“Bu’uura ispoortii ammayyaa kan ta’e ispoortii aadaa keenyaa kunuunsuu qabna” Obbo Makiyyuu Mahaammad

Ispoortiin Aadaa bu’uura ispoortii ammayyaati. Ispoortiin ammayyaa Itoophiyaatti utuu hinjalqabin dura bal’inaan adeemsisamaa kan ture ispoortii aadaati.

Ispoortiiwwan aadaa kanneen akka gulufa fardaa, wal’aansoo, korboo, kollee (Qillee), tapha saddeeqaafi kan kana fakkaataniidha. Ispoortiiwwan aadaa kunneen akka hin irraanfatamneefi ummatnis akka irratti hirmaatuuf Ministeera Aadaafi Ispoortii Federaalaafi Federeeshinii Ispoortii Aadaa qindoominaan irratti hojjechaa jiru.

Ispoortiin Aadaa 22fi Feestivaaliin agarsiisa aadaa 18ffaan har’a irraa eegalee guyyoota kudhaniif turu Naannoo Giddugala Itoophiyaa, Magaalaa Hosa’inaatti adeemsifama.

Ministera Aadaafi Ispoortiitti, Ministir De’eetaa Damee Ispoortii Obbo Makiyyuu Mahaammad akka jedhanitti, bulchiinsota magaalaa Finfinneefi Dirree Dhawaa dabalatee naannooleen hundi

dorgommicharrattiakkaakuuwwan ispoortii aadaa gara garaatiin ni hirmaatu.

Manguddootni, qonnaan bultoonni, horsiisee bultoonni, baratoonni, manneen barnootaafi hojjettoonni mootummaafi kutaaleen hawwaasa garagaraa dorgommicharratti kan hirmaatan ta’uus eeranii, ispoortiin kun hariiroo ummataa cimsuu keessatti qooda guddaa kan qabu ta’uus himaniiru.

Ispoortiin aadaa kun altokko ho’ee yeroo biraa ammoo qabbanaa’aa adeemsisamaa turuu himanii, waggoota muraasaa as mootummaan ispoortii kanaaf xiyyeeffannaa olaanaa kennuufiin gandaa kaasee hanga sadarkaa biyyaaleessaatti haala gaariin adeemsisaa jiraachuus eeraniiru.

Kaayyoon dorgommii ispoortii aadaafi feestivaaliin agarsiisa aadaa kun ummata bakka garagaraa jiraatu gaaddisa ispoortii tokko jalatti walitti fiduuf ta’uu himanii, dorgommichi tokkummaa, obbolummaa, jaalalaafi nageenya ummata gidduu caalaatti cimsuu kan gargaaru ta’uus himaniiru.

Pirezidaantiin Federeeshinii Ispoortii Aadaa Aadde Hiwoot Mahaammad gamasaaniitiin akka jedhanitti, ispoortiin aadaa kun ummata biyyattiif haaraa miti. Ispoortiin kun kan akaakayyuufi abaabilee keenyarraa dhaalleedha. Kanaafuu ispoortii kana eeguun dhaloota dhufutti dabarsuu qabna jedhu.

Bulchiinsonni magaalaafi naannolee ispoortii kanaaf qophii olaanaa taasisaa turuufi yeroo ammaa akaakuuwwan ispoortii 11n ispoorteessitoota kuma tokkoofi 386n hirmaachuuf Magaalaa Hoosa’inaatti kan argaman ta’uu himanii, isaan keessaa 789 dhiirota, 597 ammoo dubartoota ta’uus eeraniiru.

Akaakuuwwan ispoortii aadaa 293 ummata Itoophiyaa biratti beekamtii qaban keessaa kan hordofamaa jiran 11 qofa ta’uu himanii, isaanis: gulufa fardaa, sharxii, qillee, walaansoo, korboo, shaahi, bub, xiyya, hurubbe, saddeeqa abbaa bollaa 12fi 18ti. Ispoortiin aadaa kun bu’uura ispoortii ammayyaa ta’uus eeraniiru.

Federeeshiniin ispoortii aada ispoortiiwwan aadaa ummani yeroo boqonnaasaa hordofu qorachuudhaan gara giddugaleessaatti fiduuf ummanni akka hordofuuf yaalii gochaa jiraachuus himaniiru.

 

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 29 Bara 2017

 

 

 

Recommended For You