
Osuma mortuun mortuu hortuun horti jedhama. Mootummaan jijjiiramaa Ministira Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmadiin durfamu gara aangootti dhufuu hordofee jijjiiramoonni Itoophiyaa sadarkaa addunyaatti beeksisan hedduu lakkaa’amaa jiru.
Faallaa kanaa immoo warreen jijjiiramni biyyattii isaan dhukkubu jijjiirama argan caalaa qaawwa xixiqqoo funaanuun imala jijjiiramichaa gurraachessuuf oggaa wixxirfatan dhaga’amu.
Ta’us mootummaaan jijjiiramaa ilaalcha warreen sammuun doofeen afarfamuuf gurra kan hinkennine waan ta’eef Itoophiyaa badhaateefi hundaaf tajaajila qixaa kennitu ijaaruuf humna guutuun socho’aa jira.
Warraaqsa dinagdee akka biyyaatti eegalameen eeggattummaan akka hafu ofirra darbamee gabaa alergiifis dhiyeessuun sharafa alaa argamsiisuun akka danda’amu qabatamaan agarsiiseera.
Keessumaa wabii midhaan nyaataatiin of danda’uu lammiileen walqabatee inisheetiiviiwwan gara garaa bocamanii gadi bu’uun hawaasni marti lafa xiqqoo qaburratti misoomawwan adda addaa hojjechuun fayyadamummaasaa mirkaneessaa tasgabbaa’uu gabaafis shoora olaanaa taphachaa jira.
Kanamalees inisheetiivii misooma qamadiin walqabatee hojii hojjetameen Itoophiyaan ofirra dabartee gabaa alergiif dhiyeessuun seenaa Afrikaanotaa jijjiiraa maqaashiis olkaasaa jirti.
Mootummaan jijjiiramaa kun rakkoo nageenyaa akka biyyaatti finxaaleyyiifi Shaneen walqabatee isa mudataa ture harka tokkoon qolachaa harka biraan misooma qabame saffisiisaa olka’insa Itoophiyaaf cichoominaan hojjechuun gama siyaasaanis gama dinagdeenis seenaa addaa hojjetaa tureera, ammas ittuma jira.
Gama dippiloomaasii biyyoota gara garaa faana taasisuunis injifannoowwan cululuqoo galmeessisaa kan jiru mootummaan jijjiiramaa kun otoo warra jette jettee afarsaniif gurrasaa hinkenniin hojii bilchina siyaasaatiin guutame hojjechuun imala jijjiiramaa ittijiramu gama maraan milkeessaa jira.
Misooma koriidariin walqabatee magaalaa guddoo Oromiyaafi Itoophiyaa, Finfinneetti tokko jedhee eegaluun magaalota biyyattii hanga baadiyyaatti diriirsuun sadarkaa Afrikaattillee magaalaa fakkeenya taate diigee ijaaraa kan jiru yoo ta’u, aanga’oonni Afrikaa walgahii Gamtaa Afrikaaf dhufan daawwannaa taasisaniin haaressi Finfinneef taasifame magaalotasaaniif fakkeenya irraa baratamu ta’uu ragaa bahaniiru.
Tibbanammoo seenaa Itoophiyaa kan addatti beeksisuufi olkaasu injinariingiin Hoomichoo rasaasa omishuurra darbee gabaa alergiif oolchuun sharafa alaa olaanaa galmeessisuu danda’u eebbisiisuun akka gurri keenya aaga dhagahu taasisaniiru.
Mortuun guddinni Itoophiyaa ishii dhukkubummoo injifannoo argamaa jiru kana gadi buusuuf miidiyaa hawaasaatiin duula oggaa banan mul’atu.
Kan oduun olola afarsee jiraachuu bare odeessu malee jiraachuu waan hindandeenyeef mootummaan warraaqsa Itoophiyaa jijjiiruuf qabatee ka’e milkeessaa abjuu mortuu maseensaa saffisa guddaa qabatee ka’e dhorkaa tokko malee ittifufaa jira.
Injifannoon gama dinagdeen, dippilomaasiifi pirojektota guguddaa hawaasa bal’aa fayyadamoo taasisan kanneen akka hidha Abbayyaa, Wancii, Dandii, Gorgoraa Cabaraa Curcuraa, Loojii Hara Basaqaa yeroo qabameef keessatti ijaarsisuun tajaajila barbaachisu akka kennan taasifameera.
Milkaa’inoonni kunniin hundi harka tokkoon misooma harka biraan rakkoo nageenyaa mudatan qolachuun jijjiirama galmaa’aa jiru yoo ta’u, hojiin hojjetamaa jiru injifannoo ololtoota oduu kijibaa afarsuun biddeena nyaachuu barbaadan biyyee nyaachisaa jiru waan ta’eef kan jajjabeeffamudha.
Mootummaan jijjiiramaa gama hawaas-dinagdeen hojii hojjeteen milkaa’inoota ajaa’ibsiisoo akkanaa galmeessisuun kan danda’amu ta’uu qabatamaan erga argee booda imala jijjiiramaa Itoophiyaan qabatte gufachiisuuf kan yaadan ofirraa qolachuuf ammoo hidhannoo teknolojiin ijaarameen of gahuun murteessaa ta’uun waliigalameera.
Bu’uuruma kanaan waraanni akka tasaa yoo biyyattiirratti baname bittaa rasaasaaf oliif gadi kaachuurra omisha rasaasa kilaashii isnaayperii, diishqaafi kan biroon of ijaaruun murteessaa ta’uun erga irratti waliigalamee Indaastiriin Injinariingii Hoomichoo yeroo gabaabaa keessatti ijaaramee tajaajila barbaadamu akka kennu ta’uusaan eebbifamee dhiyeessii rasaasa biyya keessaaf qaqqabuurra darbee ji’a sadii keessatti sharafa alaa doolaara miliyoona 30 argamsiisuun injifannoo cululuqaa galmeessisaa jira.
Gama biraatiin hidhannoon sadarkaa biyyaatti nubarbaachisu teknolojiin kan deeggarame, sadarkaa addunyaatti dorgomaa nu taasisuu qabu ta’uu mala ejjennoo jedhuun omishni diroonii waraanaa biyya keessatti misoomuu akka qabu kallattiin taa’ee har’a ija godhachuunsaa injifannoo dachaa yeroon barbaadu ta’uu Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmad dubbataniiru.
Meeshaa waraanaa teknolojii ammayyaan deeggarameen ofijaaruun walabummaa biyyaa kabachiisuuf dirqama biyyi namatti kennatte haalaan bahachuuf galaa gaafa xiiqiif qophaahee taa’udha.
Diroonota kanneen omishuu eegaluun Itoophiyaa waraana kaasuuf osoo hintaane kaayyoonsaa cimaan diina biratti caalanii argamuun waraana hanbisuuf kan kaayyeeffate ta’uus kaasaniiru.
Waggoota muraasa dura diroonii omishuun waan yaadamu hinturre. Haata’u garuu kutannoo siyaasaa mootummaan fudhataa jiruun hojiitti seenamee injifannoo galmaahaa jiru waan ta’eef Itoophiyaaf milkaa’ina guddaadha.
Kana qofa miti teknolojiiwwan kanaan walfakkaatan babal’isuun misoomsuuf ammallee qo’annoofi qorannoon keenya cimee ittifufuu qaba kan jedhan Doktar Abiyyi, imala Itoophiyaan gama maraan qabatte diina kan afaan qabsiisu, alaabaa biyyattii kan olkaasu injifannoo boonsaa ta’uu eeran.
Imala jijjiiramaa mootummaan sadarkaa biyyaatti qabatee ka’uun milkeessaa jiru akka lammiitti kan nama boonsu yoo ta’u, baandota biyyasaaniitti moraniifimmoo boo’icha abdii kutannaa kan gonfachiisu ta’ee argama.
Indastiriin Injinariingii Hoomichoo eebbifamee rakkoo dhiyeessii rasaasaa furuurra darbee sharafa alaa argamsiisuu eegale oduun jedhu yoo dhagahamu mortuun boolla seentu dhabdee ololaan miidiyaa hawaasaa dhiphisaa turte. Erga dhugaa jirus arganii booda waan qaanii ta’anii argamuun akka eebichaa mataan gadi isaan cabeera.
Ejjennoo yoom kanaan gaha jedhuun sagaleen misiraachoo diroononni waraanaa omishamuun alergiifis oolfamuu qaba jedhu wayita dhagahamu baandaan biyya keessaafi alaa waan jedhuufi kijibu dhabee harkasaa afaanirra kaawwachuun milkaa’ina sadarkaa biyyaatti galmaahaa jiru isaanitti hadhaa’us liqimsanii dhukkubasaaniirraa fayyuun dirqama itti ta’aa dhufeera.
Yeroo ammaatti ija kaleessaatiin Itoophiyaa har’aa madaaluun hindanda’amu, sabaabnisaas Itoophiyaan amma ijaaramaa jirtu ishee haaraa hunda qixa keessummeessitu hawaas-dinagdeefi siyaasaan kana malees walabummaashii tiksuuf biyya hidhannoo ammayyaan of ijaaraa jirtuudha.
Kanas ta’e sana imalli Itoophiyaa gara fuulduraatti waan ta’eef warri gufuu ta’uun sakaaluu barbaadan yoo jaalala biyyaa qabaatan daandiirraa haa ka’an yoo ka’uu baatan buqqisaa deemuun furmaata ta’a.
Baandonni biyya keessatti dhalatanii guddatanitti quba kaahaa qabsoo jijjiiramaa gama maraan taasifamu gufachiisuuf ololuun gantummaa ta’uu beekanii qalbii diddiirrachuun biyya diiguurraa biyya ijaaruu keessatti qooda fudhachuun dirqama yeroon gaafatudha.
Imala jijjiiramaa amma akka biyyaatti galmaa’aa jiruun Itoophiyaan biyya keessaa baqatan osoo hintaane biyya itti baqatan taatee yeroon ittiarginu fagoo miti.
Yoo mootummaa utubuu baanne milkaa’inoota sadarkaa biyyaatti galmaa’aa jiranitti bishaan naquuf yaaluun dura dhaabachuuf yaaluun dhaabachuu qaba.
Qaamonni qabsoo hidhananoof bosona galtanii jirtanis harka nagaaf diriire tole jettanii simachuun garaagarummaa siyaasaa jiru ilaafi ilaameedhaan furuun ijaarsa biyyaa saffisiifamaa jiru galmaan gahuu keessatti qooda fudhachuun murteessaadha.
Haata’u garuu faallaa kanaa ummata harkasaarraa nyaannee guddanne saamuun ajjeesuun ukkaamsuun eessayyuu kan nama geessisu akka hintaane beekuun waamicha araaraa taasifameef gurra kennuun akkuma obboleeyyan keessan warra galanii qe’ee maatii keessaniitti deebi’uun fayyadamummaa keessan mirkaneeffachuun murteessaadha.
Sirna dimokraatawaa ijaaramaa jiru jajjabeessuun aangoon dhaalaafi qawween daddarbaa ture filannoofi filannoo qofaan akka taasifamuuf mirga filuufi filatamuu akka qabannuuf qabsoon taasifamu siyaasa gabaan barbaaduufi caalmaa yaadaan ta’uu beekuun mala.
Walumaagalatti mootummaan imala jijjiirama qabatee ka’e milkeessaa abjuu mortuu maseensaa Itoophiyaa badhaaate ijaaraa waan jiruuf faana dhaabannee ashaaraa keenya qubachiisuun dirqama.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 6 Bara 2017