“Ji’a tokko booda gatiin bunaa waan gadi bu’uuf daldalaanis ta’e qonnaan bulaan dafee gurgurachuu qaba” -Obbo Bariisoo Fayyisaa

Finifnnee: Ji’a tokko booda gatiin bunaa waan gadi bu’uuf yuuniyeenonni, daldaltoonnis ta’e qonnaan bultoonni buna callaa of harkaa qaban yeroon gurgurachuu akka qaban Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise.

Hogganaa Ittaanaan Biirichaa Obbo Bariisoo Fayyisaa ibsa Roobii darbe waajjirasaaniitti miidiyaaf kennaniin, ji’a booda gatiin bunaa gadi bu’uu akka danda’u himaniiru.

Akka gatiin bunaa gadi bu’uuf sababa kan ta’e biyyoonni omisha bunaatiin addunyaarratti beekaman ji’a tokko booda gabaa addunyaaf dhiyeessuu waan eegalaniif kan biyya keenyaa dafee gabaarra yoo oole malee gatii dhabuu akka danda’u hubachiisaniiru.

Biyyoonni buna qulqullinaafi baay’inaan gabaaf dhiyeessuun beekaman kanneen akka Biraazil ji’a tokko booda heddumminaan gabaa addunyaaf waan dhiyeessaniif buna biyya keenyaarratti dhiibbaa uumuu akka malu Obbo Bariisoon dubbataniiru.

Bu’uuruma kanaan yuuniyeenonni, qonnaan bultoonniifi daldaltoonni Oromiyaa buna callaa of harkaa qaban yeroo ji’a hinguunne keessatti gatii madaalawaan gurgurachuu akka qaban dhaamaniiru.

Gabaa addunyaarratti barbaadamummaan buna Biraazil, Kolombiyaafi Veetinaam sadarkaa jalqabaarra kan jiru ta’uu kan ibsan Obbo Bariisoon, ji’a tokko booda gabaarra waan oolchaniif kan keenya hatattamaan gurguramuu qaba jedhaniiru.

Waggaa darbeefi barana alergii bunaarraa galii guddaan argamuus ibsanii; biyyoonni akka Biraaziliifi Kolombiyaa hongee waggaa darbe isaan mudateen gabaaf dhiyeessuu dhabuunsaanii bunni keenya gatii akka qabaatu taasisuu himaniiru.

Kana malees, biyyoonni gabaa bunaan beekaman kunneen hongee isaan mudateen alatti buna dulloome gamashaa turuu, haaraa dhaabaa turuun walqabatee yeroof gabaa addunyaa keessaa waan bahaniif barbaadamummaan buna Itoophiyaa akka dabalu gochuun sharafni alaa quufsaan argameera.

Ta’us ji’a tokko booda Biraazil oomisha bunaa qulqullinaanfi qabiyyeen hedduu ta’e gabaa addunyaaf dhiyeessuuf waan jirtuuf kanamalees barbaadamummaan bunasaanii daran olaanaa waan ta’eef waldaaleen, yuuniyeenonniifi qonnaan bulaan buna callaa of harkaa qaban dafanii gurgurachuu qabu jedhaniiru.

Hanga ji’aatti gurguranii kan of harkaa hinbaasne yoo ta’e gatiin gadi waan bu’uuf gamanumaa ittiyaaduun gatii madaalawaan gurgurachuun mala ta’uu ibsaniiru.

Barbaadamummaan buna keenyaa sadarkaa addunyaarratti akka olka’uuf gamanumaa hojiitti seenuuf jirra kan jedhan Obbo Bariisoon; kan dulloome gamashuun, haaraa heddumminaan dhaabuun qulqullinaanaafi baay’inaan gabaa keessa galuuf hojjechuun murteessaa ta’uu dhaamaniiru.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 6 Bara 2017

Recommended For You