Oromiyaatti inisheetivii koodaroota miliyoona shanii

Inisheetiviin koodarootaa Itoophiyaa sagantaa lammiilee miliyoona shan dameelee dijitaalaayizeeshinii teknolojii, artifishaal intalajansiifi kan kana fakkaatan dandeettii gonfachuuf kan irratti leenji’aniifi Imireetota Arabaa Gamtoomanii wajjin ta’uun hojiirra ooluudha.

Inisheetivichi baatii Adoolessaa darbe Ministira Muummee Abiyyi Ahmad (PhD)n eegalame kun waggoota sadiif kan turu yoo ta’u, lammiilee Itoophiyaa miliyoona shan fayyadamtoota teknolojii dijitaalawaa si’anaa kan taasisuudha.

Dargagoonni abdii egeree Itoophiyaa ta’an carraa guddaa kana fayyadamuufi leenjicha sirnaan hordofuun warra hojii uuman, kubbaaniyyaa hundeessaniifi gabaa addunyaarratti dorgomoo ta’uun irraa eegama.

Odeeffannoon baatii Muddee Ministeera Innooveeshiniifi Teknolojii biraa argame akka ibsitti, inisheetichaan lammiileen kuma 422fi 842 leenjicha fudhachaa jiru. Hanga ji’a eerameetti lammiileen kuma 104fi 460 leenjicha xumuruun waraqaa ragaa fudhataniiru.

Gaazexaan Bariisaan raawwiin inisheetivii kanaa Oromiyaatti sadarkaa akkamiirratti akka argamurratti Abbaa Taayitaa Saayinsiifi Teknolojii Oromiyaatti Daarektara Karooraa, Hordoffiifi Gamaggamaa Obbo Girmaa Gammachuu dubbiseera. Isaanis yeroo inisheetivichi eegalameefi akeekasaarraa ka’uun ibsa ittaanu nuu kennaniiru.

Jalqabbii inisheetivichaafi akeekasaa

Inisheetiviin kun baatii Adoolessaa bara 2016 labsame. Inisheetiviin koodaroota miliyoona shan tarsiimoowwan dijitaalaa qabaman keessaa tokko hawaasa dijitaalawaa uumuurratti kan kaayyeffateedha.

Hanguma dinagdeen dijitaalaa ijaaramaa deemu hawaasni dijitaalaas walcinaa hinijaaramu taanaan dubbiin walgataa deema. Kanaaf ammoo inisheetiviin “Ethio Codera” iftoomee hojiitti hiikamaa jira; dinagdeefi hawaasa dijitaalawaa walfaana uumuuf.

Bu’uuruma kanaan akka biyyaatti koodaroota miliyoona shan leenjisuuf karoorfameera. Lakkoofsi kun naannoleedhaaf kan qoqqoodame yoo ta’u, akka Oromiyaatti koodaroota kuma 300 bara 2016 hanga 2018tti leenjisuuf karoorfamee hojjetamaa jira.

Barana koodaroota kuma 100 leenjisuuf kan karoorfame yoo ta’u, kunis haala gaariidhaan deemaa jira. Dargaggoonnis karaa online leenjicha hordofaa jiru.

Koorsiiwwan leenjiifi bu’aasaa

Inisheetivichaan koorsiiwwan afur, ‘Programming Fundamentals, Data Science Fundamentals, Android Developer Fundamentals, Artificial Intelligence Fundamentals’ jedhaman ni kennamu.

Sagantaalee kanneen keessaa tokkoon beekamtii argachuuf ykn (‘certify’) ta’uuf leenjii torbeewwan torbaaf kennamu hordofuun dirqama. Leenjichi dubbisaafi viidiyoo sadarkaasaa eeggateen deeggaramee dhiyaata.

Fakkeenyaaf namni pirogiraamarii ta’uu barbaadu afaanotasaa (‘programing languages’) kanneen akka ‘HTML, CSSfi JAVAScript’faa gadifageenyaan barata jechuudha. Namni kana leenji’ee xumure pirogiraamarii ta’a. Kanaanis bizinasii pirogiraamiingii keessa galee hojjechuu danda’a. Koorsiwwan kaaniis akkasuma.

Namni koorsiiwwan kanneeniin leenji’ee qormaata kennamu xumure sarfafikeetii argata. Sartafikeetii digriifi maastarsii caaluun gabaa addunyaa keessa bizinasii ‘online’ hojjechiisuu dandeessisu argata. Namni leenjicha ga’umsaan xumure Awurooppaa, Ameerikaa…eessattuu dorgomee mindeeffamee akkasumas pirojektota adda addaa karaa ‘online’ hojjechuu danda’a. Walumaagala beekumsa dameen kun barbaadu sirriitti argata jechuudha.

Eenyu akka leenji’uufi iddoo leenjii

Leenjiin kun dargaggootarratti caalaatti kan xiyyeeffate ta’us namni kamuu barachuu danda’a. Namni ogummaa kamuu keessa jiru fedhii qabaannaan leenjicha fudhachuu danda’a. Umriifi akaakuu barnootaa barateen hindaangeffamu. Garuu dandeettii guddaa qabaatan malee barnooticha keessa darbuun ulfaataa ta’uu mala. Akka Oromiyaatti bakka oolmaa dargaggootaa (‘Internet cafe’) shan qabna. Bakkawwan kanatti intarneetiifi kompiyutara qopheessuudhaan akka dargaggoonni leenjicha fudhataniif haala mijeessineerra.

Faayidaa leenjichaa

Dur addunyaa dinagdee keessatti kaampaanota guguddootu kaampaanota xixiqqoo liqimsa jedhamee sodaatamaa ture. Amma akkas miti. Gabaan addunyaa teknolojiidhaan utubamee isa boodatti hafe liqimsa jedhamee sodaatama.

Hawaasnis akkasuma. Hawaasni hidhannoo teknolojii hidhate kallattiilee hundaan dursa argata. Kun dhugaa dameelee hundatti jechuunis dinagdee, hawaasumaafi siyaasa keessa jiruudha. Utubaawwan akka biyyaatti qabaman afran keessaas waa’ee dijitaalaayizeeshinii isa tokko.

Hawaasaafi dinagdee dijitaalawaa uumuudha kan inni of keessatti qabate. Kanaaf namni gabaa keessatti dorgomaa ta’uufi dorgomee dursa argachuu barbaadu kamuu damee kamirrattuu hidhannoo teknolojii qabaachuu qaba. Teknolojii kana barachuuf namni itti nama waamuu hinqabu. Ofumaa barbaadee barachuu qaba; dhimmi beekumsa teknolojii dhimma jiraachuufi dhiisuu ta’aa waan jiruuf.

Beekumsa dijitaalaa qabaachuu baannaan dinagdeen hinguddatu. Kana keessatti dorgomaa ta’uuf teknolojiidhaan of ga’oomsanii fayyadamuun daran barbaachisaadha. Haalli kanaan ala jiru daran ulfaataadha. Gabaan nama tufaa deema, duubatti hafuutu nama mudata. Nama gabaafi dinagdeen hinbarbaadne ta’uutu dhufa.

Kanaaf barbaachisummaan teknolojiifi leenjichaa haala kanaan kan ibsamu waan ta’eef hidhannoo teknolojii jabeeffachuun murteessaadha. Hawaasni dhimmi kun dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuuti jedhee ilaaluu qaba.

Nutis, sagantaan leenjii koodarootaa kun akka milkaa’uuf hoggansi sadarkaan jiruufi qaamolee qooda fudhattoonni qindoominaan hojjechuu qabu. Inni faayidaa leenjichaa hubates isa hafe hubachiisuun daran barbaachisaadha jenna.

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 8 Bara 2017

Recommended For You