Maarchi 8 qofa otoo hintaane dubartoonni haa kabajaman

Har’i akka moggaasa warra faranjiitti Maarchi 8 ykn Bitootessa 29, Guyyaa Dubartoota Addunyaati. Guyyaan kun sochii qabsoo hunda hammataa dubartoonni taasisaniifi bu’aasaa yaadachuuf; dadammaqsawwan babal’oo adeemsisuudhaan dhimmoota dubartootaan walqabatanirratti hawaasaaf hubannoo uumuuf, odeeffannoo wayitaawaa kennuuf akkasumas dhimmamtoonni dubartootarratti hojjetan hundi akka dubartoota kabajaniifi rakkoolee mudatan wajjummaan furuuf akka tattaafan gochuuf sadarkaa addunyaatti kabajama.

Guyyichi walqixxummaa koorniyaa dhugoomsuudhaan dubartoonni dhiibbaa rogdaneessa keessa turan keessaa akka bahaniifi dameewwan dinagdee, hawaasummaafi siyaasaarratti qixa hirmaataniifi fayyadamtoota ta’an gochuu bira darbee ayyaanichi kutaan hawaasaa gartokkeen kun hawaasicha biratti akka beekamtiifi iddoo maluuf argataniif taatee sadarkaa addunyaatti bu’uura cimaa buuseedha.

Guyyaan barana sadarkaa addunyaatti yeroo 114ffaaf, biyya keenyatti ammoo al 49ffaaf mataduree, “Jijjiirama hunda hammataa saffisaafi ittifufiinsa qabu hirmaannaa dubartootaatiin mirkanaa’a” jedhuun sadarkaa biyyaalessaatti qophiilee adda addaatiin kabajamaa jira.

Akkuma beekamu mootummaan mirga dubartoota biyya keenyaa eegsisuuf, hirmaannaafi fayyadamummaasaanii gama hawaasummaafi dinagdeetiin mirkaneessuuf akkasumas tarkaanfii cimaa gumaachasaanii hoggansaafi murtii kennuu guddisuuf fudhataa jiruun jijjiiramoonni jajjabeessoon galmaa’aniiru, galmaa’aas jiru.

Jijjiiramoota dameelee hundaan galmaa’an ittifufsiisuufi sirna walqixxummaa koorniyaa idileessuuf tooftaawwaniifi hojmaatawwan adda addaa bocee hojiirra oolchuun raawwiisaatiif qaamolee dhimmamtootaa wajjin xiyyeeffannaan hojjetaa jira.

Ergaawwan mataduree ayyaanichaarratti ibsaman milkeessuuf hojiileen damee dameedhaan wixinaman saffisaafi sadarkaan barbaadamuun raawwatamuu qabu. Kanaafis gumaachi dubartootaa olaanaa ta’us kan hawaasa bal’aas murteessaa waan ta’eef hojiilee gabbisa hubannoorratti xiyyeeffannaan hojjechuun daran barbaachisaadha.

Keessumaa barana ayyaanichi haalota gurmaa’iinsa misoomaa dubartootaa cimsuufi moodelota uumuun, aadaa qusannaasaanii guddisuun danda’amuun, dubartoota kuma 15f tajaajila liqii mijeessuufiin akka hojiilee galii argamsiisanirratti bobba’an gochuufi walitti hidhamiinsa gaba uumuufiin fayyadamoo dinagdee akka ta’aniif xiyyeeffannoon hojjetamaa jiru keessatti kabajamaa jira.

Damee hawaasummaatiinis dubartoonni miliyoonni afur qorannoo kaansarii harmaafi fiixee gadameessaa akka adeemsisaniifi fayyasaanii eeganiif hojiilee gabbisa hubannoo dursanii kennamaa turan ammas cimanii ittifufu.

Gama biraatiin dubartoonni kuma 45 bittaa boondii hidha Abbayyaarratti hirmaachuun milkaa’ina ijaarsa hidhichaatiif dirqama lammummaasaanii akka bahataniif hojmaanni diriiree hojiitti hiikamaa kan jiru yoo ta’u, kanaanis bittaa qarshii miliyoona 22.5 raawwachuuf hojjetamaa jira.

Kana malees dubartootaafi ijoollee dubaraa sababa rakkoolee uumamaafi namtolcheetiin miidhaaf saaxilaman utubuuf hojiin qabeenya walittiqabuu; leenjii dandeettii bizinasii kennuu, wiirtuulee bayyanannaa hundeessuu, gamtaawwan misoomaa haaraa ijaaruufi kanneen jiranis cimsuudhaan kabajamaa jira.

Dubartoonni fayyadamoo teknolojiiwwan sasalphaa baasii, yeroofi humna qusatanii akka ta’aniif gabbisa hubannoo kennuun, dameewwan carraa hojii jiranirratti akka hirmaataniifi fayyadaman gochuu, ijoollee dubaraa barsiisuu, dubartoonni ijaarsa nageenyaafi walittibu’iinsa furuu keessatti gumaachasaanii akka bahatan gochuufi kkf irratti hojjechuun qaama iddoo xiyyeeffannoo ijoo Maarchi 8 baranaati.

Walumaagalatti hundarra Maarchi 8 kabajuu maddiitti gochoonni suukanneessoon keessumaa yeroo dhiyoodhaa as biyya keenyatti haadholii, shamarran, daa’immaniifi ijoollee dubaraarratti raawwatamaa jiran gonkumaa dhaabachuufi dhadheeffamanii balaalefatamuu qabu. Kanaanis guyyicha qofa otoo hintaane dubartoota kabajuun adeeffamuufi idileeffamuu qaba

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 29 Bara 2017

Recommended For You