Hidha haaromsaa waadaan tokkummaa kan itti cime

Ijaarsi Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiya erga eegalamee waggoota 14 lakkoofsiseera. Pirojektiin guddaan kun humnaafi dandeettii ummattoota biyyattiitiin kan ijaarame yoo ta’u, kan waadaan tokkummaa ummattootaa itti haaroomee akkasumas itti cimeedha.

Dhugoomuu pirojektii kanaatiif lammiifi dhalataan Itoophiyaa qooda keessaa hinqabne hinjiru. Haadhi hiyyeessaa isa sabbatasheetti guduunfite hiiktee, abbaan omishasaarraa gurguree, inni hojii guyyuu hojjetu galiisaarraa hir’isee hunduu tokkummaadhaan isa jalqabe xumuruuf dhaadhate.

Pirojektiin ummanni tokkummaadhaan akkanatti ka’eef gidduutti haala hin yaadamneen laafuus mootummaan jijjiiramaa humna jiru rifoormii taasiseen lubbuu horatee, har’a faayidaa buusuurratti argama.

Sadarkaa har’a hidhi haaromsaa irra qaqqabes dinqisiisaa yoo ta’u, hojiin achitti hojjetamaa jiru isa miidiyaadhaan mul’atu caalaa ta’uu waa’ee hidhichaa miidiyaa idil addunyaatti dheedhessuun kan beekaman Ustaaz Kaamil Shamsuu tibbana wayita hidhicha daawwatan himaniiru. Hidhicha dhiheenya kan daawwatan Ustaaz Kaamil bakka hidhichi itti ijaarame, haalli ittiin hojjetame, guddummaafi aarsaan milkaa’ina hojichaan kanfalame isa himameef caala.

Hidhi haaromsaa akkuma abbootiin Adwaarratti tokkummaadhaan seenaa hojjetan dhaloonni ammaas ofiisaatiin hojiilee guguddoo hojjetee xumuruu akka danda’u Afrikaanootaafi hawaasa addunyaaf kan itti agarsiise ta’uu dubbatu. Irree Itoophiyaanootaa tokkoomeen kan ijaarame hidhi kun faayidaa hedduu kan qabu ta’us kaasanii, ammarratti omishni qurxummii achitti eegalame akka fakkeenyaatti akka ka’u himu.

Hidhi dheerinaafi bal’inasaatiin dinqisiisaa ta’e kun humna maddisiisuu olaanaa akka qabuufi wayita ammaas xumurarra qaqqabuusaa himanii, bishaan inni qabatees misooma cinaatti sammuu namaaf boqonnaa kan kennu ta’uu kaasu.

Wayita ammaa hidhichi xumurarra kan qaqqabe ta’us ammallee hojiileen bu’uuraalee misoomaa hafan hirmaannaa ummataa kan barbaadan ta’uusaatiin ummanni hanga xumuraatti deeggarsa taasisaa ture cimsee itti fufuu akka qabu waamicha dhiheessu.

“Gatii hidha guddichaa beekuu qabna. Itoophiyaanoonni sabummaa, amantii, siyaasa, umurii, koorniyaa, bifaafi amalaan osoo adda hinqoodamiin hunduu tokkummaadhaan hirmaatanii afaan tokko kan ittiin dubbatanidha. Hidhichi addaddummaa keenya dhiisnee tokkummaa keenya kan ittiin ibsannu waan ta’eef yeroo mara dammaqinaan eeggachuufi kabajasaa eeggatee dhalootatti akka darbu taasisuun nurraa eegama” jedhu.

Keessumaa qaamoleen guddinni Itoophiyaa isaan hingammachiisne pirojektichi akka hindhugoomneef rafanii hinbulan. Kana keessatti ammoo ilmaanumti biyyattii fedhii siyaasaa addaa qabaniifi faayidaa dhuunfaaf munyuuqan yaada inaaftootaa milkeessuuf meeshaa kanneen ta’aa jiran ni jiru.

Walumaagalatti, pirojektii Itoophiyaanoonni tokkummaan afaan tokko itti dubbataniifi xumurarra ga’e kana kunuunsuu barbaachisa. Kanaaf ammoo hunduu tokkummaadhaan irratti hojjechuu qaba.

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 15 Bara 2017

Recommended For You