
Dhimmi bulchiinsa gaarii yaadrimee barbaachisummaansaa jaarraa 20ffaa keessa cimee bahedha. Yaadrimeen bulchiinsa jedhamu umrii dheeraa kan qabu, guddina qaroomina dhala namaa wajjin kan tureefi babal’ataa dhufe yoo ta’u; tooftaa ykn mala aangoo dhimmoota waliigalaa biyya tokkoo hogganuu nama dandeessisudha. Mala ittifayyadama aangoo qabeenyawwan adda addaa biyya tokkoo qindeessuudhaan bulchuufi misoomsuu dandeessisuudhas.
Hayyonni damichaa waa’ee bulchiinsaa oggaa ibsan, “Biyyoonni kallattii imaammatawwanii, seerotaa, maniiwwan misoomaa dhimmoota qabeenyaa, hawaasummaafi siyaasaasaanii bulchuufi misoomsuu dandeessisan itti bocaniifi hojiirra oolchaniin akkasumas adeemsa hojmaatawwaniifi murtiiwwan adda addaa ittikennanidha” jedhu.
Sirna bulchiinsi gaariin ittimirkanaa’e keessatti hojmaanni abbootii aangoo kan faayidaafi fedhii ummataatiif dursa kenne ta’uu qaba. Abbootiin aangoo ykn hojjettoonni aangoo ykn qooda hojiisaanii dahoo godhachuun horata ummataa faayidaa ofiif oolchan, matta’aa fudhataniifi lammiilee miidhan seeraan gaafatamuu qabu.
Bulchiinsi gaariin amaloota ijoo mataasaa qaba. Isaanis, iftoomina, ittigaafatamummaa, hirmaannaa, hogganuufi fedhiiwwan ummataatiif deebii saffisaa kennuu danda’uufaa of keessaa qaba. Bulchiinsi gaariin jechoota otoo hintaane gochaan kan ibsamuudha.
Kanneen irranatti eeruuf yaalle egaa, saayinsiifi tooftaa bulchiinsaati. Dhugaa qabatamaan kana ta’ee otoo jiruu kenni tajaajilaa waliigalaan ammoo bulchiinsi gaariin biyya keenyatti maal akka fakkaatu yoo ilaalle hanqinoonni hedduun akka jiraniidha kan hubannu.
Fakkeenyaaf akka Oromiyaatti yoo fudhanne mootummaan kenni tajaajilaa akka saffisuuf, haqaqabaeessa ta’uuf, iftoomina qabaatuufi deddeebiin abbaa dhimmaa akka hinjiraanneef tooftaaleen hojmaataa adda addaa diriiraniiru.
Hojjetaan yeroo hunda hojiisaarratti yeroon argamee, hoggansi ammoo torbanitti guyyoota sadii waajjirasaatti argamuun akka tajaajilaniif hojmaanni diriirus qabatamaan garuu iddoowwan baay’eetti kan mul’atu faallaa kanaati.
Akka mudannoowwan hojii, gabaasaafi hordoffii miidiyaalee gara garaarraa hubachuun danda’amutti waajjiraalee tokko tokkotti barcumoonni hojjettootaa sa’aatii hojii mootummaatti duwwaa taa’u. Kan hoggansaas guyyoota akka waajjirasaaniitti argamaniif murtaa’e dabalatee sababoota walga’iifi bobbii dirree fa’iin dabaalamee qaamolee kanneen akka salphaatti argachuun abjuudha.
Akka Pirezidaantii Ittaanaan BMNOfi miseensi raawwachiistuu hojii Paartii Badhaadhinaa Obbo Awwaluu Abdii tibbana jedhanittis, waa’ee bulchiinsa gaariifi fooyyessa kenna tajaajilaarratti paartichi akkuma yaa’iisaa jalqabaa kan tibbanaarrattis kallattii kaa’eera.
Rakkooleen bulchiinsa gaarii maalfaa akka ta’anis qo’annoodhaan fo’amaniiru. Dhimmichi akka biyyaattis ta’e Oromiyaatti ajandaa siyaasaa 1ffaa akka ta’utu barbaadama. Hoggansi sadarkaan jiru hoggansa tajaajila kennu akka ta’uuf kallattiin kaa’ameera. Hojmaatonnis diriiraniiru, istaandardiiwwanis bahaniiru.
Walumaagalatti komiin ummataafi rakkoon damee bulchiinsa gaariirratti mul’atu kun akkuma jedhame dhimma xiyyeeffannaa addaa barbaaduufi ajandaa siyaasaa ta’ee waarinaan furamuu qabuudha. Walga’iiwwan kamuu sa’aatii hojii idileetti akka hintaa’amne dhorkamuu qaba.
Hojjetaas ta’e hoggansi sadarkaan jiru bulchiinsi gaariin akka mirkanaa’uuf harkaafi sammuu qulqulluudhaan lammiisaa haqaafi haqa qofaan of kennee tajaajiluu qaba. Hojmaatonnis bakkawwan hundatti teknolojiidhaan deeggaramuu ykn dijitaaleffamuu qabu.
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 1 Bara 2017