
Jecha “tola ooltummaan xiqqoo hinqabdu” jedhu baay’een keenya ni beekna. Baay’een keenya garuu tola ooltummaa yommuu jedhamu waan maallaqaafi waa gumaachuutiin walqabatu qofa yaadna ta’a. Ogummaafi carraa qaban fayyadamuun waan gaarii bu’aa buusu hojjechuun tola ooltummaa ta’uusaa kan hubatan namoota muraasa. Namuu dandeettii, carraafi beekumsa qabu damee kamirrattiyyuu itti fayyadamee tola ooluu akka danda’u muuxannoon keessummaa Bariisaa torban kanaan nu hubachiisa.
Obbo Hamzaa Kadir Waariyoo waggoota dheeraa biyya alaa kan jiraatan yoo ta’u, qabsoo siyaasaan biyyaa ba’anis biyyasaaniitti citanii hinhafne. Har’a wanti hedduu jijjiirame yommuu biyyi ilmaan ishee sababa addaddaan irraa baqatan waammattu dursanii awwachuun waan danda’aniin biyyasaanii gargaaraa jiru. Diyaaspooraa biyya Awustiraaliyaa jiraatan yoo ta’an keessumaa damee turizimiirratti hojii hedduu hojjechaa, Oromiyaa waltajjii idiladdunyaarrattis beeksisaa jiru. Nutis muuxannoofi mudannoosaanii dubbistoota keenyaaf qooduu jaallanneerraa dubbisa gaarii!
Bariisaa: Mee dubbistoota keenyaan walbaraa?
Obbo Hamzaa: Tole, ani maqaankoo Hamzaa Kadir Waariyoon jedhama. Oromiyaa keessaa, Arsii Lixaa, Shaashamanneetti dhaladheen achumatti guddadhe; barnootakoos hanga kutaa 12ffaatti achumattin xumure.
Yeroon kutaa 12 xumure sana yeroo Dargiin kufee ‘ADWUI’n aangoo itti qabate waan tureef yunivarsitii seenuu dhiiseen gara qabsootti seene. Waggaa afurii ol maatiin koo illee bakkan jiru hinbeekan turan. Guyyoota 17f hiriyyootakoo waliin gara Jibuutii deemee deebi’een gara Harargee, Baalee, Gujiifi Boorana deemuun qabsoo taasisaan ture. Yeroo sana bu’aa ba’iiwwan hedduu dabarseera. Yeroo addaddaas hidhameera.
Bariisaa: Qabsoo akkamii taasisaa turtan? Oromoo birawoo akkamiin ga’aa turtan?
Obbo Hamzaa: Yeroo sana Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) yeroo itti qabsoo taasisaa ture waan ta’eef itti makamuun qubee, sabboonummaafi eenyummaa Oromummaa keenya sirriitti akka barannu carraa nuu uumee ture. Nutis isarraa ka’uun sabboonummaafi Oromummaarratti hojii addaddaa hojjetaa turre. Oromoo fiixee daangaa gamaafi gamana jiru walitti fiduun tokkummaa akka cimsan irratti hojjetaa turre. Qarri yeroo sana qaramne hanga yoonaallee jireenyakoof bu’uura naaf ta’ee ittiin jiraataan jira.
Bariisaa: Egaa qabsoon bu’aa ba’ii hindhabu. Mee waan yoomillee hindaganne, waan isin mudate utuu nuu kaastanii?
Obbo Hamzaa: Kaniin jireenyakoo keessatti hinirraanfanne, gara namoota 60 taanee yeroo Baaleerraa kaanee qabsoof deemaa turre, Waraanni Bilisummaa Oromoo garri caalu kaampii seenee ture. Nutimmoo hinseennu jennee bakkeetti hafne. Raadiyoon qunnamtii yeroos ture hangas mara hindhageessisu. Boodarra namni waraanicha hogganu bakka nuti jirru dhufee dhukaasa walitti banuuf turre. Haala ajaa’ibaatiin Waaqumatu nu qaqqabee qaama tokko taanee osoo walhinwaraaniin hafne.
Inni biraan naannawa Shaashamannee dhufnee namoota wayyaanee waliin hojjetan adamsuuf gara sana deemnee turre. Achittis helikoptaraan dhukaasa nutti banananii hanga xiqqootti hafne.
Sababa sanaan bittinoofnee ani gara Harargeetti deebi’e. Daaroo Labuu, Galamsoofi Baddeessaatti WBO qunnamuuf utuun deemaa jiru wayyaaneen na qabde. Yeroo kana gaafa isaan gaaffii na gaafatan akka waan Afaan Amaaraa qofa beekuutti, Walloorraa hojii barbaachuu gara sana akkan dhufetti itti dubbadhe.
Namichisaanii Afaan Oromoo dubbatu tokko “Dabballeen ABO waa nama hinamanan” jedhee sibiilaan na rukute, anis gaggabeen kufe. Isa booda Baddeessaa, kutaa bunni namootarraa dhaalamee kuntaalaan kuufamee jiru na geessan. Bunichi achitti tortoreera. Hantuuti achi keessa yaa’uu nama sodaachisa. Akkan itti rafullee hinqabu. Gaafan rifadhee iyyu achitti dhufanii na ajjeessuuf ka’u.
Haala kanaan torban tokkoo ol bakka sana na tursiisanii boodarra halkan konkolaataa Ayisuuzuu jedhamuurratti na fe’anii Galamsoo na geessan. Akka tasaa nama Oromoo tokko “waraana nyaachistee miseensa keenya ajjeesiste” jedhanii qabanii hidhan waliin ji’a lamaa ol na hidhan.
Kutichi daran dhiphaa, dukkanaafi bakka ciisicha hojjaa namaa ga’u qofa qabudha. Bakka ittifincaa’aniifi qulqullaa’an hinqabu. Keenyan qottee keessatti fincaa’uu dandeessa. Gara jalqabaa nyaata lagadhee boodarra akka hinduuneef waa xiqqoo nyaachuu eegale. Bishaan booruu haroo keessaa waraabanii nu dhugsiisu. Utuu akkanaan jirruu namichan waliin hidhame sana na biraa baasanii ajjeesan. Anis qaamni na quunca’ee, xuraa’ee of jibbe.
Boodarra namnisaanii Saamooraa Yanuusiifi warreen kaan utuu manneen hidhaa daawwatanii na argan. Anas na waliin haasa’ee, hojii barbaacha Walloorraa dhufnaan akkan hidhameefi waa tokkollee akkan hinbeekne itti himnaan akkamiin hiitan jedhee dheekkamee, qarshii 100 naa kenne. Garan deemuu na gaafannaan gara Baddeessaa jennaan xalayaa ba’umsaa barreessee waliin na kenne.
Gaafan ba’uu namoonni baay’een ajjeefamaniiru, kaan faca’aniiru. Deebisanii caasaa ijaaruun ulfaataa ture. Haala kanaan namoota afur taanee karaa Dirree Dhawaa Jibuutii galle. Achitti guyyaa muraasa tureen ammallee deebi’ee gara Harargee, Baalee, Gujiifi Boorana dhufeen akkuma duraa sochii eegale.
Garuu wanti yeroos ture baay’eensaa rakkisaa ture. Waraanumtiyyuu faffaca’ee wajjirrisaa bakkaa bakkatti cufamaa ture. Haaluma sana keessa osoo sochoonuu deebinee namoota sagal taanee Mooyyaleetti nu marsanii nu jidduudhaa torba konkolaataa Oraaliidhaan qabanii deeman.
Nu lamaanis konkolaataa horii fe’ee deemuun gara Naayiroobiitti ceene. Gara ji’a shanii nama keenya bira na kaa’anii, achitti daran dhukkubsadheen ture. Ji’a saddeet booda ammas oggaan bosonatti deebi’uuf ka’u firoonniifi namoonni biroo natti iyyanii ‘UNCHR’tti akka baqataatti galmaa’e.
Achittis hojiilee dhaabaarratti hirmaachaa turus boodarra haalichi rakkisaa ta’e. Kora guddaallee gaggeessinee walqoodiinsi ture nama gaddisiisa. Maallaqa korri sun itti gaggeeffamullee namoota bakkawwan addaddaa jiranirraa sassaabne.
Haala kanneeniifi haalota ulfaatoo hedduu keessa darbuun waggaa 26 dura gara biyya Awustiraaliyaa deeme. Achittis dhaabatti makameen leenjii jalqabe. Achitti ummata ijaaruu, dadammaqsuu, maallaqa walitti qabuun waraana bakkaa bakkatti bittinnaa’e tumsuufi kkf irratti hirmaachuun eegale. Kana maddiitti barumsakoos ittifufe. Kominiitiin Awustiraaliyaa jirus haalakoo kana ilaalee akkan hojii siyaasaafi hawasummaarratti hojjedhuuf na kaadhime.
Kanaanis irradeebiin caasessuun, akka dargaggoonni qubee baratan, kanneen barumsa addaan kutanis barnootasaanii akka ittifufan hojjechuun jalqabe. Keessumaa dargaggoota ijaaruurratti xiyyeeffadheen hojjetaa ture. Garee kubbaa miilaa dhaabee eenyummaafi aadaasaanii akka baran taasiseera. Kanas ijoolleekoo dhiiraa sadiifi kanneenin guddisaa ture lama dabalatee ijoollee 48 gurmeesse. Hawaasa walitti fiduurrattis hojjetaan ture.
Bariisaa: Wanti isin hojjettan baay’eensaa tola ooltummaadha. Jireenyaaf ammoo dirqama hojjechuun ni jira. Kanneen akkamiin walsimsiistu?
Obbo Hamzaa: Isa kanaaf wantoota walmadaalsisuu qabda. Fakkeenyaaf akkaataa guddisa ijoollee koo sadaniifi lamaan guddisuurratti walmadaalsisuun qaba. Aniifi haati warraakoo amaloota addaddaa qabaachuu dandeenya. Kanas walsimsiisanii deemuu gaafata. Karoora qabaachuunis barbaachisaadha. Ofiikee, haadha/abbaa warraakee, ijoolleekeerratti dursitee hojjechuu qabda.
Jireenya dhala namaa keessatti jiruufi jireenya kan nama gargaaru/tu abbaa/haadha warraa ofiiti. Kanaaf isa/isheerrattis hojjechuu barbaachisa. Isa/ishee barsiisuu, waljajjabeessuufi akka walgargaaran taasisuun qabna. Yoon isa/isheerratti hinhojjenne cinaachi tokko laamsha’aadha. Ijoolleen koos ijoollummaasaaniitiin gara biznasiitti akka galan taasiseera. Jireenya waluma gargaarree waan jiraannuuf hangas mara ulfaataa miti. Waa’ee Gadaa haalaan qorachuun koo kanaaf na fayyadeera.
Dubbi keenyarratti waa’ee Gadaa beekuufi qorachuun koo waan baay’ee na fayyade. Awustiraaliyaatti Toltuu Tufaaf (Sabboontuu addunyaarra naanna’uun Afaan Oromoofi Sirna Gadaa daa’imman barsiiftu) waan ittiin barsiiftu anatu qopheesseef. Akka sirni Gadaa barsiifamuuf yaada maddisiisuurraa kaasee hanga kitaaba qopheessuu keessatti hirmaadheera.
Bariisaa: Biyyaa baatanii yeroo ammamii booda biyya gara dhuftan?
Obbo Hamzaa: ALA bara 1999 ba’een bara 2016 dhimma dhuunfaaf dhufee deebi’e. Garuu hangas mara magaalaa keessa deemee ilaaluuf carraa hinarganne.
Sana booda yeroo jijjiiramaa kanan dhufe. Namoota waa’ee Oromoofi Oromummaarratti hojjetan hedduu waliinis dubbadheera. Nageenyi waaraa biyyattiitti akka dhufuufis tattaafachaan ture.
Bariisaa: Yommuu Baankiin Gadaa hundeeffamellee namoota adda durummaan hirmaatan keessa turtan. Achi keessatti qoodni keessan maal ture?
Obbo Hamzaa: Biyya keessaa namoonni baankii ummataa hundeessuuf sosocho’aa akka turanin dhaga’e. Namoonni ani beeku achi keessa turaniiru. Kanaaf maaliif Gadaadhuma jennee baankii ummataa hin hundeessinu yaada jedhurratti mari’annee jalaa kaasnee hojjechuu eegalle. Dureeyyoota qofa quunnamuurra qonnaan bulaan akka abbaa ta’uufis irratti hojjenne. Waggoota lamaaf gammoojjii Oromiyaa keessa deemnee hojjenne. Haala kanaan ana waliin namoota 20 taanee hojjechuun baankichi akka hundaa’u taasisne.
Bariisaa: Namni baay’een kan isin beeku waa’ee turizimii waliin walqabatee yommuu isin keessumaa Oromiyaa bakka deemtanitti beeksiftaniidha. Dhaadannoo Komishinii Turizimii Oromiyaa (KTO) ‘Visit Oromia’ jedhamus bakka deemtanitti beeksiftu. Irreechuma baranaarrattillee jila aartii biyya Neeppaal fiddanii turtan. Hojii keessan kanaanis komishinichiifi pirezidaantiin Oromiyaa waraqaa ragaa isinii kennaniiru. Waa’ee kanaa nutti himaamee?
Obbo Hamzaa: Waggaa ja’a dura waltajjii tokkorratti Komishinara KTO Aadde Lalisee Dhugaa wajjin walbarre. Erga gara komishinichaa dhufaniis yaada walii qoodaafi waliin mari’achaa turre. Waan fedhiikoo beekaniifis waa’ee turizimiirratti iftoominaan na waliin dubbatu.
Ani bakkan deeme hundatti miidiyaa hawaasummaarratti bakkeewwan turizimii Oromiyaa nan dhaadhessa/beeksisa. Kanaafis kanfaltii tokko gaafadhee hinbeeku, isaafis hinhojjedhu. Dhaadhessichi waan gaarii uumuu eegale. Ambaasaaddara Turizimii Oromiyaas na taasise.
Kanin garee aadaa Neeppaal Irreecharratti fideef yommuun dhimma hojiif gara sana deemetti hojii isaan turizimiirratti hojjetan argeeni. Neeppaal biyya hiyyeettii jedhamtee tuffatamti. Garuu qabeenya turizimiifi qabeenya uumamaa baay’ee qabdi. Sababa dhiibbaa siyaasaatiin garuu hinbeeksifamne, irrattis hinhojjetamne. Kanumarraa ka’een kitaaba tokko barreessee achumitti eebbisiise.
Waltajjii eebbichaarratti ministirootaafi namoota beebbeekamoo biyyattiitu argame. Garee ani fidee dhufemmoo artistoota waltajjicha miidhagsan yoo ta’an, beekamoofi miidiyaa hawaasaarratti hordoftoota hanga miliyoona lamaatti qabaniidha. Yeroo sana Aadde Laliseen Torban Turizimii kabajuuf waamicha taasisaa turan. Waamicha kana addunyaalessa gochuu qabna jennee mari’anne.
Haala kanaan garee sana amansiisee baasiisaanii dandeenyee gara biyyaa fidne. Kun hiika guddaa qaba. Biyya beeksisuurra darbee biyyoonniifi ummatoonni akka walitti hidhamaniifillee carraa ni uuma.
Bariisaa: Waa’ee turizimii biyya kanaawoo kitaaba barreessuu hin yaadnee?
Obbo Hamzaa: Barreessee xumureera. Yeroo dhihootti eebbifama. Kitaabichi “Beyond The Wabe River: One men quest to Empower a Nation” kan jedhu yoo ta’u, eenyummaakoo, waanin keessa darbe, biyyi keenya akkamiin turizimiidhaan dinagdeeshee tumsuu qabdi kanneen jedhaniifi kkf kan ibsuudha. Kitaaba Afaan Oromoo tokkos barreessee of harkaan qaba. Xiyyeeffannaan kitaabichaa furmaanni walooma keenyaa Gadaa ta’uu kan hubachiisu waan ta’eef suursagaleedhaanillee hojjetamee ummata biraan ga’uun yaada.
Bariisaa: Egaa hojiilee kanneenis tola ooltummaadhaan hojjettu. Kun maaliif ta’e, bu’aa maliis qaba?
Obbo Hamzaa: Tola ooltummaadhaan fayyaa qabaatta, gammadee jiraachuus si dandeessisa. Anis tola ooltummaarraa kennaawwan kanneen gonfachaan jira. Waanin maallaqaan bitachuu hindandeenye argachaan jira. Yoom akkan du’u hinbeeku; garuu galfata wayii lafa kaa’adhee darbuun qaba jedheen amana.
Kana biratti ammo waanti biznasii ofii hojjechuu nama dhorku hinjiru. Namni ogummaasaatiin biznasii keessa seenuu qaba. Akka namoonni biznasiitti seenaniif gorsuufi deeggaruu barbaachisa.
Gama ispoortiitiinis Itoophiyaa, iddoowwan adda addaatti kilaboota kubbaa miilaa 24 ijaareera. Kanaaf waanuma xiqqoon gumaache; ijoolleen garuu baay’ee itti gammadanii bakkawwan hundatti na waamu. Maarshaal aartiin walqabatees ijoollee kilaboota 10 keessa jiraniif waan barbaachisu alaa fichisiiseeraaf.
Kun anaaf waan salphaadha. Waan akkasii utuu namni 50, 100 hojjetee bu’aa guddaa galmeessisuun nidanda’ama. Tola ooluuf mishoomaafi misoomarratti hirmaachuun gaariidha. Mishoomni namaaf waan gaarii yaaduu, waan gaarii hojjechuu yoo tahu, misoomni immoo waan biyyaaf ta’u hojjechuudha.
Namaaf mishooma ooluuf garraamii, gara laafeessa, nama namaaf waan gaarii yaadu ta’uu qabda. Gaafa mishooma qabaattummoo atoomaafi walooma qabaatta. Of taatee namaaf taata jechuudha.
Hamma jirrutti yoo waan gaarii hojjenne faayidaansaa numaaf waan ta’eef gaaf tokko seenaan ni yaadata. Namni qoreesaarraa (qabeenyasaarraa)fi sabasaarraa du’a. Kan qoreesaarraa du’e isa garaasaa guuttachuuf deemuudha. Kan sabarraa du’uu ammoo xiqqaatus waan sabasaaf ta’u karaawwan addaddaatiin kan tola ooleedha. Gaafa namni akkanaa du’e sabnisaa ni yaadataan.
Waanti biraa dagachuu hinqabne, waan hojjettu kana keessatti namni si ganu hedduu jiraachuusaati. Kun aadaas ta’e amantii kamuu keessa hinjiru, safuudhasi. Garuu namni hojiidhaan walitti dhufu safuu cabsee si ganuu mala. Waanti akkanaa hamilee namaa cabsuu danda’a.
Waanti akkanaa yeroo hedduu na mudateera. Namoonni ani amanee waliin hojii eegale karaawwan addaddaa na gananiiru. Garuu jalqabuma hojii keessatti waantota na mudachuu malan irra aanuu akkan qabu waanin of amansiiseef wanti akkanaa boodatti na hindeebisne.
Jireenyakoo keessatti kanin baradhe hangam takka dhiisuu ykn obsuun fayyaa akka namaaf kennudha. Wanti itti miidhamte tokko jalqaba baay’ee si dhukkubsuu danda’a. Kunimmoo hojiikee fuulduraa miidha. Gaafa garuu dhiistee irra aantu sammuun kee boqonnaa argata.
Bariisaa: Dhumarratti, namni oggaa waa’ee tola ooltummaa kaasu qarshii kennuu, dhiiga arjoomuu, mana ijaaruufi kkf yaada. Ogummaafi carraa qabnuun hundatti fayyadamnee tola ooltummaa dameelee addaddaarratti hirmaachuun akka danda’amu seenaan keessan nu hubachiisa. Kanarratti ergaa akkamii qabdu?
Obbo Hamzaa: Jalqabarratti ani maalin hojjechuu danda’a isa jedhu adda baafachuun dansa. Ittaansee carraawwan argame hundatti ittiin hojjechuudha. Fakkeenyaaf ani mootummaa naannoo Oromiyaatti ifatti hojii diyaaspooraa amansiisuu hojjechuu akkan danda’u itti himeera. Isin waan biyyaa irratti xiyyeeffadhaa; ani karaa ‘Visit Oromia’ diyaaspooraarratti hojjedhee shoora guddaa ba’achuu nan danda’a jedhee itti hime. Ani hojii kanaaf faayidaa dhuunfaa tokkollee hinbarbaadu; hingaafannes.
Tola ooltummaa turizimiirratti hojjechaa akka ‘soft diplomacy’ jiraatu gochuun ni danda’ama. Namni biraas akkanuma waan qaburratti yoo hojjete hariiroo gaariin akka uumamu gochuun nidanda’ama.
Yommuu kana namni keenya invastimantiirratti bobba’uu, aadaa ofii jabeeffachuu, tokkummaa cimsachuun ni danda’a. Hojiileen hojjetaman kunneen hundi ammoo hojiin beeksisuu gama miidiyaatiin sirnaan hojjetamuu qaba. Kanaafis muuxannoo xiqqoo qabu yoon qoode faayidaansaa biyyaafi. Akkanaan yoo hunduu gaheesaa ba’ate rakkoolee hedduu furuun ni danda’ama jedheen amana.
Saamraawwit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 8 Bara 2017