Abdulqaadir Huseen: Qeerroo dandeettii kalaqaalee garaagaraa 38 qabu

Rabbii dhala namaa wayita uumu kennaa garagaraa waliin uuma. Kaan sagalee bareedaan weellisuun, kaan suuraafi bobbocaan, kaan beekumsa olaanaan, kaan ammoo dandeettii kalaqaan ganama dhangi’ama. Dargaggoo Abdulqaadir Huseen, jiraataa godina Arsii Lixaa magaalaa Dodolaa yoo ta’u, konkolaataa dabalatee wantoota 38 ta’an kalaquun sadarkaa naannoottis ta’e biyyaatti beekamtii olaanaa gonfateera.

Gaazexaan Bariisaas haala bu’aa ce’ii kalaqaafi qormaata mudatan ilaalchisee torban darbe dargaggoo Abdulqaadir Huseen waliin gaafdeebii taasiseera.

Kalaqaalee dargaggoo Abdulqaadir Huseen

Dargaggoon kun konkolaataa imalaa garagaraa afur, maashina nyaata beeyiladaa qopheessu garagaraa, maashina jallisii, meeshaalee yaalaa fayyaa, raadiyoo saatalaayitiifi maashina aduurraa humna maddisiisufaan isaan muraasa. Kalaqaaleen kunneen jiruufi jireenya hawaasaa guyyaa waliin hariiroo cimaa kan qabaniifi jireenya ilma namaaf baay’ee murteessoo ta’anidha.

Haala dandeettiin kalaqaa kun itti argame

Haala qabatamaa addunyaarra jiruun dandeettiin kalaqaa barnootaan yookiin ammoo dhalootaan argama. Barnootaan qaxalee ta’anii kanneen dandeettiin waa kalaquusaanii gad bu’aa ta’e hedduudha. Haala walfakkaatuun namootni barumsaan laafoo ta’anii dandeettii waa kalaquu olaanaa qabanis hedduudha. Fakkeenyaaf saayintistiin addunyaa beekamaan Alberti Instaayin barumsatti dadhabaa ta’uun dareedhaa gara dareetti darbuun itti cimuun barumsa addaan kutuuf dirqamus waa kalaquurratti nama kabajaafi beekamtii olaanaa qabu ta’uu danda’eera.

Dargaggoon Abdulqaadir dandeettii kalaqaa barnootaan kan gonfate osoo hintaane dhalootumaan kalaqa garaagaraa yaaluun hireesaa taate. Ijoolleen waanuma maatiifi hawaasni naannawaa isaanii hojjetan shaakaluun guddatu. Dargaggoon kun garuu hojii maatiifi hawaasni naannawaasaa hojjetu osoo hintaane haala adda ta’een dandeettii kalaqaa sammuusaa keessatti bocame lafa qabsiisuuf waan naannawasaatti argaman walitti suphaa, tottolchaa guddate. Magaalaa inni keessatti guddates magaalaa reefuu itti waamamnishee Oromiyaa ta’eefi guddinarra jirtu malee hojiin kalaqaa keessatti dagaage akka hintaane qaamaan achitti argamuun hubanneerra.

Haala guddinaafi walitti dhufeenya hiriyootasaa

Dargaggoon kun dhalatee erga of baree sammuufi onneesaa keessa kan guute kalaqaalee garagaraati. Gara jalqabaatti hiriyootasaa waliin kubbaa kan taphatu ta’us booda jaalala kalaqaan dhuunfatamee hiriyootasaarraa adda ba’uun yeroosaa mara waa kalaquurratti dabarsuuf akka dirqame dubbata. Ammaan tanas akka dargaggoota biroo hiriyootasaa waliin tapha kubbaa yookiin fiilmii garagaraarratti dabarsuuf fedhii hinqabu. Kanarraa kan ka’e walitti dhufeenyi inni hiriyoota waliin qabu yookiin hiriyaa horachuurratti hojiin kalaqaa daangaa itti uumeera. Lallaafaa dabalatee dhugaatii garagaraarratti yeroon gubu hinjiru; fedha dhugaatiis hinqabu.

“Hiriyaan amala walfakkaatuun walitti dhufa, walis firoomfata. Hojiin kalaqaa obsaafi yeroo bal’aa gaafata. Hiriyootni koo ammoo kennaa akkasii waan hinqabneef na waliin ta’uuf fedhii hinqaban. Ammaan tana hiriyaa hinqabu. Hojiilee kalaqaa koo garuu akka hiriyaattan ilaala, abdadhas” jechuun garaagarummaa isaafi hiriyootasaa gidduu jiru ibseera.

Dargaggoon kun nyaataafi dhugaatii akkasumas jireenya hawaasummaa caalaa hojii kalaqaaf dursa kenna. Yeroo tokko tokko osoo waa tuttuquu nyaata wayita itti irraanfatu jira. Sanuma ta’eeyyuu isaaf waa kalaquun yeroo dabarsuun akka boqonnaa sammuufi bashannanaatti ilaalama. Yommuu waa kalaqu wanti barbaachisu hundi guuteefii osoo hintaane haala rakkisaa keessatti. Fakkeenyaaf konkolaataa jalqabaa kalaquuf mootora argachuuf baay’ee rakkatee ture. Ta’us boodarra mukarraa hojjechuun funyoon walitti hidhuun ji’a ja’aa oliif akka oofaa ture ibseera.

Yeroo waliin moodela konkolaataa ammayyeessuu

Akkuma beekamu addunyaarratti saffisa, geejibaaf mijataa ta’uufi haala boba’aa fayyadamuu bu’uura godhachuun moodelli konkolaataa yeroodhaa gara yerootti jijjiiramaa jira. Bifuma walfakkaatuun dargaggoon kunis moodela konkolaataa hojjetuu yeroodhaa gara yerootti fooyyessuun addunyaa waliin tarkaanfachuuf yaaliin taasisaa jiru ajaa’ibsiisaadha. Ammaan tanas konkolaataa jalqaba hojjete sana yeroo afurii ol moodellisaa jijjiirameera.

Deeggarsaafi beekamtii dargaggoo kanaaf taasifame

Hojiilee kalaqaasaatiif waraqaan ragaa 12 ol sadarkaa Oromiyaafi biyyaatti isaaf kennameera. Bara 2016 biyya Chaayinaa deemee haala qaama konkolaataa itti omishan teknolojii awutomootiviin leenjii akka argatu taasifameera. Ammaan tana dizaayina, qaamaa konkolaataa hanga mootoraatti waa mara hojjechuuf ga’umsasaa daran gabbifateera. Konkolaataa amma ittiin deemus bareechee hojjechuu danda’eera.

Muuxannoo barnootaa biyya Chaayinaafi biyya keenyaa yommuu walbira qabu fardaa lafa ta’uu dubbata. Biyya Chaayinaatti barachuufi kalaquun walcina kan deemu yommuu ta’u biyya keenyatti barnootni kalaqaan osoo hintaane haasaa qofaan xumurama. Kanaaf, hojii kalaqaaf mijataa akka hintaane waan biyya Chaayinaatti hubate bu’uureffachuun qeeqasaa ibseera. Barnootni kalaqa nama biraa fayyadamuuf kan kakaasu osoo hintaane waa kalaquuf onnachiisuu akka qabus hima.

Sadarkaafi haala barnoota dargaggoo Abdulqaadir

Dargaggoon kun hanga kutaa 8ffaatti barataa cimaa ture. Yeroo baay’ee waa’ee maalummaa qabiyyee saayiinsiifi akkamitti akka hojjetaman ilaalchisee gaaffii ciccimmoo barsiisota gaafataa ture. Wanta inni baruu barbaaduufi gaaffiin isaaf deebi’u waan wal hinsimneef hanga barumsa jibbutti isa geesseera. Ta’us hanga kutaa 12ffaatti barachuun hojii kalaqaarratti fuulleffachuuf dirqameera. Kunis hanguma inni guddataa deemu dandeettiin kalaqasaas gabbachaa waan dhufees kutaa 12ffaa erge xumuree booda dhaabbilee barnoota olaanaa seenuuf fedhiin qabu gadaanaa waan tureef kalaqa qofarratti xiyyeeffate.

Rakkoolee isa mudataa jiraniifi kaayyoosaa fuulduraa

Konkolaataa omishee gatii madaalawaan gabaaf dhiyeessuun kaayyoosaa isa guddaadha. Ittaansee meeshaalee qonna ammayyeessuun omishaafi omishtummaa dabalan hedduu sadarkaa yaadaafi kalaqaatti qabu hunda omishee gabaaf dhiyeessuudha. Meeshaalee yaala fayyaaf ta’an kalaqee qabus foyyeessee gabaaf dhiyeessuuf kaayyeffateera. Mana barumsaa teknolojii dargaggootni biyyattii ogummaa itti leeji’an banuufis hawwii guddaa qaba. Walumaagalatti, rakkoo biyyattii furuuf kaayyeffatee dhaabbatasaa ”Dhaabbata Kalaqaa Furaa” jedhee akka moggaases dubbateera.

Haa ta’u malee, hojii kalaqaafi nama kalaqaa jajjabeessuun biyya kanatti rakkoo hamaa akka ta’e qeeqeera. Bulchiinsi magaalaa Dodolaa dargaggoo kanaaf bakka hojii kalaqaasaa itti gabbifatu kennuuf sochii eegalus hanga ammaatti lafti harka dargaggoo kanaarra ga’e hinjiru. Inumaayyuu hojiileen kalaqaasaa baay’een qe’ee maatiisaatti awwaaraan nyaatamaa jiraachuu hubanneerra. Kanaafuu, dargaggoo mul’ata guddaa akka biyyaatti qabate kanaaf deeggarsi roga maraa daran barbaachisa.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 22 Bara 2017

Recommended For You