
Finfinnee: Misoomni koriidarii Finfinnee, magaalaa guddittiin Afrikaa misoomarra jiraachuu hirmaattota yaa’ii Idilee Hoggantoota Gamtaa Afrikaa 38ffaa hirmatanitti mul’isuuf gumaacha olaanaa qaba jechuun barsiisaafi qorataan Yunivarsitii Jimmaa Doktar Dastaa Ayyaanaa besksisan. Yaa’iin Idilee Hoggantoota Gamtaa Afrikaa 38ffaan Guraandhala 5 eegalee bor goolabama.
Doktar Dastaa Ayyaanaa Roobii darbe addatti Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, misoomni koriidarii maagaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jiru magaalaan guddoon Afrikaanotaa misoomarra jiraachuu hirmaattota yaa’ichaatti mul’isuudha. Misoomni mul’atu calaqqee nageenyaa ta’uun maqaa gaarii biyyaa guddisa.
Akka ibsasaaniitti, akkuma beekamu Finfinneen magaalota idiladdunyaa keessaa Niyuwoorkiifi Jenevaattii aantee giddugala dippilomaasiifi dippilomaatotaa ta’uun tajaajilan keessaa tokko. Barruuleen garagaraas Itoophiyaan wiirtuu Afrikaa jedhanii ibsu. Sseensa Afrikaa jedhamuunis waamamti.
Gaazexeessitootni biyyoota garagaraa yaa’ii kana gabaasuuf dhufan misooma magaalattiitti gaggeeffamaa jiru kan duraanii waliin walbira qabanii akka gabaasaniif carraa uuma. Itoophiyaan yaa’ii akka kanaa gara fuulduraatti gaggeessuuf akka dandeessu maqaa gaarii akka qabaattu taasiisuu himanii; kanaan walqabatee yaa’ichi faayidaa hawaasummaa, siyaasdiinagdee olaanaa qaba jedhu.
Godambaa Yaadannoo Injifannoo Adwaa birmadummaa Afrikaanotaan walqabatu akkasumas masaraa mootummaa haaromfame daawwachuun afdaneessummaafi sabdaneesummaa keessatti tokkummaa cimaan jiraachuu hubachiisa.
Aadaa uffannaafi sirboota duudhaa Afrikaanotaa dhiyaatu, nyaata, dhugaatii, geejjibaafi tajaajilawwan garagaraa yaa’icha milkeessuuf oolaniif baasiin ba’u magaalattiif galiin sharafa alaan walqabatu dabalatee bu’aa argamsiisuuf shoora olaanaa qaba jedhaniiru.
Yaa’ichi Itoophiyaan duraanis tokkummaa Afrikaanotaa cimsuuf gumaacha irraa eegamu ba’aa akka turte gara fuulduraattis waan isheerraa eegamu ba’uu akka dandeessu yaa’ii hundatti mul’suudha jedhan.
Keessumaa bu’aa biyya keessaa eegsisuuf bu’aa Afirkaanota biroo akka hinmiinetti ijaarsi hidha laga Abbayyaa anniisaa maddisiisee biyyoota ollaaf kan oolu ta’uu qabatamaatti gochaa Itoophiyaa tokkummaa Afrikaanotaa cimsuuf taattaaffiin taasiftu qabatamatti mul’achuun hariiroo biyyoota gidduutti
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 8 Bara 2017