Gareen kubbaa miilaa dubartootaa Itoophiyaa umrii 17 gadii har’a taphata

Waggaa lamatti al tokko kan qophaa’u walmorkiin geeba kubbaa miilaa dubartoota guddattoota addunyaa umrii 17 gadii ALA Onkololeessa 28 hanga Sadaasa 16 bara 2008 Niwuzlaanditti adeemsifame. Waggoota 17 kan lakkoofsise waldorgommichi waggoottan kanneen keessatti yeroo saddeetiif adeemsifameera.

Walmorkiin kun erga jalqabamee kaasee biyyoonni shan shaampiyoonaa ta’uun waancaa fudhataniiru. Kooriyaan Kaabaa yeroo sadiif waancaa fudhachuun ishee kan yaadatamudha. Ispeen ammoo al lama mo’achuudhaan waancaa kana fudhatteetti. Jaappaan, Kooriyaan Kibbaafi Faransaay ammoo yeroo tokko tokkoo shaampiyoonaa ta’aniiru.

Waancaan kun yeroo 9ffaaf ALA Onkoloolessa 17 hanga sadaasa 8 bara 2025 gareewwan 24 jidduutti Ardii Afrikaa, Morookootti adeemsisuuf sagantaan isaa baheera.

Waancaa kanarratti hirmaachuuf gareen dubartootaa Itoophiyaa umrii 17 gadii walmorkii gulaalaa godhachaa jira. Tapha gulaalaa duraa Zimbaabuwee wajjin taasifattetti mo’amuun isaa kan yaadatamudha.

Gareen kun tapha gulaallii lammaffaa har’aa garee dubartoota Kaameeruun wajjin magaalaa Yaawundeetti taasifata jedhamee eegama.

Walmorkii kana ilaalchisuun leenjistuun garichaa Raawudaa Alii osoo finfinneedhaa hin ka’iin ibsa Roobii darbe Gaazexaa Bariisaaf laatteen gareen Kaameeruun gareewwan kubbaa miilaa Afrikaa Lixaa keessaa cimaa ta’uu himti.

Taphattoonni isaa qaamaan ciccimoota hojjaan dhedheeroo akka ta’an yoo kaasan taphattoonni keenya qaama cimaafi dadhabaa garichaa viidiyoon sirriitti ilaalaa turre kunimmoo qophii keenyaaf nugargaara jetti.

Bu’uura kanaan hanqina jaraa adda baafannee qabxii keenya eegsisnee bahuun tapha deebii kan finfinneetti taasifannutti mo’annee tapha itti aanuuf akka dabarru abdiin jiraachuu kaasteetti.

Garee dubartootaa Itoophiyaaf taphattoonni 18 kan filataman kilaboota liigii piriimeeriifi liigii biyyaaleessaa Itoophiyaa, akkasumas akkaadaamii leenjii Ispoortii dargaggoota Itoophiyaafi giddugala leenjii Xirunash Dibaabaarraa waan ta’eef waggaa guutuu dorgommiirra waan turaniif walmorkiin kun akka hinulfaanne ibsiteetti.

Haaluma kanaan taphattoonni keenya walmorkii kanaaf qaamaanis ta’u sammuun qophaa’oota ta’uusaaniifi fayyaa qabeessota kan jettuu leenjistuun tun, onnee guutuudhaan taphatanii mo’annaaf qophaa’usaanii ibsiteetti.

Garee kubbaa miilaa dubartootaa Itoophiyaa

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 29 Bara 2017

 

Recommended For You