
Finfinnee: Hojii Ministeerri Jallisiifi Naannawa Gammoojjii misooma jallisii babal’isuuf raawwataa tureefi jiruun bu’aawwan galmaa’aniifi hanqinaaleen mul’atan maliidha? Ministeerichi hanqinoota mul’atan guutuuf maal hojjechaa jira?
Ministir De’eetaan Ministeera Jallisiifi Naannawaa Gammoojjii Obbo Abdurramaan Abdallaa ibsa torbee darbe Gaazexaa Bariisaatti kennaniin akka jedhanitti, ministeerichi misooma jallisii babal’isuurratti xiyyeeffatee socho’aa jira. Hojiin hidhawwan, jallisiiwwan guguddoofi jiddugaleeyyii ijaaruufi babal’isuu keessumaa naannawawwan gammoojjii bakka hanqinni roobaa jirutti hojjetaa jira. Hidhawwan ijaaraman bulchuufi suphuunis hojii ministeerichaan raawwatamaa jirudha.
Naannawaan horsiisee bulaa carraa misoomuu bal’aa qabaatus waan dagatamee tureef dinagdee biyyaa keessatti gumaacha barbaachisu taasisaa kan hinturre ta’uu himanii, ministeerichi yeroo ammaa omishaafi omishtummaa qonna jallisii guddisuufi badhaadhina maatii mirkaneessuuf hojjechaa jiraachuu eeru. Itoophiyaan utuu qabeenya bishaaniifi lafa jallisiin misoomuu danda’u guddaa qabduu osoo midhaan nyaataatiin of hindanda’in turteetti.
Tattaaffii waggoota muraasaa as horsiisee bultoota hirmaachisuun jillisii bonee babal’isuuf taasifameen bu’aawwan jajjabeessoon argamaa jiraachuu himanii, bara 2014 irraa eegalee qamadiin alaa galaa ture dhaabatee gara biyya alaatti erguun jalqabameera jedhu.
Fedhiin ummanni baddaafi gammoojjii misooma jallisiirratti qabus baay’ee dabalaa dhufeera. Qabeenyi biyyattii fedhii kana altokkotti guutuu waan hindandeenyeef mootumnaan karooraan irratti hojjechaa jiraachuus nihimu.
Jijjiirama bara 2010 dura gaaffii ummataa yeroof tasgabbeessuuf dhagaan bu’uuraa pirojektota jallisii guguddoo bakkawwan gara garaa kaa’amaa turuu yaadachiisanii filannoofi dhimmoota yeroo jala darbuuf ijaarsi pirojektota jallisii jalqabamanii addaan citanis hedduudha. Hoggansi amma jiru bajataafi humna biyyattii giddugaleessa godhachuun komii ummataa kana waljalaa deebisuuf hojjechaa jiraachaa jiru jedhu.
Akka Obbo Abdurramaan jedhanitti, tattaaffii ministeerichi ji’oota muraasaa as taasiseen jallisiin Godee Laga Shiniileerratti hojjetame tajajaajila kennuu eegaleera. Pirojektota kaanis hojiitti galchuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jira.
Dinagdeen biyya keenyaa waan qonnarratti hundaa’eef mootummaan omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuuf ammoo qonna keenya hirkattummaa roobaa jalaa baasuurratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jira.
Waqtii bonaafi bakkawwan hanqinni roobaa jirutti omishni qonnaa jallisiidhaan adeemsifamaa jiraachuu himanii, tattaaffii misooma jallisii babal’isuuf taasifameen omishaalee qonnaa alaa galaa turan kan biyya keessaatiin bakka buufamaniiru jedhan. Biyyattiin bara darberraa kaaftee omisha qamadiifi abukaadoo biyya alaatti erguu jalqabuus eeran.
Hayyuun Dinagdeefi Hawaasummaa Obbo Umar Goobee akka jedhanitti, yeroo ammaa addunyaan rakkoo jijjiirama qilleensaa hamaa keessa jirti. Sababa jijjiirama qilleensaatiin roobni xiqqaachaa dhufeera. Inisheetiiviin Ashaaraa Magariisaa Itoophiyaan rakkoo jijjiirama qilleensaa qolachuuf hojiirra oolchaa jirtu biyyoota addunyaa biroof fakkeenya gaarii ta’a. Biyyattiin sagantichaan waggoota sadan darbanitti biqiltuuwwan miiliyoona 35.5 dhaabdeetti. Kun rakkoo jijjiirama qilleensaan walqabatee mudatu qolachuu keessatti gumaacha olaanaa qaba.
Omishni qonna Itoophiyaa roobarratti xiyyeeffata. Hangi roobaa ammoo sababa jijjiirama qilleensaatiin hir’achaa waan jiruuf rooba fayyadamuun wabii nyaataa mirkaneessuun waan hindanda’amneef misooma jallisii babal’isuurratti xiyyeeffatamee hojjetamuu qaba. Pirojektonni Finnaa naannawa gammoojjiitti hojjetamaa jiran cimanii ittifufuu qabu jedhu.
Hojii jallisii babal’isuuf hojjetameen yeroo ammaa omishni qamadii baddaafi gammoojjiitti adeemsifamaa jiraachuu himanii, hojiin jallisii babal’isuu bajata guddaa waan gaafatuuf ittiyaadamuu qaba jedhu.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 6 Bara 2017