
Gaazexaan Bariisaa miidiyaa maxxansaa adda durummaafi hangafummaan guddina Afaan Oromoo keessatti shoora olaanaa gumaacheefi gumaachaa jiruudha.
Gaazexaan bara 1969 irraa eegalee waggoota 45n darbaniif madda odeeffannoofi bu’uura guddina Afaan Oromoo ta’ee tajaajilaa jira.
Gaazexaan Bariisaa Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatiin torbanitti al tokko Afaan Oromootiin guyyaa Sanbataa maxxanfamuurratti argama.
Gaazexichi kan hundeeffame sirni Hayilasillaasee kufee erga Dargiin hundaa’ee waggaa tokko booda ALA Fulbaana 11, 1975tti. Gaazexaa Bariisaa kan hundeesse, kanarraa ka’ees Abbaa Bariisaa jedhamuun kan beekamu, Mahidii Hamiid Muudeeti. Namoota isaan wajjin hirmaachaa turan keessaas muraasni Lammeessaa Booruu, Kuwee Kumsaa, Ibraahim Hajii Aliifi Immiruu Angooseefaan ni eeramu.
Gaazexaan Bariisaa jalqabarratti hanga habbaa (koppii) kuma 20 maxxanfamee raabsamaa ture. Maallaqni gaazexaan kun ittiin maxxanfamu namoota dhuunfaarraa kan walitti qabamu ture. Bariisaan ALA Guraandhala 1, 1977 mootummaadhaan dhaalame.
Bara 1965 oggaa sagantaan siyaasaa wixinametti qaamni qabsoo qindeessu ‘Koree Qindeessituu Waaltaa’ jedhamu hundaa’ee ture. Miseensota korechaatti dirqama adda addaatu kenname. Koree dhaabbate keessaa tokko ‘Koree Aadaafi Hawaasummaati. Koree kana kan hogganaa ture Jaal Leencoo Lataati.
Koreen aadaa kun hanga korri sabaa tokkoffaan bara 1969 taa’amutti hojiilee jajjaboo lama raawwachuun milkaa’eera. Milkaa’inni duraa godinaalee Oromiyaa hundarraa hawwisoo walitti fiduun agarsiisa aadaa tokko Galma Biheeraawwii Tiyaatiritti geggeesse.
Agarsiisni aadaa kun maqaasaatu aadaadha malee kaayyoonsaa guddaan Oromoo bakkawwan hundaa walitti fiduun, walbarsiisuu, eenyummaa, seenaa, aadaafi afaansaa tokko akka ta’eefi akka saba tokkootti akka waliif yaadaniifi quuqaman taasisuufi sabaan tokkicha, hiree tokkichaafi biyya tokkicha akka qabu hubachiisuuf ture.
Milkaa’inni lammaffaan afaaniifi aadaa Oromoo guddisuuf seera mootummaa jalatti Gaazexaa Afaan Oromoo tokko jalqabuuf ture. Dargiin yeroo sana ‘Warraaqsa Dimokraasii Haarawaa’ hordofna jedhee waan tureef sanatti dhimma bahuun Gaazexaan ‘Bariisaa’ jedhamu maxxanfamuu jalqabe.
Miidiyaa Oromoo hangafa kan ta’e Gaazexaan Bariisaa guyyaa hundaa’erraa kaasee hanga bara 1986tti qubee Saabaatiin maxxanfamee ummata bira gahaa ture. Sana booda qubee Afaan Oromootiif daran mijataa ta’etti fayyadamuun har’a sadarkaa mootummaa federaalaatti fuula 16n afaaniifi duudhaa Oromoo xiyyeeffannaa keessa galchuun maxxanfamaa jira.
Gaazexichi fuulawwan oduu sadii, fuulawwan dhaabbii duudhaa Oromummaa ibsan ittimoggaasuun, Dhaamsa Bariisaa (Ijoo Dubbiifi Yaada), Aadaafi Aartii, Keessummaa Bariisaa, Qarreefi Qeerroo, Abbaa Sa’aa (Dinagdee), Ilaamee…fi Ispoortii qabachuun dubbistootaaf torbanitti altokko (gaafa Sanbataa) dhiyaachaa jira.
Kanaanis Gaazexaan Bariisaa karaa barreeffamaa, jechootaafi caasimaatiin barumsa kennuuun darbees jechoota dagataman yaadachisuutiin, safuufi safeeffannaa ummataa kabajanii kabachiisan fayyadamuun, akka galmee jechootaatti tajaajiluun sadarkaa guddinaafi waaltina Afaan Oromoo har’a irra ga’eef gumaacha olaanaa taphateera, taphataas jira.
Gaazexicharratti hayyoonni sadarkaa barnootaatiin hanga digrii sadaffaatti qaban, ogeessonni kominikeeshinii, barsiisonni dhaabbilee barnoota olaanaafi kkfn barreessaa ykn irratti hirmaataa kan jiran yoo ta’u, barattoonni baay’een waraqaa eebbaasaanii irratti hojjechuun madda odeeffannoofi qorannoo ta’uun tajaajilaa jira.
Barattoonni yunivarsitiiwwan adda addaan ogummaa gaazexeessummaafi kominikeeshinii hordofanis yeroo adda addaatti kutaa qophii gaazexichaatti argamuun muuxannoo jiru qooddataa jiru.
Gaazexaan Bariisaa har’a maxxansaan qofa otoo hintaane karaa teknolojii ammayyaatiin jechuunis marsariitiidhaan, feesbuukiiifi telegiraamiidhaan dubbistootasaa bira qaqqabaa jira. Kanaanis hordoftoota danuu horachuu danda’eera.
Namni Gaazexaa Bariisaa hundeessuu keessatti qooda qabaniifi amma lubbuun hinjirre, Ibraahim Hajii Alii yeroo tokko Bariisaa ilaalchisuun yaada ittaanu kennanii turan.
Afaan Oromootti loogni ni baay’ata. Gaazexaa Bariisaa dabalatee miidiyaaleen adda addaa gama ittifayyadama loogaatiinis ta’e jechoota waalta’aniitiin hanqina qabu. Fakkeenyaaf konkolaataa ni miiccama jedhamee dubbatama ykn barreeffama.
Kan miiccamu waan micciiramuudha ykn cuunfamuudha. Konkolaataan ni dhiqama jenna malee ni miiccama hinjedhamu. Huccuu ni miiccan malee hindhiqan. Kanaaf Bariisaas ta’e miidiyaaleen kuun dogoggoroota akkanaarraa of eeggachuu qabu.
Afaan biraarraa gara Afaan Oromootti hiikuu ilaalchisee akka Gaazexaa Bariisaatti waanti gaariin fakkeenya ta’uu danda’u jira. Ta’us hanqinoonni muraasni darbanii darbanii ni mul’atu.
Afaan aadaa ofii qaba. Gaazexaan Bariisaa gama kanaanis fooyyee qabaatus waanin miidiyaa tokko tokkorratti taajjabe kaasuun barbaada. Kanaafis, gaalee ykn maqaa “Yatsaxxitaa Mikirbeet” jedhamu akka fakkeenyaatti fudhannee haa ilaallu. Tsaxxitaa kana akka callisiitti fudhatanii Mana Marii Callisii jedhamee oggaa hiikamu mul’ata, dhagahama. Silaa otoo maddasaa jalqabaa,‘security council’ jedhamurraa hiikameera ta’ee Mana Marii Nageenyaa jedhamaayyu.
Jecha ‘precious stone’ jedhamu Amaariffaan ‘yakkabbara dingaay’ jedhamee hiikame. Afaan Oromootiinis ‘dhagaa kabajamoo’ jedhamee akka hintaanetti hiikame. ‘Soya been’ ykn atarri gabbataan /’akurii atar’ ‘atara boonsituu’ jedhamee hiikame.
Hayyoonniifi dubbistoonni kaanis gaazexichi gama raabsaatiin hanga barbaadamuun ummata bira qaqqabaa hinjiru; haala baay’inaafi fedhii ummataa gutuun maxxanfamee dhiyaachuu qaba. Dhimmoota hawwatoof xiyyeeffannaa kennuu dhabuun; hayyoonni haala barbaadamuun irratti hirmaachuu dhabuu; namoota haala siyaasaafi kkf xiinxalan barbaadee dhiyeessuu dhabuu; waan namoonni irratti walfalman, yaada irratti dhiyeessan jiraachuu dhabuu; beeksisas bal’inaan qabatee bahuu dhabuu; fuulawwan aadaafi dinagdeefaan jiraachuun gaarii ta’us kolaniiwwan haaraafi hawwataa qabatee bahuu dhabuun akka hanqinaatti kaasaniiru.
Egaa Gaazexaan Bariisaa har’a umrii ga’eessa tokkoo, waggaa 48 lakkoofsise kun gama loogawwan Afaan Oromoo walbarsiisuu; odeeffannoo barreeffamaan Afaan Oromootiin dabarsuun (saboota walbarsiisuu); miidiyaalee maxxansaafi elektironiksii kaaniif gama ittifayyadama jechootaafi kaaniin fakkeenyaaf ta’uun; fedhiin namoonni Afaaniifi Ogbarruu Oromoo barachuuf qabanis daran akka dabaluufi haalatti qubeen Afaan Oromoo barreeffamurraa kaasee jechoota haaraa beeksisuutiin akkasumas odeeffannoowwan wayitaawoofi madaallisaanii eeggatan dhiyeessaa jira.
Gaazexaan seenaqabeessi kun caalaatti babal’atee akka ummata bira ga’uufi qaamoleen dhimmichi ilaallatu qabxiilee adda addaarratti barreessuun gumaachuu qabu. Keessumaa hayyoonni yunivarsitiiwwan dabalatee dhaabbilee adda addaa biyya keessaafi ala jiran barreeffamoota ogummaasaaniirratti xiyyeeffatuufi kaan gumaachuun aantummaasaanii bahachuu qabu.
Charinnat Hundeessaatiin
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 8 Bara 2017