
Finfinnee: Paartiin Badhaadhinaa paartii yeroo jalqabaatiif yaadama biyyaalessaa qopheeffatee hojiirra oolche ta’uu pirezdaantiin paartichaafi Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiyyi Ahmad (PhD) ibsan. Yaa’ii 2ffaan Paartii Badhaadhinaa mataduree, “Waadaarraa gara adeeffannaatti” jedhuun guyyoota sadiif turu kaleessa Godambaa Yaadannoo Injifannoo Adwaatti eegalameera.
Sirna bananiisa yaa’ichaarratti haasaa kan taasisan Doktar Abiyyi akka jedhanitti, Itoophiyaa keessatti seenaan siyaasa paartii umurii gabaabaa qaba. Waggoota 60n darban Itoophiyaa keessatti yommuu ABCD’n siyaasa paartii eegalamu hanga Badhaadhinni dhalattetti kufaatii, ka’umsi, dadhabbiifi nuffiin jiran paartiin tokko jijjiirama kan uumu qofa osoo hintaane jijjiirama kan gaggeessu ta’uu hubachuu dhabuudha.
Jijjiirama uumuun qofaasaatti ga’umsa jijjiirama gaggeessuuf dandeessisu hanga hinuumnetti hamilee paartii guutamaa akka hinqabne kaasanii, jijjiirama uumuu jechuun rakkoo, dadhabbii, kufaatii jiru baay’isanii dubbachuu osoo hintaane furmaata burqisiisuu akka gaafatu himu. Itoophiyaa keessa barsiifanni siyaasa waggoota 60 ture ceepha’uufi himachuurratti kan bu’uureeffate yoo ta’u, jijjiirama barbaadamu fiduufi agarsiisuurratti boodatti hafaa ta’uu ibsu
“Badhaadhinni barsiifatawwan diiguu barbaadu baay’ee qaba. kana kan godhu garuu waan caalu ijaaruuni. Itoophiyaaf qorichi idaa’amudha yoo jedhu, ammayyuu kan himatu malee filannoo kan fide hinagarre.
Yaadoota waraabamanii dhufaniin rakkoo nu mudate waan beeknuuf qaamoleefi paartiileen yaada filannoo yoo dhiheessan badhaadhinni barachuuf qophiidha. Kanneen yaada hinqabne gadadoo bara dheeraa nutti fidu; bakka yaadni gu’eetti diiguun salphaa yoo ta’u deebisanii ijaaruun garuu ulfaataadha” jedhu.
Paartiin tokko erga yaada qopheessee booda yaa’ii yaadicha itti deddeebisu akka barbaachisu kan himan pirezdaantiin paartichaa, Badhadhinnis yaa’ii lammaffaasaa kan adeemsifatu yaadasaa fuulduratti deemsisuuf, hoggansa beekumsaa hogganuu danda’u filachuufi dambii hojjechiisu raggaasisuun waan barbaachiseef ta’uu himu. Yaa’ichi kun yaada maddisiisuufi hoggansa filachuu qofti ga’aa miti; wanti ijoo irraa eegamu demokraatawaafi hirmaachisaa ta’uu hubachuu kaasu.
“Seenaa yaa’ii paartii Itoophiyaa keessatti saboonni hundi bakka bu’aa qabaatanii kan irratti hirmaatan yaa’ii Badhaadhinaa qofa. Hoggansi fiixee Itoophiyaa hundarraa akka filatamu gochuun kan eegalames paartiidhuma kana keessatti. Yaa’iin paartii keenyaa lammaffaa waadaarraa hanga aadeffannaatti jedhuun gaggeeffamus wantoota duraan akka waadaatti turan amma aadeeffannaa ta’an yaadachuuni. Yaadni barreeffamee olkaa’ama, ni dubbifamas. Turtii keessa garuu ni baratama. Yommuu kaka’umsaafi dadammaqiinsa malee raawwatamuu jalqabu aadaa ta’a jechuudha” jedhu.
Akka ibsasaaniitti, waggoota darbanitti yommuu qulqulluu ta’uu qabna jedhamutti hamma namni hundi balfa jibbuuttis duulaan hojjetamaa ture. Nyaata omishuu duulaan eegalleerra, aadaa hundaa ta’uu qaba. Naannawa jeequu dhiisuu duulaan eegalle barsiifata ta’anii aadaa ta’uu qabu. Pirojektota eegalanii xumuruunis aadaa ta’uu qaba. Wanti tokko aadaa akka ta’uuf beekuu, fooyyessuu, uumuu, saffisuufi walitti hidhuu barbaachisa.
“Imalli Badhaadhinaa boqonnaa tokkoffaan bara irribaa ka’uu ture. Kanaan kan hidhame haa hiikamu, kan baqate haa deebi’u, kan bade haa dhufu jennee kaane. Boqonnaan kun akka xiyyaaraan balali’uuti. Xiyyaarri gaafa ka’uuf jedhu akeekkachiisni ni heddummata, sosocho’uufi sodaanis ni jiraata. Imalli keenyas akkas ture. Amma bara ol ka’uuti. Adeemsi irraan gadeefi dalgaa kan itti dhaabatudha. Qamadii alaa galchuu dhaabuu qabna, hidha haaromsaa xumuruu qabna jennee turre. Isas raawwannee boqonnaa kanaan ji’oota muraasa warra jenne kana riivaanii kunnee eebisiisuuf jenna.
Barri olka’iinsa badhaadhinaatiin misooma koriidarii barana argitan bara dhufu hinargitan. Xumurree caalaatti bareechinee argitu malee isa baranaa irra hindeebinu. Dhaabbileen keenya bu’aa amma jiru caalaatti guddatanii mul’atu. Kanaaf yaa’iin kun hojmaata haaraa maddisiisuu, hoggansa haaraa filachuu qaba. Kanaafis amantaan qaba.
Badhaadhinni dhaabbata guddaadha. Addunyaarra paartiin miseensota miliyoona 15.7 qabu hinjiru. Paartii dargaggeessan guutame. Bu’uura badhaadhinaa akka fiduuf nuti aarsaa taanee dhaloonni idaa akka hindhaalle yoo hingoone lakkoofsi qofaasaatti bu’aa hinqabu. Paartii kadhachuu dhaabee kennuu kan eegalu, xuraa’uu dhiisee qulqullaa’uu kan filatu ta’uu qaba.
Bu’aan keenya ijoollee keenyaan beekama. Abbootiin keenya siyaasa hinbeekan. Ammas isa adeemsisuu barbaadu. Bakka bakkatti rakkoon kan jiru kanaafi. Dhaloonni haaraa nagaafi badhaadhina barbaada.
Badhaadhinni tokkummaaf harkisaa kan diriiredha. Walitti bu’iins nu ga’a; kilaashii 60moota keessa hidhattan buusaa mari’annee nagaadhaan waliin hojjennaa. Qabsoo nagaaf karaa walakkaa deemuu itti beekna, ammas ittifufna.
Badhaadhinni boqonnaa duraatiin baay’inaan waan hiikee, hammatee, galcheef qormaati baay’e isa mudateera. Amma garuu isa cafaqee darbuu danda’a. Ammas qormaanni nu mudachuu danda’a. Badhaadhina biyyaaf garaa jabaannee hojjenna. Nuuf humni keenya ummata biyyaati; isa qabachuun ilmaan keenyaaf mindaafi Itoophiyaa badhaate dabarsuuf cimnee hojjenna” jedhan.
Walittiqabaa Mana Maree Waloo Paartiilee Siyaasaa Itoophiyaa Obbo Salamoon Taaffasaa gamasaaniin, paartiileen siyaasaa demokraasii dhugaan akka dhugoomu, nageenyi akka mirkanaa’u shoora olaanaa akka qaban kaasanii paartileen morkottaataa biyyattii keessa jiranis mana maree hundeeffachuun Bitooteessa 5 bara 2015 sanada waadaa mallatteessanii hojiitti seenuu himu.
Manni marichaas, paartiileen siyaasaa akka mari’atan, akka walsirreessan, walkuffisuura waliin hojjechuu akka danda’an dirree siyaasaa uumuu demokraatawaa uumuuf hojjetaa turuu kaasanii, kanaafis Dambii qopheeffatee hojjechaa jiraachuufi hojii caaluufis qophaa’uu himu. Paartii Badhaadhinaa waliin mariin fuulaa fuulatti taasifamuufi aadaan walitti dhihaatanii hojjechuu akka gabbatu cimina paartiileef shoora olaanaa qabaachuu kaasu.
Manni marichaa Komishinii Karii Biyyaalessaa waliin hojjechuurratti gaheesaa ba’achuu kaasanii, fuuldurattis deeggarsa taasisu akka ittifufuufi morkii nagaa taasisuun akkuma jirutti ta’ee faayidaa biyyaarratti waloomuuf qophii ta’uu ibsu.
Yaa’icharratti bakka bu’ootni dhaabbilee siyaasaa biyyoota Jibuutii, Sudaan Kibbaa, Afrikaa Kibbaa, Naayijeeriyaa, Turkiyyee, Federeeshinii Raashiyaafi kaan ergaa baga ittiin isin gahee, aantummaafi deeggarsaa Paartii Badhaadhinaafi ummata Itoophiyaaf qaban ibsaniiru.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Amajjii 24 Bara 2017