Yaa’ichi hanqinootarratti kallattii cimaa kaa’uu qaba

Pirezidaantiin Paartii Badhaadhinaafi Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiyyi Ahmad (PhD) yaa’ii 1ffaa paartichaarratti ergaa ittaanu dabarsanii turan.

Paartiin Badhaadhinaa dhiibbaa ummataatiin, hoggantoota jijjiirama barbaadaniifi gargaarsa Rabbiin dhalate. Badhaadhinni Itoophiyaa qofatti otoo hintaane Afrikaarrattis paartii guddaadha.

Seenaa Itoophiyaa keessatti Badhaadhina kan adda taasisu yaada ummattoota Itoophiyaatiin hundaa’uusaati. Badhaadhina yaa’ii tokkoffaarra teenyee kan ilaallu saboonniifi sablammoonni hundi kan bakka bu’an ta’uusaati.

Badhaadhinni paartii naannawa hundarraa, saboota hundaan bakka bu’ee Itoophiyaa fakkatee, Itoophiyaa ta’ee dhufeedha. Paartiin keenya hunda hammataa ta’uun Itoophiyaa keessatti seenaa jalqabaa kan ta’e paartiilee morkattootaa miseensa kaabinee taasisee muuduu kan danda’eedha.

Akeekni keenya Badhaadhina paartii hattummaa jibbuufi ummataaf dhiyeenya qabu taasisuudha. Afaanonniifi saboonni hundi kabajamanii arguudha. Badhaadhinni wayita dogoggoru ykn namni aangoorra jiru yoo dogoggoru sana qabannee saboota walitti buusuu otoo hintaane paartiiwwan olka’insaaf socho’an akka ta’an ni eegama.

Egaa ammaan tana paartichi yaa’iisaa 2ffaa kaleessa Amajjii 23 irraa kaasee hanga boru, Amajjii 25 bara 2017tti turu mataduree, “Waadaadhaa hanga adeeffannaatti” jedhuun gaggeeffataa jira. Akkuma irranatti ibsame Paartiin Badhaadhinaa paartii yaada sabdaneessummaafi afdaneessummaa giddugaleeffachuun biyya gaggeessaa jiruudha.

Hanga ammaattis qormaata keessaafi alaan irratti baname keessa dhaabachuun gama misoomaa, nageenyaafi dippilomaasiin hojiiwwan tokkummaa biyyaa cimsan hojjechaa jira.

Gama misoomaatiinis hojiilee guguddoon akka misooma koriidarii Finfinneetti eegalamee magaalota biyyattii kaaniifi hanga baadiyyaatti diriiree milkaa’ina guddaan adeemsifamaa jiran, pirojektota maaddii biyyaaf (Wancii, Gorgoraafi Koyishaafi kkf) hojjetaman eeruun nidanda’ama.

Qamadii alaa safaruun hafee seenaan jijjiiramuun alatti erguun kan eegalames baruma hoggansaa Paartii Badhaadhinaa kana keessa. Tajaajilli lammummaa babal’atee aadaa ta’uun lammiileetti badii jireenyaa hores baruma jijjiiramaa kana keessa lafa qabate.

Ijaarsa Hidha Guddicha Haaromsa Itoophiyaatti lubbuu horuun boqonnaa xumuraarraan ga’uun, inisheetivoota adda addaa kanneen akka maaddii guutuufi sagantaalee misoomaa kaan bocuun milkaa’inni guddaan kan galmaa’e baruma hoggansa Paartii Badhaadhinaa kana keessa.

Walumaagalatti paartichi imala waggoota shanan darbaniitiin injifannoowwan mul’ataniifi milkaa’inoota jireenya lammiilee fooyyessan galmeessisuu danda’eera.

Hirmaannaafi fayyadamummaa dubartootaafi dargaggootaa guddisuu akkasumas mirgaafi kunuunsa daa’immanii cimaa ta’e mirkaneessuudhaan maniiwwan imala badhaadhina biyyaa mirkaneessuu keessatti gaheen jaarmiyaalee dubartootaafi dargaggootaa akka guddatu taasiseera.

Kanaaf, paartichi yaa’iisaa 2ffaa adeemsisaa jiruun ciminoonni caalaatti akka ittifufan, hanqinoota mul’atan kanneen akka kenna tajaajilaa (bulchiinsa gaarii), nageenya waaraa mirkaneessuu, qaala’insa jireenyaafi kkf irratti ammoo gadifageenyaan mari’achuun kallattii cimaa gara badhaadhina guutuutti ceessisu kaa’uu qaba.

BARIISAA SANBATAA Amajjii 24 Bara 2017

Recommended For You