
Shaampiyoonaan tapha guutuu madaallii guddattoota Itoophiyaa bara 2004 magaalaa Finfinneetti jalqabamuunsaa ni yaadatama. Shaampiyoonichi hanga marsaa 7ffaatti naannooleetti adeemsifamaa ture sababii adda addaatiin waggoota jahaaf addaan citee tureera.
Haata’u malee, mootummaan xiyyeeffannaa ispoortii guddattootaaf kenneen baranarraa kaasee akka itti fufu murtesseera. Haluma kanaan, shaampiyoonaan madaalii guddattoota Itoophiyaa torban dhufu eegalama jedhameetti eggama.
Ministeera Aadaafi Ispoortii Federaalaatti Raawachiisaa Hojii Dursaa Misooma Ispoortii kan ta’an Obbo Tasfaayee Baqqalaa tibbana Gaazeexaa Bariisaatiif akka ibsanitti, Shaampiyoonaan tapha guutuu guddattoota Itoophiyaa qopheessummaa Ministeera Aadaafi Ispoortii Federaalaafi keesumeessummaa Naannoo Itoophiyaa Kibbaatiin adeemsifama.
Shaampiyoonaan kun sababii adda addaatiin addaan citee turus bara kana Amajjii 27 hanga Guraandhala 5, bara 2017 Naannoo Itoophiyaa Kibbaa, magaalaa Walaayittaa Sooddootti akka gaggeeffamus muli’saniiru.
Marsaa 8ffaaf kan adeemsifamu dorgommii bara kanaarratti bulchinsa Magaalaa Dirree Dhawaafi Finfinnee dabalatee naannoleen martinuu akaakuwwan ispoortii 11n atileetota dhiiraafi dubaraa kuma 2fi 656 kan hirmaatan ta’uu beekameera.
Sababiin Shaampiyoonaan kun itti adeemsifamuf ispoortii guddattootaa qabbanaaweefi dimimmisee ture kana iddoosaatti deebisuuf ta’uus addeessaniiru.
Shaampiyoonaa kana qopheessuuf mootummaan Manneen Maree Ispoortii Naannolee wajjin marii taasisuudhaan dargaggoota guddattootaa buufattoota kuma 1fi 269tti guddattoota kuma 31fi 721 leenjisuudhaan gandaa kaasee hanga naannoleetti calaluudhaan dorgommii bara kanaaf qophaa’usaanis muli’saniiru.
Akkuma beekamu sababii nageenyaatiin naannoolee muraasa keessatti ispoortichi akka hin gageeffamne gufuun jiraatus yeroo ammaa gutumaa guutuutti rakkooleen turan furmaata argachuudhaan naannoleen martinuu dorgommii gageessuun sadarkaa biyyaatti hirmaachuuf qophii xumuruu ibsaniiru.
Dorgommiin kun magaalaa Sooddootti adeemsifamuun isaa magaalattiifi naannawaasheef karaa siyaasaa, hawaasummaafi dinagdeetiin carraa gaarii akka uumus dubbataniiru.
Dorgommiin kun haala kanaan adeemsifamuun isaa dhaloota harawaa kana waltajjii kanarratti walitti fiduudhaan tokkummaa, obbolummaanifi jaalalli akka isaan jidduutti cimu gochuu maddiitti taphattoota ciccimoo shaampiyoonicharraa argaman sadarkaa biyyoolessaatti Itoophiyaa bakka bu’uun hirmaatan horachuuf ni gargaaras jedhaniiru.
Dorgoommii madaallii guddattootaa kanarratti guddattoonni umrii 17 gadii qofti akka hirmaatan kan ibsan Obboo Tasfaayeen; kanaan dura naannoleen umrii guddattootaa waliin dha’uun umurii murtaa’ee ol hirmaachisaa turanis amma garuu koreen calaltuun waan adeemsifamuuf rakkichi furamuu ibsaniiru.
Shaampiyoonicha kan keessummeessu naannoon Itoophiyaa Kibbaa bakkeewwan oolmaa ispoortiiwwan kudhanii, kubbaa miillaa, kubbaa Saaphanaa, kubbaa Kaachoofi harkaa, atileetiksii, teenisa miinjalaafi kkf magaalaa Sooddootti kan gaggeessu yoo ta’u, bishaan daakuun ammoo magaalaa Arbaa Mincitti gaggeeffama jedhaniiru.
Itoophiyaan kanaan dura shaampiyoonaawwan adda addaa kanneen akka taphawwan guutuu Itoophiyaa, shaampiyoonaa guddattootaa, kan hojjettoota mootummaa, Yuunivarsiitotaa, Raayyaa Polisiifi Manneen Barnootaa addaan cituusaa kan ibsan obbo Tasfaayeen; bara bakka isaanitti deebisuudhaan kan gaggeeffamu ta’a jedhaniiru.
Sagantaa qabameen kan Poolisii Federaalaa yoo xumuramu, kan yunivarsitootaa gageeffamaa akka jiruufi kan hojjettoota mootummaafi manneen barnootaa akkasumas ispoortiiwwan aadaa yeroo dhiyoo keessatti jalqabama jedhaniiru.
Itoophiyaan sadarkaa biyyooleessaatti keessumattuu shaampiyoonaa ispoortiiwwan Poolisii Biyyoota Bahaafi Giddu Galeessa Afrikaa yeroo jalqabaaf magaalaa Fininneetti keessummeessuuf qophaa’aa jirtis jedhaniiru.
Qophii kanaafis mootummaan koreewwan keessummeessituu adda addaa hundeessuudhaan qaamoleen dhimmichi ilaallatu martinuu hojiisaanii addaan qooddachuudhaan sochiirratti akka argaman Obbo Tasfaayeen eraniiru.
Tashoomaa Qadiidaatiin
BARIISAA SANBATAA Amajjii 24 Bara 2017