“Warra galeef galata guddaa, warra hingalleef ammoo abdii irraa qabna” – Gamtaa Abbootii Gadaa Oromoo

Finfinnee: Bakka Nagaan jiru waa hundatu jira; jiruufi jireenya, dinagdeetu jira. Biyyi nagaa qabdu ammoo biyya guddoofi kan kabajamtee jiraattu taati. Faallaasaatiin yoo nageenyi dhabamemmoo waa hundatu hinjiru.

Bu’aa ba’iin biyya kanaa harki caalaan isaa rakkoo nageenyaati. Akka Itoophiyaatti rakkoon nageenyaa bakkeewwan garagaraatti kan mul’atu yoo ta’u, keessumaa kan Oromiyaa ammoo ni dheerate. Kan walwaraanaa jiran ammoo fedhii siyaasaarraa ka’uuni. Dhimma kana garuu taa’anii mari’atanii furuun akka danda’amudha Abbaan Gadaa Maccaafi Walittiqabaa Gamtaa Abbootii Gadaa Oromoo Warqinaa Tarreessaa yaada Gaazexaa Bariisaaf kennaniin kan himan.

Waa hunda kan furu gaaddisa; gaaddisa Oromootiin waantu jiru haa hiikamu jedhanii yeroo hedduu ba’anii dubbachaafi waamicha dhiheessaa turuu eeranii, ummannis farda luugamee, ilmoo dhiiraa camadee, jaarsi ‘izgoo…’ jedhee nama fuulduratti bahee kadhataa turuu kaasu. Oromoon gaafa roobni didu tulluufi malkaatti ba’ee ‘izgoo’ jedha malee takkaa haala aadaa Oromoo keessatti ta’ee hinbeekneen akkanaan ba’ee kadhatee akka hinbeeknellee himu.

“Waa dadhaban malee waa hinargatan waan ta’eef dadhabbii wayita ammaa hanga ta’e ifaajjiin abbootii Gadaafi ummataa deebii argachaa jira. Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO)n bakkeewwan addaddaatti waamicha taasifameef fudhachuun karaa nagaa ummatatti makamaa jiru. Warra galeef galata guddaa, warra hingalleef ammoo abdii irraa qabna” jedhu.

Akkasaan jedhanitti, kan isaan ni bilisoomsina jedhan ummata Oromooti. Kanneen siyaasni biyya kanaa hanqina qaba, gaaffiin Oromoo hindeebine, eenyummaan Oromoo ammallee bakkatti hindeebine, daangaan bulchiinsaa Oromoo hindeebineefi kkftu bosonatti nu galche; hamma Oromoon bilisoomutti hingallu jedhanillee, yeroo ammaa marii biyyaalessaatiin waan isaan kaasaa turan, dhimma bosonatti isaan galche ummanni Oromoollee kaasee hunduu irratti mar’iachaa jira. Waa’een Finfinneefi Afaan Oromoos akkanuma gaafatamaa jira. Kanarraas deebiin ni argama jedhamee eegama.

Jijjiiramni jalqabameera; waa hundi ammoo yeroo gabaabaa keessatti hindeebi’u. Dinagdeen Oromoo jaarraa tokkoo oliif cabe ammuma haa deebi’u jechuun hindanda’amu kan jedhan Abbaa Gadaa Warqinaan, jijjiirama ta’aa jiru garuu dhufanii qabatamaan ijaan ilaalanii gara waamicha abbaa, haadhaafi obbolaasaanii deebi’uu qabu; sababnisaas kan miidhamaa jiru haadha, abbaafi obbolaasaanii waan ta’aniif jedhu.

Sababa waraanaatiin ummanni saamamee, gaddee, boo’ee, du’ee, qaamaafi qorqalbiin miidhameera, safuun cabeera kan jedhan walittiqabaan gamtcihaa, kanneen hunda bakkatti deebisuuf taa’anii mari’atanii sirreessuu akka barbaachisuufi gaaffiin aangoos ta’e lafaa waliigalteedhaan deebi’uu waan danda’aniif haaldureewwan taa’an jiraachuu kaasu.

Kunis gaaffii ijoollee bosonaaf deebii guutuu kan kennu ta’uufi guutummaatti hojiirra akka ooluuf ammoo Gamtaan Abbootii Gadaa hordoffii barbaachisu hunda akka taasisu, yoo ta’uu baate yoo bosonatti deebi’anillee namni isaan gaafatu akka hinjirre dubbatu. Kanaaf Waaqa, Oromoo, Maqaa Oromoofi kabaja Oromoo ilaalanii akka galan ammallee ni gaafatu.

Barreessaan Gamtaa Abbootii Gadaa Oromoofi Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobana Hoolaa gamasaaniin, nageenyi waan guddaa ta’uufi yoo nageenyi jiraate biyyi tokko akka jiraattu kaasanii, lubbu qabeeyyiin kamuu jiraachuu, oolanii buluu, sirna ofii, heeraafi seera ofii gaggeeffachuuf nagaa kan barbaadan ta’uu ibsu.

“Waldhabdeen biyya keenya keessaa waggaa afur shanii as jiru waldhabdee waliiniiti. Sabni afaan tokko dubbatu, duudhaafi safuu tokko qabu, Oromoon waldhabuufi walballeessuun isaaf hinmalu. Jaarraa tokkoofi walakkaa ol qabsaa’ee, qabsoosaa harkatti galfatee har’a yeroo nagaan walbulchuu qabutti waliigaluu dadhabanii walmancaasuufi walbuqqisuun irraa hineegamu” jedhu.

Kana hiikuuf mariifi marabbaa ummata Oromoo gabbisu, kan ummaticha ijaaru adeemsisuun waliigaluu akka barbaachisu kaasanii, dacheen Oromoo maraafuu, qabeenya dilbii Oromoon qabu eenyuufuu kan ga’u ta’ee utuu jiruu, fedhii siyaasaaf jecha walballeessuun sirrii akka hintaaneefi Oromoo biyyiifi ummanni isaa isa mararuu akka qabu hubachiisu.

Haadha Siinqee Raabiyaa Usmaanis miseensa gamtichaafi Godina Baaleetti Haadha Siinqee Aanaa Dalloo Mannaati. Isaanis ilmaan dhiiga tokkoo afaan tokko dubbatan waldhabuun fafa ta’uu kaasanii, ammallee ijoolleen kana hubachuun nageenyaan ummatatti makamaa jiran galata akka qaban himu. Kanneen hafanis akka deebi’aniif ammallee haati ji’a sagal garaatti baattee, deessee kaasuutti baattee, harma hoosistee isaan guddiste akka isaan kadhattu ibsu.

“Galanii waan hintaanellee yoo taate waluma mari’annee mariidhaan hiikkachuu wayya. Nageenyi hundaaf barbaachisaadha. Eenyutu eenyurratti dhukaasa. Kaan abbaa, kaan haadha, kaan obboleessa, kaan obboleettiidha. Haatii Siinqees, siinqeeshee qabattee akkuma nageenya kadhataa turte, ammallee kabaja ishee kana qabattee abidda bobo’u dhaamsuuf humna waan qabduuf nageenya labsuu qabdi. Kanaaf siinqee qabannee lola dhiisaa nuu gala jennee kadhanna” jedhu.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 1 Bara 2017

Recommended For You