
Itoophiyaatti waggoota dheeraaf akaakuuwwaan ispoortii adda addaa adeemsifamaa turaniiru. Ministeerri Aadaafi Ispoortii dargaggoota umrii adda addaatiin biyya bakka bu’anii dorgommiiwwan sadarkaa biyyoolessaatti adeemsifamanirratti hirmaatan calaluuf waggaa waggaan dorgommii madaallii pirojektii leenjii guddattoota guutuu Itoophiyaa gaggeessaa tureera.
Dorgommiin sababa gara garaatiin waggoota jahaaf addaan citee ture barana Amajjii 27 hanga Guraandhala 5 bara 2017tti Magaalaa guddoo naannoo Kibba Itoophiyaa, Walaayittaa Sooddootti adeemsifamaa ture olaantummaa Oromiyaatiin xumurameera.
Dorgommicharratti naannoleen tokko tokko umrii guddattootaan walqabatee komii kaasaa turaniiru. Gaazexaan Bariisaas bakka dorgommichi itti adeemsifametti argamuudhaan qaamolee komii kaasaniifi qaamolee dhimmichi ilaallatu dubbiseera.
Abdulkariim Usmaan dargaggoo waggaa 16ti. Taphataa kubbaa Kachoo pirojektii madaallii guddattoota naannoo Harariifi barataa kutaa 11ffaati. Dorgommichi taphattoota guddattoota biyyattii bakka tokkotti walittifiduudhaan akka walbaran waan taasiseef qaama dorgommicha qopheesse galateeffateera.
Dorgommichi garuu kaayyoo isaa waan dogoggore natti fakkaata kan jedhu taphataan kun, naannoo Harariitti dorgommiin guddattootaa kan adeemsifame dargaggoota umrii 17 gadi ta’an gidduutti. Madaallii taasifameen hiriyoonni keenya baay’een ga’umsa utuu qabanii sababa umriitiin nu biraa hafaniiru.
Nuti dorgommichaaf gara Magaalaa Walaayittaa Sooddoo yoo dhufnu guddattoota umuriin nu gitan waliin dorgomna jennee yaadaa turre. Kan dorgomne garuu dargaggoota umriifi qaamaan nucaalan waliini jedha.
Fakkeenyaaf garee kubbaa kachoo bulchiinsa Magaalaa Finfinnee wajjin wayita taphannu qaamaanis ta’ee umriidhaan waan nucaalaniif mo’amneerra kan jedhu Abdulkariim, taphattoota umriin nu caalan waliin taphanne jennee murte kennaatti himannus nu dhaga’uu hinfeene. Kanaafuu dorgommichi kaayyoosaa dogoggoruun kan adeemsifame ta’uu dubbata.
Leenjisaan garee kubbaa kachoo naannoo Hararii Obbo Kariim Usmaan gamasaanitiin akka jedhanitti, kaayyoon dorgommichaa guddattoota umriidhaan madaalamaniifi ga’umsa qaban hirmaachisuun akkaadaamiiwwaniifi wiirtuulee leenjii ispoortii adda addaatti galchuudhaan abdii borii akka ta’an gochuudha.
Haata’u malee naannoleefi bulchiisonni magaalaa tokko tokko qabxii barbaaduuf jecha kaayyichaan ala dargaggoota umriidhaa ol ta’an qabatanii dhihaachuun hirmaataniiru. Addeemsi akkanaa biyyaafis guddattootaafis gaarii miti jennee yeroon iyyata dhiheessinus qaama nu dhageeffatu dhabnee mo’amuuf dirqamneera jedhu.
Leenjisaan garee kubbaa Kaachoo Magaalaa Finfinnee Komaandar Tulluu Mandiyoo akka jedhanitti, taphattoonni yeroo dheeraaf giddugala leenjiifi barumsa Ispoortii Araat Kiilootti shaakalaaa turan. Umriisaanii maatii isaaniifi manneen barnootaa isaan itti baratanirraa ragaalee walitti qabuudhaan qorannoo gochuun kanneen waggaa 16 gadi ta’an filanne.
Wayita filannoon taphattootaa gaggeeffamu koreen filannoo kan Komishinii ispoortii Magaalaa Finfinnee, kilabootaa, haakimootaa, bakka bu’oonni farra malaammaltummaa, maatiiwwan guddattootaafi bakka bu’oonni barsiisotaafi ispoortii argamanitti ragaalee walittiqabaman qorachuun guddattoonni dorgommichaaf akka filataman ta’eera jedhu.
Filannoon kun akaakuu ispoortii kubbaa kachoo qofa osoo hintaane akaakuuwwan ispoortii 11 ittiin hirmaanne mara kan ilaallatu waan ta’eef komiin isaanirratti dhiyaate sirrii miti jedhu.
Naannoo Benishaangul Gumuzirraa kan dhufe dorgomaan Buunyaa Hasan Hamiid gamasaatiin akka jedhutti, yeroo naannicharraa filatamee dhufu morkataan kiyya umriidhaan na qixa jedhee yaadaa akka tureefi dorgommiif ‘Riingii’ Buunyaa keessaa wayita galu dorgomaansaa umuriidhaan kan isa caalu ta’uu arge.
Akkuma beekamu dorgommiin buunyaa kan adeemsifamu kiilo giraama wal qixa ta’eeni kan jedhu dorgomaan kun, koreen safartuu akkamitti akka isaan madaalan hinbeeku. Murtee kennitoonniifi koreen taajjabdoota dorgommichaas garaagarummaa ture umuriifi ulfaatina callisanii ilaalan.
Nuti himachuu kan dandeenyu karaa leenjisaafi durabu’aa garee kenyaatiini kan jedhu dorgomaan kun, ‘Riingii’ Buunyaa keessatti humna keenyaa ol jennee yoo iyyanne naamusaan ala jedhanii nu adabu waan ta’eef dorgomtoota umriin nucaalan waliin doromnee mo’amuuf dirqamne jedha.
Dorgommii kana olaantummaan meedaaliyaawwan 226 fudhachuudhaan kan xumure naannoo Oromiyaati. Biiroo Dargaggoofi Ispoortii naannichaatti, Daariktarri Kominikeeshinii biirichaa Obbo Rabbiyyuu Tamaam filannoon guddattoota dorgommicharratti hirmaatanii sirriidha. Naannichi kanaan duras kan beekamu akaakuuwwan ispoortii ittiin hirmaatuun olaantummaan xumuruudhaani. Kan ammaa kunis waanuma eeggamuudha. Kaayyoon keenya waancaafi meedaaliyaa walittiqabuu miti jedhu.
Kaayyoon keenya akkuma kanaan duraa dargaggoota ciccimoo horachuun maqaa Itoophiyaa Afrikaafi Addunyaarratti waamsisuudha kan jedhan Obbo Rabbiyyuun, biirichis misooma ispoortii guddattootaaf xiyyeeffannaa olaanaa kennee hojjechaa jira. Dorgommii madaallii pirojektii leenjii guddattootaa baranaaf sadarkaa sadarkaan gandaa kaasee ispoorteessitoota kuma 40 ol hirmaachisuu himu.
Dorgomtoonni naannicha bakka bu’uun dorgommii madaallii pirojektii leenjii guddattootaarratti hirmaatanis ulaagaa barbaachisu kan guutan ta’uu himanii, haaluma kanaan ispoorteessitoota umrii 16fi isaa gadii 500n ol qabachuun dorgommicharratti kan hirmaatan ta’uu himu. Komiin umurii dorgomtootaa walqabatee dhiyaate naannicha kan hin ilaallanne ta’uus eeraniiru.
Ministeera Aadaafi Ispoortii Federaalaatti, hoji raawwachiisaa dursaan misooma Ispoortii Obbo Tasfaayee Baqqalaa akka jedhanitti, shaampiyoonaan madaallii pirojektii guddattoota Itoophiyaa akkama yaadne haala miidhagaan gaggeeffameera. Dorgommichis kanneen kanaan dura adeemsifaman irra caalaa naamusa gaariin kan adeemsifame ta’uu himu.
Dorgommichi kanaan dura sababoota gara garaatiin waggoota jahaaf addaan citee turuu himanii, dorgommiin Magaalaa Walaayittaa Sooddootti gaggeeffame magaalota gara fuulduraatti dorgommicha keessummeessuuf carraa argataniif muxannoo gaarii ta’uus himaniiru.
Dorgommichi tokkummaa, obbolummaafi jaalala dargaggoota gidduu jiru akka cimu taasisuurra darbee taphattoota ciccimoo Itoophiyaa bakka bu’uun dorgommii sadarkaa biyyoolessaatti adeemsifamurratti hirmaatan horachuuf kan gargaaru ta’uus himaniiru.
Dorgommicharratti madaallii guddattootaa kanarratti guddattoonni umrii 17 gadi ta’uu himanii, kanaan dura naannoleen umrii waliin dhahaa guddattoota umrii jedhameen olii qabatanii hirmaachaa turaniiru. Dorgomtoonni dorgommii baranaarratti hirmaatan garuu koree calaltuun filatamanii waan dhiyaataniif dogoggorri duraan ture dorgommii baranaa irratti kan furame ta’uus himaniiru.
Tashoomaa Qadiidaatiin
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 15 Bara 2017