Oromoo Harargeefi hariiroo meeshaalee aadaa kan billawa /gojoba/ jidduu jiru

Meeshaaleen aadaa hawaasicha keessatti argaman lakkoofsaan hedduudha. Meeshaalee aadaa faffaca’anii jiraachuurraa kan ka’eefi namoota hunda biratti akka barbaadametti yookiin hanga yaadame argachuun rakkisaa ta’us, hawaasni addunyaa kanaa kamuu meeshaalee aadaa gara garaa dhimmota addaa addaaf ittifayyadama.

Keessumaa qaroomina warra Kuush ganamaa birrati meeeshaan aadaa shoora olaanaa qaba. Meeshaaleen aadaa kunniin akkuma hawaasicha keessatti bakka olaanaa qaban sana hiikni isaan hawaasicha ibsuuf qabanis olaanaadha.

Qaamoleen duriifi ammayyaa, meeshaaleen aadaa ogummaa harkaatiin hojjetaman hawaasa abbaa ogummaa sana bocate ibsuuf bakka olaanaa qabu. Kana malees halluun meeshaalee aadaarratti mul’atu ergaa garagaraafi hiikaa mataasaanii qabu.

Meeshaaleen aadaa sirna fuudhaafi heerumaa keessattis faayidaa adda addaa qabu. Meeshaaleen kunneen fakkoommii mataasaanii waan qabaniif sirnicharratti barbaachisoodha. Fakkeenyaaf, gaafa sirna fuudhaafi heerumaa uffanni aadaa, meeshaaleen akka billawa, kallachaa, bokkuu, siiqqee, alangaa, kkf hawaasa kana keessati fakkoommii mataasaanii waan qabaniif gaafa sirna fuudhaafi heerumaa dirqama argamuu qaba.

Akka tasaa yoo hinargamiin hafe sirni sun akka hanquutti fudhatama. Mallattooleen uumamaan sirna fuudhaafi heerumaa irratti barbaachisan ittifufiinsa dhaloota dhufuuf abdii waan horaniif marga, billawa keelloo, siinqee, urgeessaafi kkf fayyadamu.

Kana malees meeshaaleen aadaa dandeettii kalaqaa hawaasa sanaafi eenyummaasaanii ibsuuf dorgomaa hinqaban. Haalli bokkuun, billawa alangaa, kallachi, caaccuun, siiqqeefi kkf uumaman beekumsa ammayyaa waliin walbira qabamanii yoo ilaalaman dandeettiin kalaqaa warra durii hubannaa gadifagoo akka gaafatan hubachuun nidanda’ama.

Hawaasni tokko meeshaalee aadaatiin miidhaginaafi eenyummaasaa ittiin mul’isuuf akaakuuwwan meeshaalee aadaa hedduutti dhimma bahuu danda’a. Oromoo Harargee biratti meeshaa aadaa yeroowwan adda addatti dhimma ittin bahan keessaa tokko billawa.

Billawa

Billawni meeshaa aadaa Oromooti. Gojobni /Billawa/Oromoo Hararageefi Walloo biratti akka mallattoo dhiirummaatti yoo fudhatameyyuu tajaajiloota adda addaatiif naqatama. Keessattuu yeroo cidhaa, jilaafi ayyaanotarratti nitajaajilamu.

Meeshaa aadaa lolaa ta’ee hawaasa keenya biratti ni tajaajila. Oromoon xiqqaatee xiqqaatu meeshaa aadaa kan lolaa kana mana ofii keessaa hindhabu. Yeroo lolaa meeshaa manaa qabuun waan ittiin itti dirmatuuf jecha mana ofii keessatti jabeeffata.

Kana malees yeroo loon tikfatu yoo jalaa kufan waan ittiin morma buusuufi waan bineensota adamoo ittiin qaluuf ofirraa hindhabu. Erga waa’ee billawaa hangana jennee booda gahee mirriysa keessatti qabu ilaaluunis barbaachisaadha.

Billawni uffata aadaa waliin hidhatama. Kunis qooda billawni lola keessatti qabu ittiin ibsuufidha. Kan biroo olaantummaa ummanni Harargee lola calii calaqqoorratti ittiin agarsiise ittiin ibsuudhafis bakka guddaa qaba. Fakkeenya olaantummaa billawaa mee mirriysaan haa ilaallu

Dibicha dachii guutuu

Osoo qaluu baatanii

Edaa ilma hamaa

Osoo dhaluu baatanii

Billawa garaa kaayanii

Raafuu keessaa yaasaanii

Billawa /Gojobni/ meeshaalee faaya dhiirotaa keessaa isa mudhiitti faayamu ta’ee kan ogeessi sibiila tumuun tolfamuudha. Sibiila billawa/ gojobni/ irra tolfamu sibiila cimaaf jabaarraa bocamuu danda’a. Billawni sibiila Sulbiifi Moroda tolfama.

Billawni /Gojobni/ sulbiirra tolchamu garmalee adiifi calaqqisaadha. Inni morodarraa bocamu immoo bishaan fakkaata, qarrisaas dafee hinjaamu, gatiinsaanis akkasuma ulfaataadha. Namoonni Gojoba kana tolchaniis warra ogumma sibiila tolchuu qaban malee abbumti abbaa fedhe billawa / Gojoba/ hin tolchuu jedha.

Meeshaan aadaa waraanaa mudhiirratti dalga hidhatamuudha. Meeshaan waraanaa kun cuubee waliin bocaan hanga tokko yoo walfakkaatanillee guddina sibiilasaatiin daran olaanaadha.

Oggaa sibiilli qara qabu keessatti suuqamu kun galkaa jedhamuun kan beekamu yoo ta’u, kal’oorraa tolfama. Meeshaa warri dhiirotaa uffata aadaa marxoo waliin hidhachuun gaafa jila, cidhaafi dhimmoota adda addaa qabu kan ittiin of miidhagsaniidha.

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 29 Bara 2017

(Muummee Jamaa, Waajjira Kantiibaa Magaalaa Ciroorraa)

 

Recommended For You