“Meelbaan gaafa humna guutuun omishuu eegalu fedhii biyya keessaarra darbee Afrikaatti hirmaachuun madda sharafa alaa ni ta’a” – Aadde Maartaa Balaay

Beekumsaafi muuxannoo umrii ijoollummaatiin biyya ormaatti horatte guduunfattee hawaasa keessaa dhalatteef gumachuuf gara biyyaatti kan galte, kabajaafi ulfina aadaafi ummatichaaf qabduuf jecha, osoo humna qabduu of tuffattee carraa muudamaa argaterraa qoolliffattee booddee immoo sadarkaa dhaabbilee misoomaa gurmaa’an afur bulchuutti kan dhufte, intalti qe’ee Hora Finfinneetti dhalattee beekumsa ammayyaa Ameerikaa waraabbattee yeroo ammaa kana Oromiyaatti facaasaa jirtu, Gaggeessituu Hojii, Dhaabbata Maxxansaa Meelbaa, akkasumas Gaggeessituu Hojii ‘O Produce Group’ Aadde Maartaa Balaay Keessummaa Bariisaa torbee kanaati.

Bariisaa: Mee jalqaba dubbiftoota keenya waliin walbaraa! Maqaafi iddoo dhalootaa keessanirraa eegalaatii.

Aadde Maartaa: Tole, jalqabarratti carraa kana naaf kennitanii keessummaa keessan nataasifachuu keessaniif ulfaadhaa! Ani Maartaa Balaayin jedhama, ijoollee Oromoo magaalaa Finfinneetti dhalatanii guddatan keessaa nama tokkoodha. Akka carraa ta’ee ani kan dhaladhes kan guddadhes asuma magaalaa Finfinnee keessatti waan ta’eef mudannoo ijoolleen Oromoo baadiyyaa Oromiyaa garaa garaa keessatti dhalatan hedduu sana hinqabu jechuudha.

Bariisaa: Barnoota hoo asuma Finfinnematti eegaltanii asumatti xumurtan moo? Haala barnoota waliigalaa keessan nuuf ibsaamee ?

Aadde Maartaa: Eeyyee. Akkuman siin jedhe dhalootni koofi guddinni koos hanga barnootaaf gara biyya alaa (Ameerikaatti) imalutti asuma waan tureef barnoota koo hanga sadarkaa lammataa asumattin baradhe. Mana barnootaa sadarkaa tokkoffaa tokko jedhee kanin eegale mana barnootaa Hiwot Birhaan jedhamutti yemmuu ta’u, Digriikoo isa jalqabaa immoo kan fudhadhe biyya Ameerikaa kutaa bulchiinsa Atilaantaa keessatti kan argamu, ‘Technical and Grace University’ jedhamurraa akaakuu barnootaa ‘Business Administration’ dhaan ture.

Ittaansuunis achuma biyya Ameerikaa, kutaa bulchiinsa Joorjiyaatti kan argamu kan Jorjia Tech /Inistitute of Technology/ jedhamutti barnootakoo kan digrii lammataa itti fufuun akaakuu barnootaa saayibar seekiwuritiin eebbifamee jira. Asirratti wanti siif dabaluu barbaadu tokko, digriikoo lammataa muummee saayibar seekiwuritiitiin yemmuun eebbifamu dabalataanis akaakuu barnootaa daataa maanajimantiinis akka maayinariitti eebbifamee jira. Kanaaf haalli barnootaa koo inni hanga ammaatti baradhee eebbifame isa kana kan fakkaatu ta’us, yeroo ammaa kanattis immoo digriikoo sadaffaa barachurrattin argama jechuudha.

Bariisaa: Gara Ameerikaatti kan imaltan barnootaaf moo achuma jiraachuuf ture?

Aadde Maartaa: Jalqaba barnootaaf ture, booda garuu barnootakoo xumuree jennaanis dalagaas achumatti eegale. Asirratti wanti hubatamuu qabu yoo jiraate, barachuufi hojjachuunis eebba digrii jalqabaatiin booda wantoota walitti hidhamiinsa guddaa qaban ta’uusaaniiti. Erga digrii jalqabaa eebbifameen booda, gama tokkoon barnoota hordofaa, gama biraan immoo hojii hojjachaa waan tureef gama lachuunuu ibsuun ni danda’ama.

Yeroon barnootarra jiruus ta’ee erga hojii eegaleen boodas garuu waggaa keessatti yoo xiqqaate yeroo gannaatti gara biyyaa dhufaa boqonnaa asitti dabarsaa waanin tureef foolii biyyaa irraa fagaadhee hinbeeku. Kana jechuun turtii waggaa torbaa barnootaafis ta’ee hojiidhaaf biyya Ameerikaa ture keessatti waggatti ji’ootni gannaa lama yeroo boqonnaa gara biyyaatti dhufnee dabarsinu waan ta’eef hariiroo qilleensaafi ummata biyyaa waliin qabu cimsachuuf hedduu na gargaaree jira.

Akka carraa ta’ee yeroo jalqabaatiif carraa hojii kan argadhe magaalaa Waashingitan Diisii keessatti yemmuu ta’u, dabalataanis Joorjiyaa keessattis dalagaa tureera.

Bariisaa: Gara biyyaatti galtanii asitti hojii kan eegaltan hoo yoomi, haala kamiin ture?

Aadde Maartaa: Akkuma duratti siin jedhe yeroon biyyarraa bahee gara Ameerikaatti imaluudhaan achitti barachaas, hojjachaa ture hundatti yoo xiqqaate waggaa waggaan ji’oota gannaa gara biyyatti dhufuudhaan maatii waliin dabarsuu amaleeffadhee ture.

Bara 2020tti garuu weerara dhibee Koronaa irraa kan ka’e daangessaaleen balalii xiyyaaraafi kanneen biroo waan tureef ganna sana gara biyyaatti osoo hindhufin hafee ture. Bara 2021 ittaanutti immo daangeessaaleen dhibee koronaatiin walqabatan hir’achaa waan dhufaniif, hojiis taanaan immoo teknolojii ammayyaatti fayyadamanii iddoo biraa taa’anii hojjachuun akka danda’amu waanin bareef gara Itoophiyaatti dhufuudhaan hojiilee irratti bobba’ee ofiifi biyyattiis gargaaruu danda’u adda baafachutti ka’e jechuudha.

Ani jalqabumarraa kaasee beekumsa barnoota ammayyaa biyya ormaatti argadheefi muuxannoo hojii biyya ormaatti gabbifadhe kana walitti qindeessee haala gara biyyaatti deebi’ee biyya kana gargaaruu itti danda’uu irratti yeroo hundumaa yaadaa ture.

Kanaaf waanin baradheen biyyatti deebi’ee biyya gargaaruun abjuukoo isa ganamaa waan tureef, gara biyyatti dhufee bulchiinsa naannoo Oromiyaa waliin haalli ittiin hojjachuu danda’u naaf mijatee jennaan haala kanaan gara biyya keessaatti hojii hojjachuutti gale jechuudha.

Kana yoo siin jedhu garuu akkuma gara biyyaatti deebi’een akka amma itti dalagaa jiru kanatti dhaabbata tokko akkan hogganuuf muudamee osoo hintaane, jalqaba bifa hojii kontiraataatiin Korporeeshiinii Injinariingii Oromiyaa waliin waliigaluudhaan hojii ji’oota lamaa sadii tokko hojjannee turre.

Bulchiinsi mootummaa naannoo Oromiyaa hojii kontiraataatiin akka nama bizinasa dhuunfaa dalagutti waliin hojii eegalle immoo hojii ani ji’oota muraasa keessatti korporeeshiiniichaaf hojjadhetti gammaduun inumayyuu dhaabbata guddaa tokko akkan hogganuuf carraa naaf kennan jechuudha.

Kunis Dhaabbata Maxxansaa Meelbaa akkan hoogganuufi dhaabbaticha reefu eebbifamee gara hojiitti galuuf jedhu natti kennan jechuudha.

Bariisaa: Akkuma isa duraa sana kontiraataan moo, muudamaan ture jalqaba gara Meelbaatti kan dabalamtan?

Aaddee Maartaa: Lakki kallattiidhumaan Dhaabbata Maxxansaa Meelbaa kana akkan hogganuuf muudamni naaf kenname malee koontiraataan hinturre. Akka natti fakkaatutti yeroo dura Korporeeshiinii Injinariingii Oromiyaa waliin kontiraataan hojjachaa ture sanatti dandeettiifi gahuumsakootti amanuudhaan ergama dabalataaf nayaadanii kallattiidhumaan dhaabbata maxxansaa kana akkan hoogganuuf natti kennan jechuudha.

Wanti beekamuu qabu tokko, osoo ani Korporeeshiinii Injinariingii Oromiyaa waliin hojii kontiraataa hineegaliin duras dhaabbata Maxxansaa meelbaa kana akkan hogganuuf gaaffiin naaf dhihaatee ture. Yeroo sanatti garuu ani gaaffii sana fudhadhee dhaabbaticha hogganuuf keessikoo qophii waan hinturreef muudama sana hinfudhanne.

Sababni guddaan ani yeroo sanatti muudama sana fudhachuu dhabeef immoo jibba hojii osoo hintaane, yeroo sanatti dhaabbata sanaaf waan gumaachuu qabu gahaa ni qaba jedhee hinamanne ture. Booda garuu hojii kontiraataanis ta’u bulchiinsa naannichaa waliin hojii eegaluun koo keessattuu bu’aan Korporeeshiinii Injinariingii Oromiyaa waliin hojjechuun galmaa’e sun naannichis yaada akka ani dhaabbata Meelbaa hogganuuf dhiheessaa ture irra deebi’ee naaf dhiheesse, anis hangamuu mormus gorsaafi deeggarsi qaamota bulchiinsaa olaanoo naannoo Oromiyaa irraa taasifamaa ture dhumarratti akkan dhaabbaticha hogganuuf karaa bane jira jechuudha.

Kunoo yeroo ammaa kanatti dhaabbata maxxansaa Meelbaa hoogganuu bira darbee dhaabbilee misoomaa shan ta’an kan of jalatti hammatte ‘O Produce Group’ sadarkaa hogganuu irra gahee jira jechuudha.

Akka carraa ta’ee yeroon ani gara dhaabbatichaatti itti dabalame sun yeroo mootummaan naannoo Oromiyaa riiformii dhaabbilee misoomaa naannichaa hojirra itti oolchaa ture waan ta’eef, dhaabbilee misoomaa Oromiyaa keessatti argaman hunda haala walitti dhiheenya isaan qabaniin, garee gareedhaan gurmeessee garee garaa garaa jalatti akka bulaniif hojmaata haaraa diriirsuuf yeroo itti qorannoon taasifamaa tureedha.

Booda qorannichi xumuramee gurmaa’insi haaraa dhaabbilee misooma mootummaa naannoo Oromiyaa kun xumuramnaan anis dhaabbilee misoomaa ‘O Produce Group’ akka hogganuuf ergamni dabalataa naaf kenname jechuudha.

‘O Produce Group’ dhaabbilee akka; Dhaabbata Maxxansaa Meelbaa, Warshaa Dhugaatii Keenyaa, dhaabbata ECAFCO warshaa mukaafi Garaajii, inarpiraayizii sibiilotaafi ujummoo Oromiyaafi dhaabbata ayka addis (Bullukoo) jedhaman kan of jalatti hammatu yemmuu ta’u, yeroo ammaa kana anis Gaggeessituu Hojii Olaanaa garee (group) kanaa ta’ee tajaajila jira jechuudha.

Bariisaa: Jalqabarratti Dhaabbata Maxxansaa Meelbaa qofaasaatti akka hoggantan carraan isiniif kennamnaan didaa turtan. Boodarratti garuu, gaaffii Meelbaa hogganuu bira darbitanii dhaabbilee guguddoo afuriifi shan of jalaa qabu ‘O Produce Group’ akka hoggantan isiniif dhihaate akkamitti fudhattan?

Aadde Maartaa: Gaaffii bareeda na gaafatte. Nama diyaasporaa ta’ee biyya ormaa waggaa hedduuf ture tokko kallattimaan dhufee dhaabbilee guguddoo akkasii kana akka hogganuuf yoo affeerte nama sana hedduu itti ulfaata. Kan itti ulfaatu immoo hojii teknikaalii hoggansa taatee hojjachuu dandeessu qofaa osoo hintaane, qophiin xiinsammuu haala biyyaafi birokiraasii bulchiinsaa baruun baay’ee murteessaa ta’a waan ta’eef.

Kanaaf jalqaba yeroo aadaa hojiifi iddoo hojii haaraatti dhufamu namni kamiyyuu hojii sana bifa barbaadamuun fiixaan baasuu danda’a moo hindanda’u jedhee of gaafachuun waanuma jiruudha. Kanaaf ture anis jalqaba yeroo akka Dhaabbata Maxxansaa Meelbaa akka hogganuuf gaafatamu sana xiqqoo qoollifachaa kan tureef.

Dhaabbanni kun dhaabbata maxxansaa tokkicha naannichi qabuufi xiyyeeffannoo addaatiin ilaallamu ta’uunsaa, maqamasaa irraa yoo kaane immoo calaqqee Gadaa Oromoo keessaa kan maddu ta’uunsaa dhaabbatichaaf iddoo olaanaa kennee dandeettiikoo immoo gaaffii keessa galchuunkoo kabaja aadaa Oromoofi qabeenya Oromootiif qaburraa kan madduudha.

Keessattuu ani muuxannoon koo irra jireessaan saayibar seekiwuuritii irratti waan tureef, dameen kun immoo irra jireessaan kan wal siqunnamsiisuufi yeroo hedduu waliin dabarsitus nama waliin osoo hintaane siistama waliin ta’uunsaa, dhaabbata akkasii hogganuun kun immoo qunnamtii namootaafi oppireeshiinii guyyaa guyyaa kan barbaadu waan ta’eef haalota kana walitti araarsuun yeroo kan gaafatu ture. Kanaaf haala kanaan hanga walbaruutti waan danda’uun deeggaraa, irra caalaa immoo hojii dhuunfaakoo hojjachuu irratti xiyyeeffachuus barbaadee waan tureef gaaffii muudamaa sana dafee fudhachuun natti ulfaate.

Boodarratti garuu dhawata dhawataan anis raawwiikoofi miirakoo ilaalaa, namootnis immoo hojiikootti amanaafi isa caaluuf na hawwaa yemmuu deeman dubbiin jijjiiramaa dhufe jechuudha.

Dhugaa dubbachuuf anas taanaan dhaabbilee guguddoo akkanaa kanneen hogganuudhaaf dandeettiifi gahuumsakoo shakkaan ture. Warri muudama sana naaf kenne garuu karaasaaniitiin dandeettiikootti amananii turan. Waan tokko ni danda’a jettee eegaltee booddee kufuu irra, hindanda’u jechaa of shakkaa eegaltee booddee bareedaafi bu’aqabeessa ta’e argitu nagammachiisa.

Kanaaf tumsa maatiikoo keessattuu abbaa warraakoo, hoggantoota naannoo Oromiyaafi waahillan iddoo hojiitiin garuu qoollifannaan dura dhaabbata tokko hogganuu hindanda’u jechuun walqabatee ture sun yeroo ammaa kana dhaabbilee guguddoo afuriitti ol guddachuu danda’eera.

Anis immoo erga gorsaafi tumsa qaamota garaa garaatiin gara hojiitti galeen booda haala hojiifi birokiraasii hojiitiin walqabatee jiruun wal baruunkoo ofitti amanamummaakoo naaf dabaluusaatiin yeroo ammaatti dhaabbata tokko (Dhaabbata Maxxansaa Meelbaa) hogganaa, dabalataan immoo ‘O Producer Group’ kan dhaabbilee akka Meelbaa afur of jalaa qabus sadarkaa hogganuu irra gahee jira jechuudha.

Bariisaa: Kanaafuu milkiin Meelbaa hogganuu keessatti horattan gara dhaabbilee afur bulchuutti isin geesseera jechuudhaa?

Aadde Maartaa: Akkas jedheetan amana. Kana jechuun garuu Dhaabbanni Maxxansaa Meelbaa yeroo ammaatti rakkooleesaa hunda hiikkatee fixateera amantaa jedhuun miti. Yeroo kamiyyuu tanaan jijjiiramni waan dhawataan dhufu malee al tokko jijjiiramee waan dhumuu miti. Dhaabbanni kun immoo dhaabbata guddaa naannichi xiyyeeffannoo addaatiin ilaalu waan ta’eef fedhiin bulchiinsi dhaabbaticha milkeessuuf qabuufi hawaasni naannichaa immoo fayyadamummaa waliin qabu olaanaadha.

Fedhii guddaa gamaafi gamanaan jiru kana bifa guutuu ta’een deebisuun immoo waan yeroo gaafatuufi dhawataan deebi’u malee waggoottan muraasaa nuti hogganne kanatti eegalamee xumuramuu miti.

Bariisaa: Meelbaa osoo isin hindhufiin dura haala tureefi erga gara hoggansaatti dhuftanii booda jijjiirama jiru akkamiin ibsitu?

Aadde Maartaa: Wanti beekkamuu qabu tokko, yeroo ani gara hoggansa dhaabbata kanaatti dhufu dhaabbatichi sadarkaa pirojektii irra ture malee gara omishaatti kan gale hinturre. Kanaaf dhaabbata reefu warshaansaa ijaaramee eebbifamettin dhufe jechuudha.

Bu’aa dhufaatii koofi dhufuu kootiin dura dhaabbaticha keessa ture wal dorgomsiisuun sababa kanaaf ulfaataa ta’a. Yeroo ani gara hoggansaatti dhufu dhaabbatichi reefu eebbifamee gara hojiitti garuu hingalle ture. Kanaaf dhaabbata sadarkaa pirojektii tureefi erga gara hojiitti galeen booda jiru bu’aa dhufe dorgomsiisuun ulfaataa ta’us, dhuma bara 2014 erga nuti gara hooggansaatti dhufneen booda wantootni hedduun fooyya’anii jiru. Akka fakkeenyaatti yoon siif kaase dura rakkoo guddaa kan turan wantootni akka kanfaltii yeroodhaan kanfalamuun, namoota hedduu gara hojiitti galchuun, kitaabilee barataafi kanneen biroo qulqullinaafi baay’inaan dhiheessuun danda’amee jira.

Barri 2014 Meelbaan pirojektirraa gara oppireeshiiniitti kan itti galeedha. Kanaaf baroota sanaan booda turan sadeen darban kana keessatti maxxansa kitaaba barataatiin walqabatee Meelbaan gahee leencaa fudhateera jechuun ni danda’ama.

Waggoottan sadeen erga meelbaan gara omishaatti galeen booda jiran kana keessatti Biiroo Barnootaa Oromiyaa waliin kitaabilee miliyoona 33 ta’an dhiheessuuf waliigaltee mallatteessinee kan turre yemmuu ta’u, kana keessaas karooricha dhibbantaa 88 ta’u milkeessuun danda’amee jira.

Akkuma beekamu akkuma biyyattuu maxxansaaf waraqaan hundi biyya alaatii kan galu waan ta’eef karooricha bifa qabameen guutuutti raawwachuuf gufuu ta’uunsaa waan hinoolleedha.

Akka carraa ta’ee immoo akkuma Meelbaan gara hojiitti galeen jijjiirran kaarikulamii barnootaa waan dhufeef gabaa guddatu nuuf baname. Nuti immoo sababa humna namaa damee maxxansaa kanarratti ogummaa qabu gahaa ta’e dhabuufi waraqaan biyya alaatii sadarkaa barbaadamuun bitamuun walqabatee akkasumas teknolojiin maxxansaa kun biyya keessatti baay’inaan jiraachuu dhabuunsaa dorgommii waan hinqabneef carraa gabaa argame kanatti bifa guutuu ta’een fayyadamuuf qaawwa uumee jira.

Dhaabbanni maxxansaa kun umrii gabaabaa haa qabaatu malee kaayyoofi galma dheeraa qaba. Itoophiyaa irra darbee baha Afrikaa keessatti haala hojjachuu danda’u irratti wanti yaadame jira. Humna sadarkaa sanatti hojjachuus immoo qaba.

Kanaaf yeroo ammaa kanattis dhaabbatichi humna guutuun hojitti hingalle waan ta’eef, gaafa humna guutuun hojitti gale fedhii biyya keessaa guutuu bira darbee gara biyyoota ollaatti babal’achuudhaan sharafa alaa kan fiduudha.

Yeroo ammaa kana Meelbaan guyyaatti kitaaba barataa kuma 120 ta’u maxxansaa kan jiru yemmuu ta’u, yeroo dhihoo keessatti humna kana gara guyyaatti kitaabota kuma 200tti maxxansuutti ol guddisuuf hojjachaa jirra. Dhaabbatichi yeroo ammaa kanatti hojjattoota 500tti dhihaataniif carraa hojii uumee kan jiruudha.

Dhaabbanni maxxansaa meelbaa gaafa hundaa’u liqii qarshii biliyoona 3.3 Baankii Misoomaa irraa argateen yemmuu ta’u, yeroo ammaa kanatti immoo qabeenyi dhaabbatichaa waliigalaan gara qarshii biliyoona sagaliitti guddateera.

Bariisaa: Yeroo nuuf kennitaniif galatoomaa!

Aadde Maartaa: Isinis hedduu galatoomaa!

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 29 Bara 2017

Recommended For You