
Gurmaa’insi humna waan ta’eef namni beekumsaafi qabeenya qabu walitti fidee yoo waliin hojjete karaa salphaa ta’een hojii guddaa hojjechuu danda’a. Mootummaanis hojidhabdoota dhuunfaatiin hojiitti galchuurraa gurmeessuun hojiitti galchuutu salphataaf. Yaadama kanaan Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti dargaggootni gurmaa’anii hojiitti galuun ofiisaanifis ta’ee biyyaaf bu’aa buusaa jiru.
Gaazexaan Bariisaa tibbana Bulchiinsa Magaalichaa Kutaa Magaalaa Laga Xaafootti dargaggoota waldaadhaan gurmaa’anii hojjechaa jiran daawwateera.
Dargaggoo Habtaamuu Abduu Gaggeessaa Hojii Waldaa Sharika Omisha Saamunaa Ayyaluu, Maartaafi Hiriyootasaanii turtii Gaazexaa Bariisaa waliin taasiseen akka jedhetti, bara 2011 namoota sadi ta’anii kutaa magaalichaa, Aanaa Dambalitti waldaadhaan gurmaa’udhaan hojii omisha saamunaarratti bobba’an.
“Kutaan Magaalichaa akka nuti hojiitti galluuf deeggarsa guddaa nuuf taasise. Nuti miseensotni waldichaa manneen barnoota olaanoorraa erga eebbifamnee booda mana mootummaa keessatti qacaramnee hojjechuu barbaanna turre. Yeroo hojii barbaadaa turretti jireenya keenya fooyyeffachuuf filannoon sammuu keenya keessa ture qacaramummaa ture. Haa ta’u malee, bulchiinsi kutaa magaalichaa hojii hubannoo cimsuu nuuf kenneen ilaalchi nuti yeroo sana qabnu jijjjiiramuu danda’ee, fedhiin qacaramummaa keessa keenyaa bahee fedhii hojii uumachuu qabaachuu dandeenyeerra’’ jedha.
Hojii barbaacha faaddaalota seeraan alaatiin gowwomfamuun karaa seeraan alaa gara biyya alaatti imaluun rakkoowwan garaagaraaf saaxilamanii erga deebi’anii mootummaarraa deeggarsa argatanii hojiitti kan galan ta’uu dubbatu. Ogummaan isaan ittiin eebbifaman Injinaringii Keemikaalaa ta’uu eeree, hojiin omishaa yeroo ammaa isaan irratti bobba’anii argaman ogummaa isaan baratan faana waan walfakkaatuuf bu’a qabeessummaa waldichaatif sababa ijoo ta’uu hima.
Namootni biroo isaan waliin gurmaa’anis ogummaa garagaraa kan qaban ta’uufi ogummaan miseensotni kunneen qaban; kaka’umsi isaan bira jiru, fedhiin cimanii hojjechuu miseensota kunneenii waldichi bu’a qabeessa akka ta’u isa taasisuu dubbata.
“Ani Ogummaa Injinaringii Keemikaalaa waanan qabuuf gaggeessaa hojii ta’us, baay’inaan waldicha keessatti hojiilee teknikaa kan keemikaala faana walqabatanirrattin hojjedha, miseensotni warri hafan immoo akkaataadhuma ogummaasaanii ittiin eebbifamaniitiin gahee hojii walii qoodne hojjechaa jirra” jedha.
Miseensota kunneen keessaa ogummaan nama tokkoo ogummaa ‘Marketing’ waan ta’eef miseensi kun hoji gabaa faana wal qabate hojii maamila baay’ifachuu hojjechaa jira. Akkasuma walfakkaatuun miseensi tokkommoo ogummaa Akkaawuntiingiitiin waan eebbifameef waldicha keessatti hojii herreegaa deeggaraa jiraachuu hima.
Waldichi yeroo hojiitti galu leenjii qofa osoo hintaane mootummaan liqiifi iddoo hojii waldichaaf mijeessera. Yeroo ammaa Baankii Siinqee irraa liqiin qarshii kuma 250 mijateefiira. Maashinoota jabanaa fayyadamuudhaan istaandaardii kaampaaniiwwan guguddaatiin omishaa jiru.
Har’a kaappitaalli waliigalaa waldichaa qarshii miliyoona 11 ol qaqqabeera. Dargaggootni kunneen ofisaaniitiin galii fooyyee qabu argachaa jiru, mootummaadhaafis galiii argamsiisaa jiru.
Waldichi namoota 40 oliifis carraa hojii uumera. Yeroo ammaa hanqina galtee omishaa isa mudate furuufi galtee omisha saamunaaf barbaachisu omishuuf indastirii biraa iddoo biraatti banuuf lafti kaaremeetira kuma sadii kennameefii jira.
Haaluma walfakkaatuun Waldaan Sharika Huccuu Hodhaa Tigist, Aragguufi hiriyootasaanii jedhamu kan aanicha keessatti argamus gamasaatiin gurmaa’insaan hojjechuudhaan guddina ariifachiisaa galmeessisaa jira.
Gaggeessituun Hoji waldichaa Aadde Tigist Damissee akka jedhanitti, miseensota sadiin waldichi bara 2014rraa eegalee hojii huccuu hodhaarratti bobba’ee miseensota nama lama ofitti dabalee yeroo ammaa miseensota nama shaniin hojjechaa jira. Hojidhabdoota namoota 67fis carraa hojii uumuu danda’eera. Waldichi gara hojiitti akka galuuf mootummaan iddoo hojiifi liqii qarshii miliyoona 10 mijeessefiira.
Waldichi namoota hojii hinqabneef huccuu hodhaarratti leenjii kennuudhaan walakkaansaanii waldichuma keessatti qacaramanii akka hojjetan, gariinsaanimmoo iddoo biraatti qacaramanii akka hojjetanis ta’ee ofiisaanitiif hojii mataasaanii akka hojjetan gochaa jira.
Waldichi erga hundaa’ee namoota of biratti qacareen alatti namoota 58 leenjisee baaseera. Waajjira Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Kutaa magaalichaatiin irra caalaan namoota leenji’an kanaa gurmaa’anii hojiitti galaniiru.
Namootni leenji’an kun hojidhabdoota waan ta’aniif yeroo leenjiirra turan galii ittiin jiraatan waan isaan barbaachisuuf waldichi namoota kunneenif qarshii 2000 kenneefii isaan leenjisa. Adeemsa leenjii kennuu kana keessatti waldichi baasii dabalataa malee galiin inni argatu hinjiru.
Akka Aadde Tigistitti, baroota kanaan dura turan keessatti sektaroota mootummaa garagaraatiin walitti hidhamiinsi gabaa taasifamaafii waan tureef rakkoon gabaa dhabuu baay’e isaan mudatee hinbeeku. Haata’u malee, bara kana walitti hidhamiinsa gabaa waldichaaf waan hintaasifamneef waldichi rakkoo gabaatiif saaxilamaa jira.
Qaamotni waldichaaf meeshaalee dheedhii dhiyeessanis nagayee malee dhiyeessuu waan barbaadanif waldichimmoo nagayee malee bituu waan hindandeenyef qaamota galtee isaaf dhiyeessan dhabuudhaan hanqinni galtee isa mudachaa jiras jedhaniiru.
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 29 Bara 2017