
Maqaan tasa hinbahu itti yaadamee muuxannoo, mudannoofi mul’ata fuulduraa maatiin ilmaansaaf qabu hordofee kan moggaafamudha. Namni akka maqaasaa ta’uus ta’uu dhiisuus danda’a haata’u garuu kan cichee hojjete akka maqaasaa ta’uurra darbee biyyasaaf nama abdatamu yeroo xiiqiillee lubbuusaa waakkii malee aarsaa kan godhudha.
Shamarree Waangaarii Abarraas akkuma maqaashii qaxalee hojii gaarii ta’e hojjechuun ofirra dabartee biyyasheef waardiyyaa dhaabattedha jechuun nidanda’ama.
Giddugala Itoophiyaa Sulula Qiinxamaa Magaalaa Adaamaatti dhalattee kan guddatte Paayileet Waangaarii Abarraan waan gaarii hojjettee shamarree biyyaaf ija taatedha.
Haadhaaf abbaanshees galmashii egeree raaguun maqaa bakka isheen geessu ibsuufi ga’umsashii ibsu Waangaarii jedhanii kan moggaasan fakkaatu. Intala abbaa dhaantu osoo hintaane kan abbaa caaltu taatee argamteetti; sanuu ilaalcha ofiifi maatiishii jijjiiruurra dabartee shamarree gaafa xiiqii biyyasheef waardiyyaa dhaabattu taateetti.
Ga’umsaafi ogummaanshee koorniyaan kan hindaagofne Ajajjuu Dhibbaa Paayileet Waangaariin dhiiraan qixa hiriirtee Jeettii Waraanaa akka Risaa qilleensa dhodhoosee diina hurreessu balaliisuun shamarree akka maqaashii taateefi sadarkaa biyyaattis maqaa qabdudha.
Shamarree taatee ogummaa addaa akkasii keessa gaafa seentu namoonni ilaalcha mogolee nama buusu kaasan jiru ani garuu isa sanaaf gurra hinlaanne. Nama mul’ataa waanin tureef akkuman yaade akkuman hawwe balaliistuu Xiyyaara Waraanaa ta’een jira homaa waan ulfaatu hinqabu jetti.
Haata’u garuu hanga ogummaasaa hinqabnetti ulfeessanii wanta hindanda’amne fakkeessanii kan odeessan hamilee namaa gadi buusan jiraachuufi sun sirrii akka hintaaneefi ilaalcha booddeetti harkisaa ta’us sana cabsitee bakka yaadde gahusheefi kanatti gammadduu akka taate gaafdeebii dhiheenya Etv Afaan Oromoo waliin taasisteen ibsiti.
“Inni kaan xiyyaara kalaqe nuti balaliisuu akka ulfaataatti ilaaluun sirrii miti. Ani mul’anni balaliistuu ta’uu ganamuma ijoollummaakootti na keessa bule. Barnoota kiyyattis qaxaleen ture. Mana barumsaa sadarkaa 1ffaa wayitan baradhu paayileetiin ta’a yaada jedhu yeroon kaasu hedduun natti qoosu turan” jetti.
Kan dubbatan nama dhaala akkuma jedhamu Shamarree Waangaarii Abarraa hawwii ganama keessaashii bule har’a of harka galfatteetti. Ogummaa balalii Xiyyaaraa ofharka galfachuu qofa miti saffisa libsuu ijaan akka Risaa qilleensa dhodhoosuun ga’umsa diina hurreessuu horattetti.
“Balaliistuu sanuu Jeettii Waraanaa ta’uun hinulfaatuu?” gaaffii jedhu wayita deebistu “Kan inni kaan hojjete balaliisuun waan ulfaatu hinqabu” jetti.
Sanuu Shamarree ta’anii bu’aa bahii hedduu keessa darbanii sadarkaa biyyaaf wabii ta’anirra gahuun carraa guddaa ta’uu kan kaastu Ajajjuu Dhibbaa Paayileet Waangaariin har’a mul’ataafi abjuushee ganama ishee keessa bule of harka galfattee qilleensa dorgomti. Balallii jalqabaa Jeettii Waraanaa daqiiqaa digdamaaf taasisteen isa baratte gochaan agarsiisuu waan tureef seenaa yoomiyyuu keessashiirraa hinbaane ta’uu dubbatti.
“Balalliin kun sodaafi gammachuun kan guutame ture. qabeenya guddatu amantaafi ittigaafatamummaan natti laatame. Yaada kana of keessatti guduunfadhee onnaadheen balallii daqiiqaa digdamaaf taasisee milkaa’inaan xumuruu danda’eera. Guyyaa sana hawwiin keessakoo barnootaan deeggaramaa ture qabatamaan hojiitti hiikamee arguu kootiin miirri gammachuu guddaa na weeraree ture” jetti.
Sadarkaa har’a irra geesse kanarra gahuuf bu’aa bahiifi gufuu jiruuf jireenyaa hedduu keessa darbuu kan kaaste Paayileet Waangaariin hojjedhee agarsiisuutti akka amantu himti. Yeroo ammaa ga’umsa ogummaa balallii Xiyyaara Waraanaan kan geesse yoo taatu balallii taasifamu mara keessatti ulaagaa guutamuu qabu nageenya keessoo qaamaa, balaliin dura sakatta’insa barbaachisaa xiyyaaraa taasisuu kanamalees gaaffiilee qophaa’ummaa karaa barsiisaa gaafataman sirriitti deebisuu gaafata jetti Paayileet Waangaariin.
Akka isheen jettuutti, balaliisuun dhibbantaa 100 lafarratti xumurama, qilleensarra erga gahamee qophaahummaan taasifamu hinjiru. Dogoggora sakandiin qilleensarratti lubbuun ofii darbuu dandaha; ittigaafatamummaa guddaadha. Kanarraa kan ka’e qophaa’ummaan balallii dhibbantaa 100 lafarratti xumurama kan jedhamuuf.
Ga’umsa cimaafi dandeettii addaa ogummaakeerratti horachuuf oolmaan ofii murteessa ta’uu eertee, kanaaf namoota bilchaataniifi ga’umsa qaban akkasumas, namoota mul’ata jijjiiramaa qaban waliin ooluun murteessaa ta’uu kaasti. Namoota guguddaa waliin ooluun gaariidha jechuun umriin kan fagaatan jechuu osoo hintaane namoota bilchina sammuu qaban, namoota ofirra fooyya’oo ta’anii muuxannoo addaa siif kennuu danda’an yoo ta’e waan irraa baratamu jiraachuu eerti.
“Namoonni akkasii ni karoorsu, waan karoorsan hojiitti ni hiiku. Kanaaf namoota ilaalchaan gadi bu’aa ta’an waliin ooluun hamileefi mul’ata namaa duubatti harkisa; nama kuffisa. kanaaf bakka siif malu dhaabachuun dirqamadha. Anas kanumatu nacimsee lafa mul’atakoo lafan yaade gaheen jira. Ofirra darbee biyyakoof dhaabachuu dandaheera. Kanaaf dargaggoonni keenya bifuma kanaan warra biyyasaaniif abadataman ta’uu qabu” jetti.
Akkasumas hoggantoota muuxannoofi ga’umsa addaa qaban waliin ooluun caalanii argamuuf daandii akka namaa ta’uu kaastee, ta’uus namoonni baay’ee kana gochuu dhiisuun mul’ata isaanii gufachiisuu waan danda’uuf nama kaayyoo ta’uun murteessaa ta’uu gorsiti.
Ogummaan balallii of kennuufi xiyyeeffannoo kan gaafatu yoo ta’u, itti gaafatamummaa guddaa ta’uusaatiin sana milkeessuuf kutannaafi yeroo ofii haalaan itti fayyadamuun dirqamadha jetti Paayileet Waangaarii.
Dubartii ta’anii hojii kutannoofi qophaa’ummaa guguddaa gaafatu keessa darbuun ulfaataa ta’us, miirri nidanda’amaa jiraannaan hunduu salphaa ta’uu kaasti. Bu’uuruma kanaan kan abaluun hojjete nan hojjedha jechuurra waan addaa hojjechuuf kaka’umsi keessashee jiru olaanaa ta’uufi isa kanaanis milkaa’uushee dubbatti.
Shamarran namoota hamilee isaan buusaniin duubatti deebihuu akka hinqabneefi lafa mul’ataafi yaada garaasaanii sana qaqqabuuf of kennanii hojjechuun dirqama ta’uu kaasti.
Yeroo qabdutti haalaan kan fayyadamtu Paayileet Waangaariin ga’umsashii cimsachuuf kitaabilee wabii murteessoo ta’an dubbisti. Imala jireenyashii keessatti jechamni “The Sky is for the Strong Person” Samiin nama jabaaf jedhutti kan amantu ta’uu yoo kaastu ogummichi kutannaafi onnee kan gaafatu akka ta’e himti.
Sadarkaa balaliistuu Xiyyaara Waraanaa har’a irra geesse kanaaf mul’anni keessashii isa ijoo yoo ta’u, gootonni damicha keessatti seenaa hojjetanii darbanis ta’e kan lubbuun jiran fakkeenya gaarii ta’uufi dubbatti.
Akka ibsasheetti Laggasaa Tafarraa, Baacaa Hundeefi Bazzaabbih Pheexiroos’faa Waangaariif qaaliiwwan moodela ta’an yoo ta’an, fakkeenyummaasaanii fudhattee biyyashii tajaajiluuf shamarree dhiira qixa hiriirtee alaabaa biyyashii kabachiisaa jirtudha.
Yeroo ammaattis dirqama itti laatame kamiyyuu galmaan ga’uuf ofkennitee hojjetaa kan jirtu Ajajjuu Dhibbaa Paayileet Waangaariin waggoota 16 as dubartoota balalii xiyyaara Itoophiyaa keessatti maqaa qaban keessaa ishee tokko ta’uu dandeesseetti.
Ilaalcha gadi qabaafi duubatti hafaa shamarran irra jirurraa kan ka’e ga’umsaafi ogummaa cimaan biyyasaanii ijaaruu osoo danda’anii kan golatti hafan akkuma jiran akka Ajajjuu Dhibbaa Paayileet Waangaarii ammoo damee siyaas dinagdeefi hawaasummaa keessatti qooda guddaa kan qaban tokko lama miti.
Waggaa waggaan guyyaan dubartootaa ‘March 8’ ni kabajama. Guyyaa kana kabajuu qofti gahaa waan hintaaneef Shamarran qaxalee mul’ata jijjiiramaa qaban kan akka Ajajjuu Dhibbaa Paayileet Waangaarii kumaatama damee hawaasummaa dinagdeefi siyaasaa keessatti horachuun biyya badhaate ijaarrachuuf ittigaafatamummaan dargaggootarra jiru olaanaa waan ta’eef of kennanii hojjechuun dirqama lammummaati.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 29 Bara 2017