“Magaalaan Ciroo ‘Dargaggoota keenya dinagdeedhaan gahoomsuu qabna’ dhaadannoo jedhu qabatee hojjechaa jira” – Obbo Asaanaa Mahaammad

Rakkoon hojidhabdummaa dargaggootaa akka biyyaattis ta’e addunyaatti rakkoo hammaataa keessumaa magaalota keessatti babal’atee jiruudha. Sadarkaa mootummaa Federaalaattis ta’e naannoo Oromiyaatti rakkoo hojidhabdummaa dargaggootaa furuuf hojiilee bal’aan raawwatamaa jiru. Barreeffamni kun hojiilee rakkoo hojidhabdummaa dargaggootaa hir’isuuf Magaalaa Cirootti raawwatamaa jiranirratti xiyyeeffata.

Kantiibaa Ittaanaafi Ittigaafatamaa Waajjira Daldalaa, Carraa Hojii Uumuufi Invastimantii Magaalaa Ciroo Obbo Asaanaa Mahaammad Gaazexaa Bariisaatti akka himanitti, Dargaggootaaf carraa hojii bal’aa uumuun keessumaa magaalotatti hojii ijoodha. Galmoota akka magaalaatti qabamanii itti deemamaa jiran keessaa ogummaa dagaagsuufi intarpirinarii cimsuun dhimma ijoodha. Rakkoo hojidhabdummaa dargaggootaa akka magaalattiitti jiru furuuf hojiin poteenshaalota jiran adda baasuu, dargaggoota hojii hinqabne calaluu, gurmeessuu, qaama seerummaa kennuufii, waldaadhaan ijaaruu, iddoo omishaafi gurgurtaa qopheesuufi paakeejiiwwan deeggarsaa dhiyeessuurratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jira.

Poteenshaalota akka magaalattiitti jiran qonna, industirii, wiirtuu tajaajilaa jennee bakka sadiitti qooduudhaan waldaalee irratti ijaaraa jiraachuu himanii, hojii kana milkeessuuf bulchiinsi magaalattii paakeejii deeggarsaa kanneen akka tiraakteraa dhiyeessuufi sheediiwwan ijaaree dhiyeessuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Barana akka Magaalaa Cirootti carraa hojii dhaabbiifi yerootiin dargaggoota kuma shaniif carraa hojii uumuuf karoorfamee hojjetamaa jira. Kana keessaa hanga ammaatti dargaggoota kuma sadiifi 200f carraa hojii dhaabbiifi yeroo uumuun danda’ameera jedhu.

Dhaabbiilee adda addaa deeggarsa gaafachuudhaan sheedii ijaaruudhaan, industirii, manufaakcheriingiifi qonnarratti dargaggoota gurmeessinee hojii keessa galchuudhaaf hojjechaa jiraachuu himanii, dargaggootni yunivarsitootaafi kollejoota gara garaa irraa eebbifamanii bahan hedduun carraa hojii uumame keessatti bal’inaan hirmaachuun fayyadamoo ta’aa jiru. Magaalattiin “Dargaggoota keenya dinagdeedhaan gahoomsuu qabna” dhaadannoo jedhu qabatee hojjechaa jiraachuus himaniiru.

Akka Obbo Asaanaan jedhanitti, magaalattiitti barana gamoon akka sheediitti tajaajilu tokko qarshii miliyoona ja’a ta’uun ijaarameera. Akkasumas kilaasteroonni 13 ammoo baajata mootummaa qarshii miliyoona 26 oliin ijaaramaniiru. Kilaastaroonni biroonis humna waloofi badhaadhina maatiitiin ijaaramaa jiru. Industiriin godoos akka inisheetiivii tokkootti qabamee namoota ogummaa aadaa qaban gara industiriitti ceesisuuf hojjetamaa jira. Namoota ogummaa mukaafi sibiilaa qabanis gara industiriitti ceesisuuf hojjetamaa jira. Iddoo omishaafi gurgurtaa mijeessuuf bajatni qarshii miliyoona 30tti hiiqu ramadamee hojjetamaa jira.

Inisheetiiviin qonna magaalaa hojiirra oolaa jirus dargaggootaaf carraa hojii uumuu, wabii nyaataa magaalaa mirkaneessuufi gatii gabaa tasgabbeessuu keessatti gumaacha guddaa taasisaa kan jiru ta’uu himanii, hojii qonna magaalaa kanaan yeroo ammaa dargaggoonni hedduun waldaadhaan gurmaa’anii hojii horsiisa lukkuu, loowwan aannanii, horii furdisuufi kanniisa horsiisuun damma omishuurratti hirmaachaa jiraachuufi isaan keessaa gara invastimantiitti kan ce’anillee jiraachuu himu.

Hojiin qonna magaalaa kun dargaggootaaf carraa hojii bal’aa uumuurra darbee omishaafi omishtummaa qonna magaalaa guddisuudhaan qaala’ina jireenyaa tasgabbeessuu keessatti gahee gumaacha guddaa taasisaa jiraachuu himanii, kana malees ummanni magaalaa jiraatu callisee taa’ee omisha baadiyyaa qofa akka hin eegganne taasisaa jira. Inisheetiiviin qonna magaalaa kun akkaataa mootummaan gad buuseen magaalattiitti hojiirra oolaa jiraachuufi kana caalaatti babal’isuuf hojjechaa jiraaachuu himu.

Aadaa hojii jijjiiruufi intarpirinaroota baay’inaan horachuuf dargaggootaafi dubartootaaf sadarkaa gara garaatti leenjiin kennamaa turuu himanii, leenjiin kennamu ilaalcha hojii filachuufi tuffachuu dargaggootaa jijjiiruun carraa hojii argame hundumaarratti akka hirmaatan kan taasisuudha. Magaalaa Cirootti dargagootaaf carraa hojii uumuun dhimma filannoo hinqabneefi sirna ijaaruu akka ta’es eeraniiru.

Bulchiinsi magaalattii kana caalaatti dargaggootaaf carraa hojii bal’aa uumuuf dhaabbileefi qooda fudhattoota gara garaa waliin hojjechaa jiraachuu himanii, abbootiin qabeenyaafi qaamoleen biroon hojii kana milkeessuurratti bulchiinsa magaalattii bira akka dhaabataniif waamicha dhiyeessaniiru.

Dargaggoo Musxafaa Abdulrashiid Godina Harargee Lixaatti, jiraataa Magaalaa Ciroo yoo ta’u, dargaggoota biroo waliin waldaan gurmaa’uun Waldaa Hojii Mukaafi Sibiilaa Musxafaafi Saamiiraa jedhamu hundeessuun hojii mukaafi sibiilaarratti bobba’ee hojjechaa jira. Waldichi miseensota ja’aafi kaappitaala qarshii kuma 25 bara 2014 hundaa’ee hojii kan jalqabe ta’uufi yeroo ammaa sadarkaa gaariirra jiraachuu dubbata.

Waldichi bara 2014 irraa eegalee hojii sibiilaa hojjechaa turuu kan himu Musxafaan, Fulbaana bara 2017 irraa eegalee ammoo hojii mukaafi sibiilaarratti hirmaatee hojjechaa jira. Waldaan yeroo ammaa hojii dhaabbiifi yerootiin namoota 13f carraa hojii kan uume ta’uufi isaan keessaa sagal carraa hojii dhaabbiitiin kan mindeffaman ta’uu dubbata.

Waldichi sibiilarraa meeshaalee akka balbalaa, foddaa, karra seensaafi kanneen biroo dizaayinii babbareedaan hojjetee gabaaf dhiyeessaa jira kan jedhu Musxafaan, hojii mukaatiinis meeshaalee mana jireenyaa kanneen akka siree, saanduuqa dhaabbii, baattoo Televiizhinii, ‘kichen kaabineetii’fi kanneen biroo akkasumas meeshaalee waajjiraalee keessatti tajaajilan bifa ammayyaa’aafi bareedaa ta’een hojjetee gabaaf dhiyeessaa jiraachuufi haalli gabaas gaarii ta’uu dubbata.

Waajjirri Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Magaalaa Ciroos waldichaaf deeggarsa barbaachisu taasisaa jira kan jedhu dargaggoon kun, waajjirichi waldichaaf haala hundumaa mijeessuufiin hanqinasaa guutaafii jira. Bulchiinsi Magaalaa Ciroos bakka hojii waldichaaf kennuun deeggarsa guddaa kan taasiseef ta’uu eereera.

Waldichi keessumaa meeshaalee waajjiraaf barbaachisan dizaayinii babbareedaan omishee Magaalaa Ciroorra darbee Godina Harargee Lixaafi aanaalee godinichaa kanneen akka Xuulloo, Dobbaa Baddeessaa, Gammachiisiifi Mi’eessoof dhiyeessaa jiraachuu kan himu Musxafaan, waldichi yeroo ammaa walitti hidhamiinsa gabaa gaarii ummatee hojjechaa jira jiraachuu hima.

Waldichi galteewwan hojii sibiilaaf barbaachisan Finfinneerraa fidee ittifayyadamaa jira kan jedhu dargaggoon kun, waldichi meeshaalee hojjetu dizaayinii babbareedaafi ammayyaa’aa ta’een omishaa jira. Waldichi dizaayinii babbareedaa ‘online’ irraa fudhatee meeshaalee gara garaa hojjetee gabaaf dhiyeessaa jiraachuu dubbata.

Akka Musxafaan jedhutti, gatiin galteewwan meeshaalee hojiif barbaachisanii dabaluun hojii waldichi hojjechaa jirurratti dhiibbaa uumaa jira. Rakkoolee mudataniif utuu harka hinkenniin hojjechuun ammmoo daandii milkaa’inaafi jijjiiramaati. Hojiin kamiyyuu bu’aafi miidhaa niqaba. Waanti guddaan barbaachisu bu’aafi miidhaa jiru madaaluun bu’aa caaluuf hojjechuudha. Bu’aan kan argamu ammoo cimanii hojjechuudhaani. Waan bu’aansaa xiqqoo ta’eefi kisaaraan isaa guddaa ta’e ammoo adda baasanii beekuufi waan bu’aa guddaa fiduu danda’urratti xiyyeeffatanii hojjechuun barbaachisaadha.

Utuu waldaan gurmaa’ee hojjii mukaafi sibiilaa kanarratti hirmaachuu hinjalqabiin dura Waldaa Mukaafi Sibiilaa Daraaraa jedhamutti mindeffamee hojjechaa turuu kan himu Dargaggoo Musxafaan, muuxannoon hojii duraan horate amma hojiirratti baay’ee kan isa fayyade ta’uu dubbata.

Akka Musxafaan jedhutti, ilaalchi hojii tuffachuufi filachuu cabuu qaba. Hojii kamiyyuu utuu hintuffatiin fedhiifi kaka’umsaan yeroo, humnaafi beekumsa ofiitti fayyadamanii hojjennaan milkaa’inni dhiyoodha. Nama yeroo miindeffamee hojjetu dhama’ee hojjetutu yeroo hojii dhuunfaasaa hojjetus dhama’ee hojjeta. Eenyuyyuu hojjetee sadarkaa guddaarra ga’uuf sadarkaa gadaanaarraa ka’uu qaba. Dhoksaan milkaa’inaa dhama’anii hojjechuudha.

Dargaggoonni keenya hojii utuu hintuffatiin carraa hojii jiru hundamaarratti hirmaatanii hojjechuu akka qaban kan gorsu Musxafaan, hojjettoota waldichatti miindeffamanii hojjechaa turan keessaa kan muuxannoo hojii horatanii qofaatti hojii dhuunfaasaanii banatanii hojjechaa jiran jiru. Namni hojii tuffatuufi filatu eeggattummaa jalaa bahuu hindanda’u. Dargaggoonni hirkattummaa jalaa ba’uuf utuu hojii hintuffatiiniifi hinfilatiin carraa hojii argame hundumaarratti hirmaatanii halkaniifi guyyaa hojjechuu akka qaban gorsa.

Dargaggoonni waldaadhaan gurmaa’anii damee hojii gara garaa irratti hirmaatanii jiran rakkoo faayinaansii hojiirratti isaan mudatu furuuf galii argatanirraa xiqqoos ta’u qusachuu qabu. Mootummaanis darggagoota hojjechuuf tattaafataniifi fedhii qaban jajjabeessa jedha.

Waldaan keenya gara fuulduraatti maashiinota guguddoo hojii sibiilaa hojjechuuf gargaaran kan yeroo ammaa Magaalaa Adaamaa dhaqee fayyadamaa jiru qabaachuuf karoorfatee hojjechaa jira kan jedhu Musxafaan, mootummaanis maashiinicha akka bitannuuf kaappitaala qabnurratti nu gargaara jennee abdanna. Guddinni waldaa keenyaa carraa hojii bal’aa uumuufi guddina dinagdee biyyaa utubuu keessattis gahee kan qabu ta’uu hima.

Dargaggoo Abeel Ayyalaa Waldaa Hojii Mukaafi Sibiilaa Musxafaafi Saamiiraatti mindeffamuun hojii halluu dibuufi dizaayinoota gara garaa hojjechuurratti hirmaatee hojjetaa jira. dargaggoon kun akka jedhutti, hojii halluu dibuufi dizaayinii gara garaa hojjechuutiin kanaan dura leenjii fudhateera. Leenjii argate gara hojiitti jijjiiruun muuxannoo waggaa saddeetii kan qabu ta’uu hima.

Waldaaleen carraa hojii uummatan babal’achuun dargaggoota biroof carraa hojii bal’aa uumuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uu himanii, dargaggoonni ogummaa leenjii gara garaatiin leenji’anii ba’an yoo carraa hojii dhuunfaasaanii ummatanii hojjechuun isaaniif hinmilkoofne ta’e waldaalee gara garaa biratti mindeffamuun ogummaa ittiin leenji’an hojiitti jijjiiruun muuxannoosaanii gabbifachuu akka qaban gorsa.

Kaka’umsi jiraannaan ammayyuu yeroon jira kan jedhu dargaggoon kun, waanti guddaan fedhii hojii qabaachuudha malee hojiin dhabamee hinbeeku. Fedhiifi kaka’umsa hojii qabaannaan biyyuma kanattuu hojjennee jijjiiramuu dandeenya. Waldaalee gara garaatti mindeffamanii hojjechuun muuxannoo hojii gara garaa horachuufi kan qabanis guddifachuuf kan gargaaru ta’uu dubbata.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 15 Bara 2017

Recommended For You