
Inistiitiyuutiin Qorannoo Qonnaa Oromiyaa sochii wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu milkeessuuf qorannoo haalota qabatamoo naannicha keessaa waliin walsimatu irratti hundaa’uun qorannoo gaggeessuun bu’aa qorannoo argame qonnaan bulaaf raabsuu erga eegalee bubbuleera.
Inistiitiyuutichi giddugala qorannoo itti gaggeessu keessaa Giddugalli Qorannoo Adaamii Tulluu isa tokkodha.
Giddugala kanatti qorannoo akkamii akka gaggeeffamaa jiru kan daawwate gareen gaazexeessitoota Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa bu’aalee qorannoo argaman akkamitti hawaasa fayyadamaa taasisu? qorannoo gaggeeffamaa jiru adda baasuuf hogganaafi ogeessota inistiitiyuutichaa waliin turtii taasiseera.
Daariktarri giddugalichaa Obbo Yaasin Ismaa’el giddugalichi hojii qorannoo omishaafi omishtummaa guddisan garagaraa irratti xiyyeeffachuun hojjetamaa jira. Qorannoo midhaaniifi eegumsa midhaanii, beelladaa (livestock), eegumsa naannoo, teknolojii adda baasuun qonnaan bulaa qaqqabsiisuu, sanyii fooyya’aa qorannoon adda baasuu, baay’isuufi qonna jallisii gaggeessuun bu’aa qorannoo qonnaan bulaa qaqqabsiisuuf hojii bal’aan hojjetamaa jira.
Dameewwan qorannoo kunneenitti qorannoowwan fayyadamummaa qonnaan bulaa guddisan hedduun gaggeeffamaa akka jiran ibsaniiru.
Inni jalqabaa qorannoo midhaanii yoo ta’u omishaafi omishtummaa guddisuuf akaakuu midhaan garagaraarratti xiyyeeffachuun qorannoon geggeeffamaa jira.
Keessumaa insheetiivii qamadii bonaan walqabatee akaakuu qamadii jallisii isa kamtu omisha paastaafi makarooniif mijataadha kan jedhurratti qorannoo bal’aan gaggeeffamaa jira.
Sulula qiinxamaa keessatti jallisiidhaan qamadii omishuun akkamitti akka danda’amuufi fayyadama qabeenya bishaaniin walqabatee qorannoo bal’aan gaggeeffamaa jira.
Dabalataan inisheetiivii muuziin walqabatee qorannoo gaggeffamaa jira. Sanyii muuzii biyya Hindiitii doolaaraan galu hambisuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jira. Sanyii muuzii qilleensa naannichaan walsimatee bu’aa guddaa argamsiisuu danda’uun baayoo teknolojiin akaakuu muuzii torba Wiirtuu Qorannoo Malkaasaatti baay’achaa jira.
Hojii hanga ammaatti hojjetameen baasii sanyii muuzii fooyya’aa biyya alaa galu hamma tokko hir’isuu danda’ameera. Qonnaan bultoota waldaan gurmaa’aniif bara darbe sanyiin muuzii fooyya’aa dhiyaateef irraa galiin qarshii miliyoona 3.6 argamsiisuun danda’ameera.
Qorannoo midhaan dheedhiin walqabatee boloqqee irrattis qorannoo sanyii fooyya’aa adda baasuu xumuramee hojiin baay’isuu eegaleera.
Horsiisa beelladaa(livestock)n walqabatee: Qorannoo beelladaa omisha fooyya’aa kennanii bal’aan giddugalichatti gaggeeffamaa jira. Rakkoo bu’aa beelladaa xiqqeessan furuuf raadan sanyii fooyya’oo omisha guddaa kennuu danda’an qorachuufi baayisuun hojjetamaa jira. Omishaafi omishtummaa beelladaa guddisuun hawaasa fayyadamaa taasisuuf akaakuu nyaata beelladaa isa kamtu barbaachisaa akka ta’e adda baasuurratti xiyyeeffatamuun hojjetamaa jira.
Qorannoo hanga ammaatti gaggeeffameen bu’aa gaariin damee kanaan argamee jira. Dabalataanis sanyii lukkuu fooyya’aa qorannoon dhiyeessuuf baay’isuurratti hojii milkaa’aan hojjetamaa jira. Fedhii lukkuu gabaa irra mul’atuufi qonnaan bulaa bira jiru guddaadha. Fedhii kana guutuuf sanyii fooyya’aa qorachuun baay’ee akka dhiyaatuuf dandeettii inistiitiyuutichi qabuun hojii qorachuufi baayisuu hojjetamaa jira.
Qorannoo eegumsa nannoofi biyyee: Qorannoo eegumsa naannoon inisheetiivii ashaaraa magariisaan walqabatee bal’inaan gaggeeffamaa jira. Duulli ashaaraa magariisaa gaggeeffamaa jiru akkuma jirutti ta’e wanti hojjetamaa jiran qorannoodhaan maal ta’uu akka qaban qorannoo barbaachisa. Keessumaa biqilootni garagaraa bakka garagaraa dhaabbatan akkamitti dhaabbatanii qabachuun bu’aa barbaachisu fiduu danda’a isa jedhu qorannoon adda ba’uu qaba. Agiroo ikkooloojiin walqabatee maal ta’uu akka qabu qorachuun ittifufee jira. Qorannoo eegumsa biyyee wiirtuu sulula qiinxaamaa keessatti biyyee asiida’aan walqabatee jiru akkamitti yaalamee bu’aa akka kennuu danda’u qorannoo bal’aan gaggeeffamaa jira.
Biqiltuun dhaabbatanis biyyee isa kamirra yoo dhaabbatan bu’aa argamsiisuu danda’u kan jedhu qorannoon gaggeeffamaa jira. Eegumsa bosonaan walqabatee qabeenya bosonaa akkamiitu jira, bosona biyya keessaafi alaa bosonoomsuun akkamitti ittifufuu danda’a kan jedhus qoratamaa jira.
Eegumsa bishaanii (water shade management): Hoggansaafi eegumsa bishaaniin walqabatee qorannoon bishaanii akkamitti yoo eegumsi taasifameef bu’aa fiduu danda’a. Fakkeenyaaf aramaa bocee lolaadhaan gara qaama bishaaniitti galuudhaan qabeenya bishaanii akka hinballeessineef akkamitti dhaabuun akka danda’amurratti qorannoo bal’aan gaggeeffamaa jira.
Akka waliigalaatti inistiitiyuutichi giddugalichatti gaggeessaa jiru fedhiifi haala qilleensaa (agiroo ikkooloojii) guddugaleeffachuudhaan omishaafi omishtummaa guddisuurratti qorannoo gaggeessaa jira. Hanga ammaatti qorannoo gaggeeffamaa jiruunis bu’aa abdachiisaan arrgamaa jira. Bu’aa qorannoo argame qonnaan bulaa biraan ga’uuf giddugalichatti baay’achaa jiran keessaa sanyii boloqqee, lukkuu, muuzii akka fakkeenyatti kaasaniiru.
Giddugalichatti Qorataa Ekisteenshinii Qonnaafi Qindeessaa Pirojektiifi Cimsa Sirna Nyaataa Obbo Tasfaayee Gammachuu baay’isa sanyii boloqqee fooyya’aa baayyataa jiru dursaa jiru. Sanyii qorannoon adda ba’ee baay’achaa jiru qonnaan bulaaf raabsuuf hektaara 10 irratti baay’isi sanyii boloqqee fooyya’aa gaggeeffamaa jira.
Boloqqeen baayyifamaa jiru omishaafi omishtummaan isaa olaanaa ta’uun adda ba’ee boloqqee naannawaatti omishamuun wal bira qabamee caalmaa waan qabaateef raabsuuf baay’ataa jira.
Boloqqee kana addaafi filatamaa kan taasiisu rooba xiqqoodhaan omisha guddaa waan kennuuf qonnaan bulaa birattis baay’ee filatamaadha. Maqaan sanyii boloqqee fooyya’aa ‘Daraashi’ jedhamuun hektaaratti hanga kuntaala 20tti kennuu akka danda’u qorannoon adda ba’ee jira. Naannawaa rooba ga’aa hin qabne keessumaa sulula qiinxaamaa keessatti bu’aa olaanaa qaba.
Dabalataanis, gabaa alergiifis baay’ee barbaachisaa waan ta’eef xiyyeeffannoo guddaan qonnaan bulaa biraan ga’uuf hojjetamaa jira. Hanga ammaatti hojii hojjetamaa jiru jal’isiin waan hojjetamaa jiruuf baasiin hojii kanaaf ba’u guddaa waan ta’eef rakkoo hanqina baajataan fedhii sanyii hanga barbaadamuun baay’isuun hindanda’amne. Qaami dhimmichi ilaallatu furmaata utuu itti kennee kana caalaa hojjechuun qonnaan bulaa qaqqabsiisuun nidanda’ama jedhaniiru.
Dursaa Garee Qorannoo Lukkuu Giddugalichaa obbo Ahimad Muusaa giddugalichatti qorannoo lukkuu gaggeesaa akka jiran himu. Giddugalichi giddugala qorannoo lukkuu Oromiyaa lama jiru keessaa isa tokkodha. Lukkuu sanyii haaraa biyyoota adda addaa irraa dhufan haala isaan omishaa dabaluu danda’anirratti qorannoon gaggeeffama jira.
Qorannoon sadarkaa jalqabaa lukkuun biyya garagaraatii dhufan madaquufi madaquu dhiisuu isaaniitu gaggeeffama. Yeroo ammaa kana lukkuu fooniifi killee irratti xiyyeeffachuudhaan qorannoon bal’aan gaggeeffamaa jira.
Erga madaqanii boodaa lukkuun biyya alaa galan nyaata ammayyaa’aa (commercial food) nyaataa turanii waan dhufaniif haala qabatamaa qonnaan bulaa naannicha keessa jiruun nyaata lukkuuf ta’u akka qophaa’u ta’a. Erga nyaata qonnaan bulaa harka jiruun walbaranii booda qonnaan bulaa biratti geeffamu.
Maalummaafi bu’aa lukkuuwwan bu’aa qorannoon argamanii qonnaan bulaa hubachiisuufi leenji bal’aa kennuudhaan paakeejii guutuu waliin qonnaan bulaa bira akka ga’an ta’aa jira. Turtii qonnaan bulaa booda rakkoo lukkuuwwanirratti qonnaan bulaan argan dubdeebii sassaabameerra, dhaabbachuudhaan bu’a qabeessuummaan lukkuuwwanii murtoo argachuun gandootatti qonnaan bulaa gurmeessuun qonnaan bulaa bira akka ga’an ta’a.
Sanyii lukkuu fooyya’aa ga’umsaan baay’isuuf maashina cuucii baay’isu (inkubeetarii) guyyoota 21 keessatti cuucii kuma 38fi 880 baasuu kandanda’u lamaan deeggaramuun hojii sanyii lukkuu fooyya’aa raabsuu gaggeffamaa jira.
Hanqina lukkuu hawwanii dhabuurraa kan ka’e hanga dandeettii maashinichaa guutuun hindanda’amne. Ta’us marsaa tokkotti cuucii kuma sadii ol baasuun ji’oottan shanan darban kanatti cuucii kuma 22fi 827 ol qonnaan bulaa biraan ga’uun danda’ameera.
Akaakuu lukkuu qonna koomershaalaafi qonnaan bulaa biratti gaggeeffamuun adda baasuun hojetamaa jira. Lukkuun koomershaal faarmiin baayyatan nyaata ammayyaa malee hin nyaatan. Inistiitiyuutichi lukkuuwwan nyaata qonnaan bulaa bira jiru nyaatan baayyisuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira.
Gosa lukkuu Kokookiifi Saasoo kan jedhaman bal’inaan giddugalichatti bayyachaa jiran keessaa isaan tokkodha. Lukkuu naannoo kana keessa jiranitti waan dhiyaataniif yeroo baa’yee qonnaan bulaaf barbaachisoodha.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 15 Bara 2017