Dhaloota seenaa faarsu osoo hintaane; warra seenaa hojjetu haataanu

Abbootiin keenya duulanii sirna faashistii Xaaliyaanii hurreessanii maqaansaanii bara baraan gootummaan jajama; atoo biyyakeef maal hojjette? boru maqaan kee maaliin ka’a?

Guraandhalli 23 gurraachota Afrikaaf guyyaa addaafi seena qabeessadha. Kunis guyyaa eebbifamaa hindanda’amuun danda’amee itti argame qabsoon obsa fixachiisaafi hadha’aa faashistii Xaaliyaanii biyya weerarte duguuganii biyyaa baasuun guyyaa injifannoon cululuqaa gurraachota boonsu itti galmaahedha.

Injifannoo cululuqaa faashistii Xaaliyaaniirratti galmaahe kana kan hojjette Itoophiyaan gootota qaalii jaalala biyyaaf diina hamma funyaaniitti hidhate dura dhaabachuun kabajamuu walabummaa biyyaaf wareegama qaalii kaffalaniiru.

Bu’uura kanaan waggaa waggaan guyyaan injifannoo Adwaa bifa ho’aa ta’een kan kabajamu yoo ta’u, gootonni waakkii malee wareegama qaalii aarsaa lubbuu kaffalanii seenicha hojjetan kan itti yaadataman, tokkummaan humna ta’uu kan itti agarsiisan guyyaa jaalalli biyyaa qabatamaan itti calaqqisudha.

Kaleessa wayita Xaaliyaaniin biyya weerartu garaagarummaan siyaasaa sabaafi sablammiilee gidduu tureera. Haata’u garuu garaagarummaan siyaasaa jiraatus dhimma walabummaa biyyaarratti garaagarummaan yaadaa hafee diina biyya goolee golgoleessuuf ture irree gamtoomeen hurreessee seenaa addaa barreesseera.

Injifannoofi gootummaa abbootiin darban Adwarratti hojjetan yaadachuu qofti gahaa waan hintaaneef irreen tokkummaa sun nageenya amansiisaa mirkaneessuun misoomarratti dacha’ee hiyyummaa seenaa gochuun murteessadha.

Misoomawwan yeroo ammaa akka mootummaatti jalqabamanii jraniifi xumuramanii jiran daran kan nama onnachiisan yoo ta’u, imala guddinaa Itoophiyaan itti jirtu jajjabeessaa ta’uusaaf agarsiistuu guddaadha. Mootummaan jijjiiramaa qabsoo hadhaa’aafi obsa fixachiisaan gara aangootti dhufes eeggattummaafi hiyyummaa seenaa gochuuf qabeenya uumamaa keenyatti haalaan fayyadamuun murteessaadha ejjennoo jedhuun hojii hojjetamaa tureen bu’aan gaarii galmaaheera.

Keessumattuu seenaa Itoophiyaa keessatti haala hinbaratamneen qamadii alaa eeguurraa gara alatti erguutti cehuun sadarkaa Afrikaatti biyya seenaa hojjetaa jirtu jedhamee ragaa bahameeraaf Itoophiyaan. Lakkoofsi namoota seeftineetiin gargaaramaniis gadi bu’aa deemuurra darbee hunduu lafa xiqqoofi mooraa qabu keessatti fuduraafi muduraalee garagaraa omishuun eeggattummaa akka hambisuu ta’aa jira.

Omishaalee qamadiin alatti kanneen akka muuzii boloqqee, avokaadoofi kanneen biroo gabaa alergiif dhiyeessuun sharafa alaa argamsiisuun kan jalqabame yoo ta’u, mul’ata imala badhaadhinaa Itoophiyaan qabattee kaate Afrikaafillee fakkeenyummaan kan ka’udha.

Yeroo ammaatti qonnaan bulaan alatti hojjettoonni mootummaallee ooyiruu xiqqoo qabanirratti misoomawwan garagaraa gaggeessuun fayyadamummaa nyaata madaalawaa ta’aa jiru. Keessumattuu dhaloonni wabii midhaan nyaataan akka of danda’uufi gabaan akka tasgabbaa’uuf imaammanni misooma inisheetiivii garagaraa babal’isuu gabbataa deemuurraa kan ka’e bu’aan jajjabeessaa galmaahaa jira.

Misoomawwan koridarii akka biyyaatti Finfinnee ka’umsa godhachuun eegalame biyyattii jijjiiraa kan jiru yoo ta’u tajaajila hawaasummaa hawaasni argatus akka fooyya’u qulqulinnaafi lakkoofsaanillee akka dabalu haala mijeessaa jira. Miidhagina magaalotaa qabatamaan mirkaneessuu keessatti misoomuun koriidarii isa ijoo yoo ta’u, fayyadamummaa kutaalee hawaasaa garagaraa kan akka dargaggootaa qabatamaan mirkaneessuu keessatti shoora olaanaa akka taphatu taasisaa jira.

Omishaafi omishtummaa dachaan dabaluuf qilleensa nannaawaa waaltessuun isa ijoo yoo ta’u, gama kanaanis duula dhaabbii ashaaraa magariisaa akka biyyaatti waggaa waggaan gaggeeffamaa ture roobni yeroosaa eegee akka dhufu, aadaan waggaatti lama omishuu akka cimu, haroowwan goganii turan dachaan akka mirgisan, aadaan jallisii akka gabbatu misoomni kuduraafi fuduraa daran akka cimu haala mijeesseera.

Har’a Itoophiyaa keessatti kutaan hawaasaa garagaraa wabii midhaan nyaataan of danda’uuf jecha ooyiruu ykn mooraa qabu keessatti muduraaleefi fuduraalee garagaraa omishuun wabii midhaan nyaataan of danda’uurra darbee gabaa tasgabbeessuu keessatti hojii guddaa hojjetaa jira.

Gama dippilomaasiinis biyyoota garagaraa waliin hariiroo uumuun faayidaa Itoophiyaa kabachiisuuf mootummaan humna guutuun hojjetaa kan jiru yoo ta’u, keessumattuu injifannoon gama hidha haaromsaa guddichaan, miseensa BRICS ta’uun, balbala galaanaa argachuu, walwaraansa araaraafi mariin furuufi kanneen biroo keessatti hariiroo bilchaataa uumuun olka’insa Itoophiyaaf hojiin hojjetamees ta’e hojjetamaa jiru boonsaadha.

Itoophiyaan biyya sabaafi sablammootaa ta’uun walqabatee fedhiifi garaagarummaan siyaasaa garagaraa jiraatus dhimma walabummaa biyyaarratti irree gamtoomeen hojjechuun hiyyummaa seenaa gochuuf hojiin hojjetamaa jiru jajjabeessaadha.

Haata’uutii bakkeewwan tokko tokkotti humnoonni hidhatanii socho’an imala jijjiiramichaaf sakaallaa ta’aa kan jiran yoo ta’u, garaagarummaa jiru ilaafi ilaameen furachuun biyya tokkittii qabnu waliin haaceessisnu waamichi jedhu ammallee dhihaachaa jira.

Kanneen waamicha mootummaan taasiseefii dhagahanii dhufan hojiilee misoomaa hojjetamaa jiran qaamaan lafarratti arguun dhugumattuu jijjiiramichi kan biyya keenya fayyadu, mul’ata tarkaanfachiisudha yaada jedhuun mootummaa wajjin hiriiranii hojitti seenaniiru.

Hojjetani of jijjiiruun osoo jiruu lammii ofii dhiigsuun qabeenya mancaasuun dhaloota buqqisuuniifi rakkoo nageenyaa hammeessuun bu’aan argamu tokkollee akka hinjirre eenyumaafuu ifadha. Namni mana tokko ijaaru citaa walhinsaamu akkuma jedhamu biyya tokko ijaaruuf hamma deemaa jirrutti garaagarummaa siyaasaa jiru mariifi marabbaan furuun dirqama yeroon barbaadudha.

Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmadis ta’e pirezidaantonni naannoolee murnoota hidhatanii socho’aniif har’as akkuma kaleessaa waamicha dhiyeessaa kan jiran yoo ta’u, dhaabatanii of dhaggeeffachuun daandii misoomawaa ta’e filachuun barbaachisaadha.

Kun amma hintaanetti biyya Itoophiyaa jedhamtuuf nan qabsaa’a qaamni jedhu waraana dhiisee mariif gurrasaa laatee duula hiyyummaa seenaa gochuuf eegalame galmaan ga’uuf deebihuu qabu. Haata’u garuu karaa nagaa garaagarummaa jiru furachuun osoo danda’amuu lammiilee ukkaamsaa, maallaqa gaafachaa, qe’eefi qabeenyarraa buqqisaafi ajjeesaa bilisummaan dhufu akka hinjirre dagatamuu hinqabu.

Isa qabsoofnaaf jennu ajjeesnee eenyuun bilisa baasna? gaaffiin jedhu sammuu isaanii keessa naannahuu qaba. Yeroo ammaatti lammiileen biyyattii hedduun rakkoo nageenyaan walqabatee deegaaf saaxilamniiru, eeggattummaf harka akka bal’isan taasifamaniiru, dhabuufi eeggattummaaf saaxilamuu lammiilee caalaa wanti garaa nama nyaatu hinjiru.

Kun waan ta’eef warreen qabsoo hidhannootti jiran qawwee kaahanii araara buusuun misooma eegalame saffisiisuu qabu, qonnaan bulaan keenyas bilisummaan bahee misoomasaa haa misomsu, hiyyummaa seenaa haa godhu.

Rakkoon nageenyaa akka biyyaatti jiru guutuutti furamee jennaan Itoophiyaan sosochii qamadii alatti erguu eegalte omishaalee biroonis dabaluun yeroo itti seenaan hojjetamuufi hiyyumni seenaa itti ta’u fagoo hinta’u.

Waggaa waggaan injifannoo Adwaa kabajuun keenya gootummaafi wareegama qaalii abbootiin keenya kaffalan yaadachuu qofaaf ta’uu hinqabu. Sababnisaas nutis dhaloota seenaa hojjetu ta’uu qabna.

Seenaan nuti hojjennus abbootiin keenya sabaan osoo wal hinqoodiin, garaagarummaa amantiifi siyaasaan osoo wal hinqollifatiin irree gamtoomeen waliin hiriiranii faashistii xaaliyaanii akkuma hurreessan, dhaloonni ammaammoo rakkoo nageenyaa mudataa jiru mariin furuun biyya badhaate ijaaruuf warraaqsa eegalame finiinsuun injifannoo cululuqaa ashaaraan sabaaf sablammii itti calaqqisu hojjechuuf haa carraaqnu.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 22 Bara 2017

Recommended For You