyyeeffannoo keessaa galchuudhaan humna seerotaafi hojmaattota jiranii cimsuun barbaachisaadha.

Walumaagalatti; rakkoolee mirga waraabbiifi qabeenya kalaqa sammuu kana hojiitti hiikuun damee aadaafi aartiitiif murteessaadha.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 6 Bara 2017

 

Recommended For You