
Waggoonni 1950 hanga 1970mootaatti jiran bara dadamaqiinsi gama ijaarsaafi hawaas dinagdee fooyya’aan tureedha. Sosochiin gama dinagdeen mul’ate sunis magaalattiin akka xiyyeeffannoo guddaa argattu taasisee ture.
Waggoota kanneenitti Magaalaan Aggaaroo waan tajaajiloota taaksii, bilbilaa, elektirikii hayidroo, daandii aspaaltii, poostaa argachaa dhufteef filannoo daldaltoota biyya keessaaf alaa taate.
Guddinni dinagdee daldaltoota qofa hawwatee hindhiifne; magaalaa filatamtuu artistoota guguddoo yerochaafi bakka bashannanaa abbootii qabeenyaas taate. Artistoota keessaa kanneen akka Xilaahun Gassasaa, Argaawu Badhaasoo, Nawaay Dabbabaa, Hamalmaal Abaataafa’iif giddugala konsartii ta’uun jaalala qabaniif walaloofi yeedaloodhaan ibsuun seenaaf hambisaniiru.
“Akka badee hindhufneef gibeen nanceessisuu akkan obsee hinteenyee yaaddoon nanteessisuu yaa haadha faaris faaroo kottu nibuuna katamaa Aggaaroo.” (Xilaahun Gassasaa)
“Laalee biyya Roomaa Aggaaro katamaa” (Argaawu Badhaasoo)
Kana qofaan hindhaabbanne, Aggaaro abjuu namoota kallattiilee afranniin jiran taatee inni ijaan hinarginellee walaleessuufi mammaakuu eegale; akkana jechuun:
“Ashaaroon akoofsisaa ashaaroo minaan adii Aggaaroof naboochisa Aggaaroo Jimmaaf maddii.”
Akkuma armaan olitti tuttuquuf yaalame Magaalaan Aggaaroo hawwattummaafi jaalatamummaanshee daran dabalee akka lakkoofsa Itoophiyaa bara 1957 keessa mootii yaroo sanaa kan turan Hayilasillaaseedhaan daaw’atamuuf beellamni qabameef. Akka odeeffannoon abbootiirraa argame ibsutti daawwanaan sun eebba adda-baba’ii leenca afranii Magaalaa Jimmaas kan dabalatu ture.
“Aggaaro Abbaa Booqaa biyya birriin dooqaa” simannaa mootichaatiif of mimmiidhagsuu eegalte. Inni qabu simintoodhaan fuuldurasaa ijaarrate, kaanimmoo qorqorroodhaan miidhagfate jedhu. Ummanni magaalichaas akkuma aadaasaatti keessummaasaa simachuuf namoota 300 ta’an hirmaachisuun guyyoota muraasa keessatti masaraa guddaa qaroomina ummataafi biyya badhaadheefi qarshiin boroodhaa itti hammaaramu ta’uu magaalattii agarsiisuun ijaarame.
Oggaa gara Magaalaa gara Jimmaatti ceenus eebbi addababa’ii Leencota Afurii dallansuu guddaa uume. Bocni mootichaa walakkaa leencotaa hinjiru ture. Sababuma kanaan mootichi daawwannaa Magaalaa Aggaarootti taasisuuf turan haqanii Finfinneetti deebi’an. Odeeffannoon karaa biraatin argame garuu eebba Leencota Afranii booda waan sareen mootichaa konkolaataa keessa galuu diddeef Finfinneetti qajeelan jedhama.
Kanas ta’e sana, mootichi affeerraa masaraa haaraatti qophaa’eef Tsahaay Inqusillaasee (Bulchaa Kafaa xaqlaay gizaat kan ture) eerguudhaan Aggaaroof dugda kennanii deebi’an. Yaroo sanatti Aggaaroon teessuma Konyaa Limmuu turte. Bulchaan konyichaas obboleessa bulchaa Kafaa xaqlaay gizaat kan ta’e Taaddasaa Inqusillaasee jedhamu ture.
1957 irraa kaasee hanga kufaatii sirna Darguu bara 1983tti masaraan kun teessuma bulchoota gara garaa ta’uun akka tajaajilaa ture abbootiin ragaa nibahu. Haata’u malee bara 1983 bombiifi xiyyaaraatiin haleelamee meeshaan masarichaas guutummaatti saamame.
Waggoota soddoma booda bara 2012tti suphaan taasifamee tajaajila Godambaa akka kennuuf yaalamus hanga yaadame hinmilkoofne. Karoora xiiqii Bulchiinsi Magaalaa Aggaaroo barana qabate keessaa gama tuurizimiitin seenaafi hambaalee qabnu kunuunsuufi beeksisuudhaan Aggaaroo giddugala turizimii taasisuudha. Ijaarsi masaraa kanaas kana kan milkeessuudha jedha kominikeeshiniin magaalichaa.
BARIISAA SANBATAA Amajjii 24 Bara 2017