Dargaggummaan badhaadhina biyyaaf

Dargaggoonni humna omishaafi abdii biyyaati. Dargaggoota naamusa, beekumsaafi ogummaa barbaachisuun yoo gahoomsan dinagdee biyya tokkoof horata olaanaadha. Humna jijjiiramaafi utubaa badhaadhina biyyaa waan ta’aniifis beekumsaafi dandeettii isaanii cimsuufi gahoomsuun ijaarsa biyyaatiif oolchuun murteessaadha.

Dargaggeessi humna misoomaafi utubaa badhaadhina biyyaati. Humni murteessaan abdii har’aafi egeree ta’e kun sochiilee siyaas-dinagdeefi hawaasummaa keessatti hirmaataafi fayyadamaa ta’ee kuufama anniisaa jijjiiramaa qabu misooma hunda galeessaaf akka oolchuuf hojjatamaa jira.

Aadaa hojii dargaggootaa jijjiiruu, kalaqaa jajjabeessuufi carraa hojii babal’isuun qooda fudhannaa dargaggeessi misooma biyyaa keessatti taasisu guddisuuf sosochiin bu’aa qabeessi taasifamaa jira.

Dargaggootni abdii egeree biyyaa ta’an humnaafi beekumsa qabanitti sirnaan fayyadamuun misoomaafi nageenya biyya isaaniitiif akka hojjetan gochuuf xiyyeeffannaa olaanaadhaan hojjatamaa jira. Mootummaan naannoo Oromiyaas dargaggoo abdii egeree biyyaa ta’an humnaaf beekumsa qabaniin fayyadamuun misoomaafi nageenya biyya isaaniitiif akka hojjetan gochuuf xiyyeeffannaa olaanaan hojjetaa jira.

Bu’uuruma kanaan naannoo Oromiyaatti leenjiin dandeettii rawwachiisummaa dargaggootaa ciimsuu torban kana keessa kennuun eegalameera.

Kaayyoon leenjichaas dargaggoonni injifannoo wareegama qaalii isaaniitiin argatan eeggachaa tokkummaa isaanii gara sadarkaa olaanaatti ceesisuudhaan nageenyaafi misoomaa naannoo keenyaa mirkaneessuu keessatti gahee isaanii ga’umsaan akka bahatan gochuun hirmaannaaf fayyadamummaa isaanii akka mirkanaa’u taasisuufi. Leenjiin dandeettii raawwachiisummaa dargaggootaa cimsu kun godinaaleefi magaalota Oromiyaa garagaraa keessatti kennamaa jira.

Leenjiin kun dargaggoota miliyoona 2.1 ta’aniif kennuuf kan karoorfame yoo ta’u, kunis sadarkaa godina, magaaloota, aanaafi gandaatti kennamaa jira. Leenjiichi matadureewwan dargaggummaan badhaadhina biyyaaf, intarpiriinarshiippiifi haaromsa aadaa jedhan irratti kennamuurratti akka argamu Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaarraa Odeeffanneerra.

Leenjichaan boodas, dandeetiin raawwachiisummaa caasaa dargaggootaa sadarkaan jiranii ni dabala, ilaalchi eeggattummaa dargaggootaa gama siiyaas-dinagdeetiin jiru hiikamuun dhaloota ofii hojii ummatu ni ta’u, gurmaa’insa cimaa dhiibbaa uumuu danda’uufi dargaggoota biratiif qaamolee adda addaa biratti fudhatama qabu utubaa sirnaafi wabii nageenya ni ta’a jedhamee eegama.

Kutaa Qophiitiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 22 Bara 2017

Recommended For You