
Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaa sirna walharkaa fuudhiinsa Baallii Gadaa Oromoo Booranaa marsaa 72ffaa haaromsa boodaa Guraandhala 25/2017 gaggeeffamu sababeeffachuun torbee darbe marii paanaalii handhuura Oromiyaa, magaalaa Finfinneetti gaggeesse.
Sirni Gadaa sirnoota dabran keessatti hacuuccaawwan adda addaa jala turuun akka laafu taasifamaa turus Mootummaan Naannoo Oromiyaa aadaan Oromoo bakkatti deebifamuun fakkeenya addunyaatiifi calaqqee Afrikaa ta’ee mul’ateera.
Hoggantuun Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa Aadde Jamiilaa Simbiruu haasaa saganticharratti taasisaniin ummatni Oromoo saba guddaa gaanfa Afrikaa, ummata aadaa duudhaa, safuufi falaasama gabbataa sirna ittiin bulu qabuudha jedhan. Agarsiiftuu guddummaa Oromoo keessaas Oromoon Sirna Gadaa ijaaree ittiin walbulchaa kan tureefi jiru ta’uus ibsaniiru.
Qormaata alaafi keessaa eenyummaa ummata Oromoo kana cabsuufi aadaasaa guddaa kana boodatti deebisuuf yaalaa ture bira darbuun sirna kabajamaa walharkaa fuudhiinsa baallii karaa nagaa kan Gadaa Oromoo Booranaa Haaromsa boodaa marsaa 72ffaa irra gahuu eeran.
Aadaa Oromoo dagaagsuun Addunyaatti mul’isuufi Sirni Gadaa galmee ‘UNESCO’tti galmaa’uu keessatti Oromoon Booranaa shoora olaanaa taphachuus Aadde Jamiilaan eeraniiru.
Ummata kabajamaafi guddaa gaanfa Afrikaa kanatti ulfoofi ulfina horuuf yeroo ammaa tarkaanfii Mootummaan Naannoo Oromiyaa fudhataa jiruun Sirni Gadaa imaammata barnootaa keessatti hammatamee akka baratamu taasifamee jiraachuufi ummatichi aadaa walgargaarsaa ganamaa qabu akka ittifufsiisus buusaa gonofaa hundeessuun hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.
Caba gama hedduun numudataa ture bakkatti deebisuuf haaromsa aadaaf xiyyeeffannoo addaa kennuun hojjetamaa jiraachuus eeranii, walharkaa fuudhiinsi Baallii Gadaa Oromoo Booranaa Gadaa Fullaasaarraa gara Gadaa Mardiidaatti kan taasifamu ta’uus yaadachiisaniiru.
Gadaan ambaasaaddara maqaa biyya keenyaa ol kaasee addunyaatti mul’ise siidaa bara baraan Oromoo waliin jiraatuudha jechuunis ibsan Aadde Jamiilaan.
Ummanni Oromoo qaroominoota guguddoo addunyaaf gumaachuus eeranii, Gadaan falaasama gabbataa osoo addunyaan waan dimokraasii hin yaadne Oromoon ittiin walbulchaa turuun guddummaasaa kan ittiin mul’iseedha jedhan.
Qaroominni akaakileefi abaabilee keenyarraa dhaalle sirnoomee dhalootaaf akka darbuuf hojii mootummaan eegalee akka milkaa’uuf hunduu tumsuu akka qabus dhaamaniiru.
Ittigaafatamaan Waajjira Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Doktar Abdullaziiz Daawudis mallattoo eenyummaa Oromoo kan ta’e Sirni Gadaa sirna siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaa ummatichi baroota dheeraaf ittifayyadamaa ture ta’uu ibsaniiru. Mootummaan Naannoo Oromiyaa kuufama duudhaalee Gadaarraa waraabbachuun misoomaaf oolchaa jiraachuu dubbatan.
Hayyoonni sirnicha sirriitti qorachuun faayidaa ummataatiif akka oolu ittifufiinsaan qorachuu akka qabanis waamicha dhiyeessaniiru.
Ministeerri Aadaafi Ispoortii Aadde Shawiit Shaankaa gamasaaniin, ministeerichi dilbii qabeenyawwan aadaa qoratamanii misoomsuun dhalootatti akka darbuuf hojjataa jira jedhanii, sirni Gadaa sirna waan hundaan guutuu ta’eefi qabeenya Oromoo qofa osoo hintaane biyyarra darbee kan addunyaa ta’eedha jechuun ibsaniiru.
Abbootiin Gadaas sirni walharkaa fuudhiinsa baallii Gadaa Booranaa 72ffaan Guraandhala 25 bara 2017 akka gaggeeffamu beeksisaniiru. Abbootiin Gadaa ibsa kennaniin, Gadaan Fullaasaan Gadaa Mardiidaaf karaa dimokraatawaa ta’een baallii akka dabarsu beeksisaniiru.
Guraandhala 25 Aanaa Areeroo ardaa jilaa Badhaasaatti baallii walii dabarsuun hanga Guraandhala 30 jiloonni garagaraa kan jilatamaniifi Guraandhalli 30 guyyaa keessummoonni adda addaa sirnicha ittiqooddatan ta’uus ibsaniiru.
Bulchaa bulchiinsaa Godina Booranaa Obbo Abdusalaam Waariyoo, qaamolee milkaa’ina marii paanalii walirraa fuudhiinsaa Baallii Gadaa Booranaa 72ffaa sababeeffachuun Finfinnee, Hoteelaa Iskaaylayitiitti geggeeffame jalqaba hanga xumuraatti tumsan hunda galateeffachuun horaa bulaa, Aadaa keessanitti bulaa jechuun, qophii marii paanalii yeroo ittaanuu Yaaballoofi Ardaa Badhaasaatti geggeeffamuuf, tumsa baratame akka taasifamuufiif yaamicha dabarsaniiru.
Bulchaa Bulchiinsaa Godina Boorana Bahaa Obbo Abdurazzaq Huseenis hirmaattotaafi jaalattoota kabaja milkaa’ina marirratti argaman hundaan galatoomaa, horaa bulaa jechuun ergaasaanii dabarsaniiru.
Gamtaan Abbootii Gadaa Oromoos guutuun Oromiyaa jila sirna walharkaa fuudhiinsa Baallii Gadaa Booranaa 72ffaa Guraandhala 25 hanga 30 bara 2017tti Aanaa Areeroo, Ardaa Jilaa Badhaasaa, Qayee Gadayoo Galgalootti gaggeeffamurratti qaamaafi qabeenyaatiin akka bira dhaabatan yaamicha Oromummaa dabarseera.
Ergaawwan jajjabduu sirnicharratti darban:
- Oromoon tokko, Oromiyaan tokko
- Sirnii Gadaa tokko
- Dabballeen tokko
- Gaammeen guddoofi xiqqoon tokko
- Kuusii tokko, Kuusomii tokko
- Raabnii tokko
- Dooriin tokko
- Gadaan tokko
- Gadoomni tokko
- Gadaammojjiin tokko
- Yuubni tokko
- Didhaan tokko
- Aaloon tokko
- Haalli gammachuu tokko
- Finnaafi Fidaan tokko
- Tokko taanee hiyyummaafi gadadoo mo’achuun amma
- Hamaafi tolaa biyyaafi ummataa addaan baafachuun amma
- Oromoofi Oromiyaa tokkoomsuun amma
- Dhala ofii walbarsiisuun amma
- Oromiyaa dhiigaafi lafeen walitti ijaaruun amma
- Amaafi Saaduun walbira dhaabachuun amma.
Akka fuula miidiyaa hawaasummaa Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaarraa odeeffannetti saganticharratti hoggantoonni Mootummaa Sadarkaa Federaalaafi Naannoo, akkasumas Abbootiin Gadaafi Hawwan Siiqqee dabalatee hayyoonni garagaas hirmaachuun karaa Aadaafi Duudhaa ummata keenyaa sadarkaa idiladdunyaatti calaqqisiisuun adeemsifamee xumurame.
Charinnat Hundeessaatiin
BARIISAA SANBATAA Amajjii 24 Bara 2017