Komishinar Geeraawarqi qormaata komishinarummaa ‘FIFA’ dabarte

Finfinnee: Taajjabduu (Komishinara) Kubbaa Miilaa Naannoo Oromiyaa, akkasumas Pirezidaantii Waldaa Murteessitoota Naannoo Oromiyaa kan taate Geeraawarqi Katamaa Qormaata Komishinarummaa Idil Addunyaa (FIFA) darbuushee Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Oromiyaa ibse.

Geeraawarqi Katamaa Naannoo Oromiyaaf dubartii jalqabaa Murteessituu Kubbaa Miilaa Intarnaashinaalaa kan turte yoo taatu, yeroo ammaa Komishinarummaan Sadarkaa Naannoofi biyyaatti tajaajilaa kan jirtuufi Pirezidaantii Waldaa Murteessitoota Naannoo Oromiyaati .

Akkaataa sirna haaraa ‘CAF’ komishinaroota tapha filachuuf baaseen, komishinaroota tapha idil addunyaa hogganan waggaa lamatti al tokko qormaata fudhachuun filatamuu qabu. Komishinaroonni galmaa’an, qormaata barreeffamaa, teknolojiifi afgaaffii kennameen Itoophiyaa irraa dhiira lamaafi dubartootni lama waliigalaan komishinaroonni afur qormaaticha darbaniiru.

 

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 29 Bara 2017

Recommended For You