
Finfinnee: Konfedereeshiniin Kubbaa Miilaa Afrikaa (CAF) Walmorkii Waancaa Kubbaa Miilaa dubartoota Afrikaa 16ffaa ALA bara 2025 magaalota Morookootti ni adeemsisa.
Haaluma kanaan qabxiin isaa maxxansaaf nu qaqqabuu baatus Gareen Kubbaa Miilaa Dubartootaa Itoophiyaa (Luusiiwwan) kaleessa Garee Kubbaa Miilaa Dubartoota Ugaandaa wajjin tapha gulaalaa duraa magaalaa guddoo Ugaandaa, Kaampaalaatti taasifateera.
Luusiiwwan tapha kaleessaa kanatti yoo mo’atan tapha ittaanu kan taasifatan mo’ataa garee dubartoota Taanzaaniyaafi Ikuwaatooriyaal Giinii keessaa tokko wajjin ta’a.
Tashoomaa Qadiidaatiin
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 15 Bara 2017