
Oromoon aadaafi duudhaasaa ganamaatti deebi’uu qaba yommuu jedhamu akkasumaan miti. Sababni isaa aadaan inni ganamaa, beekumsi xabboo ummatichi qabu barootaaf mala furmaataa rakkoolee hedduu ta’ee tureera. Inumaayyuu beekumsaafi qaroomina ammayyaaf ka’umsa ta’eera. Biyyoonni dimokraatawoodha jedhaman illee aadaa Oromoo isa ganamaa Sirna Gadaa dura dimokraasii hinshaakalle.
Ka’umsa kanaan yoo ilaalame mootummaan wantoonni baay’een as dhufteesaaniitti deebi’anii beekumsa xabboo (mandhalee) dhaan akka hogganaman taasisaa jira. Kanaanis bu’aaleen qabatamaa dhufaa jiru. Dhiheenya kana yaa’ii idilee 38ffaa Dureewwan Gamtaa Afrikaarratti haasaa kan taasisan Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmad haasaa baniinsaa taasisaniin, jijjiirama gama maraa amma Itoophiyaa keessatti mul’ataa jiruuf bu’uurri beekumsa mandhalee kan ta’e falaasama IDAA’AMUU ta’uu ibsanii turan.
Mootummaan Naannoo Oromiyaas hojmaatiiwwan addaddaa aadaafi duudhaa Oromootti deebisuun hojjetaa jira. Kanneen akka Buusaa Gonofaa, Mana Murtii Aadaa, Gaachana Sirnaa, Barnoota Sirna Gadaafi Safuu hojiirra oolchuun akka fakkeenyaatti ka’a.
Tibbana ammoo Haaromsi Aadaa kan ifoome yoo ta’u kaayyoon isaas barteewwan sirreessuufi sirneessuun kaleessa keenyatti deebi’uun aadaa ummatichaa dhalootatti dabarsuudha. Sirna ifoomsa kanarratti barreeffama marii kan dhiheessan Hogganaan Biiroo Barnootaa Doktar Tolaa Bariisoo akka jedhanitti, haaromsi aadaa kan barbaachisuuf wantooti haala yeroo wajjiin jijjiiramuu qaban akka jijjiiramaniif kanneen dagataman immoo akka yaadatamaniifi.
Kanarratti muuxannoo biyyoota addunyaa keessaa kan Jaappaan akka fakkeenyaatti dhiheessanii, biyyattiin qabeenya uumamaa waa tokkollee hinqabdu. Kan isaan qaban baay’ina ummataa miliyoona 123 waan ta’eef sammuu namaarratti hojjechuuf murteessuusaanii kaasu. Waggoota 20f haaromsa isaan qaroomina jedhanii waaman kan gaggeessite yoo tahu, har’a biyyattiin dinagdeedhaan biyyoota addunyaa keessaa kanneen jalqabaarratti kan hiriirtu ta’uu himu.
Isa kanaaf ka’umsisaa yommuu ilaalamu akkuma Itoophiyaan amma falaasama mandhalee IDAA’AMUU jedhu qabattee hojjetaa jirtu isheenis kan mataashee Kaayizan jedhu bocattee turuu kaasanii, kunis yeroo addunyaan kachachala dinagdee keessa seente illee Jaappaan konkolaataafi wantoota biroo omishuun gabaaf dhiheessaa turuu ibsu.
Akka isaan jedhanitti, haaromsa aadaa toora xiyyeeffannaa taasifatanii, naamusa cimaan yoo hogganan, dinagdee barnootaafi teknolojiin ijaaramnaan bu’aa olaanaa fida. Giddugala haaromsa aadaa ta’uu kan qabu, teknolojiin barnootaafi dinagdeedha. MNO’s kanumarratti xiyyeefatee hojjetaa jira. Naamusni hojii, hojii jaalachuufi kabajuu, gareen hojjechuu, bu’a qabeessummaa ta’uun barbaachisaadha. Akkasumas baadiyyaa ammayyeessuun dhimma murteessaadha.
Inni biraan waa hunda caalaa tokkummaan akka barbaachisu kaasanii, sabni tokkummaa qabaatee jabaatee yoo hojjete rakkoo keessaa ba’uu waan danda’uuf haaromsa aadaatiin dhimmoonni akkanaa xiyyeeffannaadhaan hojjetamuu akka qaban himu. Mootummaan Oromiyaa hundeeffamasaarraa haaromsa taasisaa kan dhufe yoo tahu, sirna Gadaa sababoota addaddaan laafaa dhufe jabeessuu, mootummaa daangaa, alaabaafi heera mataasaa qabaatee hundeeffachuun, Caffeedhaan of bulchuu, Afaan ofii afaan hojii, barnootaafi miidiyaa taasisuuf kanneen biroo kaasuun akka danda’amu dubbatu.
Haaromsi aadaa kun dhugoomuu kan danda’u hojii mootummaan hojjetuun qofa waan hintaaneef hawaasa sadarkaan jiru mariissisuu akka barbaachisu kan himan Doktar Tolaan, kanarratti ammoo gahen miidiyaa olaanaa ta’uu kaasu.
Pirezidaantiin Oromiyaa Shimallis Abdiisaa dhimma kana ilaalchisuun fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti akka ibsanitti, mootummaan jijjiiramaa hojiilee dursee raawwate keessaa tokko maniiwwan gulantaa qabsoo ummata Oromoo madaalan bocuu ta’uu eeranii, maniiwwan sabboonummaa gochaatiin qofa ifan kunniin dhaloota dorgomaa ta’e, ummata dinagdeen aangaweefi sirna cimaa dhugoomsu ta’uu ibsu.
“Maniiwwan kunniin gama tokkoon aadaa (seenaa, duudhaa, safuufi eenyummaa) ummata Oromoo yaada keessa kan galchan yoo ta’u, imaammatoonni, tarsiimooleen, sagantaaleeniifi inisheetivoonni mootummaan ittiin hojjetus yaadamuma kana hordofanii kan bocamanidha. Jalqabbii tureen yaadamoonni aadaa ummata irraa sirnoomsamanii milkaa’inoota qabatamaa hedduuf ka’umsa ta’aniiru. Kunis, qooddatoota milkaa’ina abjuu qabame murteessan keessaa aadaan isa duraa ta’uu kan ragaa bahe ture” jedhu.
Ka’umsa milkaa’ina maniiwwan qabsoo ummataa ta’us, aadaan ummatichaa humna isaa ganamaa akka hinjirre kaasanii, hambaaleen aadaa keenyaa kanneen akka seenaa, afaan, aartii, beekumsa xabboo, duudhaa, safuu, ilaalcha addunyaafi eenyummaa, dhiibbaa alaafi keessoo adeemsa seenaatiin dhufaniin, gara hinbarbaachisnetti jijjiiramaa, dabaafi dagatamaa dhufuu ibsu.
Taateen akkanaa ammoo kaayyoofi akeeka ganamaa kan dhabsiisu yoo ta’u, fedhii idil-addunyaa dabalaa dhufe (fkn teknolojii, kalaqa, caasessa, barnoota…) waliin tarkaanfachuu waan dhorkuuf humna ganamaa isaa dhabuun walmorkii qaroominaa keessaa akka kufu akka taasise himu.
Akka ibsasaaniitti, biyyoonni hedduun rakkoo akkanaa, haaromsaafi cehumsa aadaa gaggeessun dandamataniiru. Haaromsi aadaa, seenaa ummata Oromoo birattis haaraa miti. Ummanni Oromoo, marsaa guutuu Gadaa moggaasa JAATANII jedhuun haaromsa aadaa, seeraafi heeraa ittifufiinsafi gadi fageenya qabu adeemsisaa tureera. Jaatanii alattis, gidduu gidduudhaan haaromsa muraasa aadaa gaggeessaa tureera. Har’a gahuu aadaa, duudhaafi eenyummaa ummata Oromootif shaakalliin akka kana murteessoo ture. Har’as, qabiyyee isaa ganamaa eeggatee akka ittifufu, akkasumas morkii idiladdunyaa har’aatti madaqee humna guutuun gulantaa qabsoo ummataa akka utubu haaromsa aadaa gaggeessuun barbaachisaadha. Kanaaf agarsiiftuu seenaa kaasuu dandeenya.
Mootummaan Jijjiiramaa tarkaanfiin aadaa ilaalchisee fudhachaa jiru gulantaa sadi kan qabudha:
Tarkaanfiin Gulantaa Duraa: Shaakalliiwwan aadaafi duudhaa ummataa (mirga ta’uu) hanga yoonaa harca’anii hafan bakkatti deebisuu, qorachuu, misoomsuu, beeksisuufi gulantaa ittaanuuf qopheessuudha. Fakkeenyaf, Irreecha Hora Finfinnee dabalatee, Irreechi Malkaawwan 74 hanga jaarraa tokkoofi walakkaa oliif adda citanii turan bakkatti deebiseera. Goobeefi Shinooyyee dabalatee, ayyaanonni ummataa hedduun akka lubbuu horatan taasiseera. Ardaalee jilaa dabalatee, abbaan qabiyyummaa lafa shaakalliin isaanii akka mirkanaa’u taasiseera.
Dhaloota ofta’aafi dorgomaa uumuuf, barnoota gama tokkoon saayinsiifi teknolojii irratti xiyyeeffatu, gama birootiin beekumsaafi gochaalee aadaafi duudhaa irraa madduufi tiksu akka babal’atu hojjataa jiraachuu himanii, bifuma walfakkaatuun, Sirna Gadaafi Dhaweessummaa (Entrepreneurship) walcinaa kaarikulamii barnootaa keessa galuun barnoota sadarkaa jalqabaa irraa kaasee ijoolleen akka baratan taasisaa jira. Sochii kanniin midiyaadhan deeggaruuf, ‘Oromia Broadcasting Network’ (OBN) irratti sagantaa ijoollee “OBN Gaammee” banee dhaloota eenyummaa isaatiin qaruu irratti akka argamu ibsu.
Sirna Ayyaana Irreechaa, Mootummoota Gamtoomaniitti, Dhaabbata Barnoota, Saayinsiifi Aadaa (UNESCO) biratti, hambaa kiliyaa dhala namaa ta’ee akka galmaa’u sochii baldhaan taasifamaa jiraachuu kan himan Obbo Shimallis, ejjennoo siyaasaa cimaa paartiifi mootummaan tarkaanfachiisaa turaniin, Afaan Oromoo sadarkaa federaalaatti afaan hojii paartii ta’uufi dabalataanis afaan mootummaa federaalaa akka ta’u murtaa’ee raawwii isaatiif haaldureewwan jiran guutamuu irratti argamuu dubbatu.
Tarkaanfii Gulantaa Lammaffaa: Jalqabbii gama beeksisuufi misoomsuutiin jiru, hamma tokko gulantaa ittaanutti ceesisuun faayidaa hawaas dinagdee akka argamsiisan gochuu ture. Bu’uuruma kanaan, imaammata, tarsiimoofi sagantaalee misoomaa hedduun aadaafi beekumsa xabboo ummata keenyaa irraa bocaman bu’aa jajjabeessaa argamsiisaniiru.
Gara shaakalliitti akka deebi’an hojiin ogummaa isaanii dagaagsuu hojjatamaa jira. Pirojektota ijaarsaa giddugalawwan leenjii, misoomafi gurgurtaa meeshaalee, nyaata, uffata, aartii … aadaa Oromoo magaalaa Finfinnee keessatti raawwatamaa jiran akka agarsiiftutti kaasamu.
Tarkaanfii Gulantaa sadaffaa: Haaromsa Aadaa Oromoo tibbana labsamedha. Kunis, hidhata maniiwwan qabsoo Oromoofi aadaa isaa gidduutti uumamaa turan marsaa ittaanutti guddisuuti. Haaromsi Aadaa Oromoo kaayyowwan gooroofi gooree kan qabuudha.
Haaromsi Aadaa Oromoo toora xiyyeeffannoo shan qaba.
1ffaa Beekumsa Omishuu,
2ffaa Dinagdee Ceessisuu,
3ffaa Aartii Oromoo Ammayyeessuu,
4ffaa Aadaa Oromoo Ceessisuu,
5ffaa Miidiyaafi Koominikeeshinii Ammayyeessuu ta’uu tarreessu.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 15 Bara 2017