Misooma sululaa, mala dhiibbaa jijjiirama qilleensaa ittiin qolatan

Qonnaan bulaan keessumaa waggoota muraasaa as sululoota xiyyeeffannaan misoomsuudhaan, isa misoomse kunuunsuudhaan abbummaadhaan eegee qabuudhaan bakkichatti kanniisaa horsiisaa, kuduraafi muduraa omishaa jira.

Hojichaan lafti qonnaa, bosonaafi dheedichaan manca’ee faayidaa ala ta’ee ture tajaajilatti deebi’uu, dhiqamiinsa biyyee hambisuun kuufamni bishaanii lafa keessaas ta’e gubbaa dabaleera.

Sululoota manca’anii turan tuttuqaa namaafi beeyladaarraa bilisa gochuun madda galii ummataa, carraa hojii misooma dammaa, marga nyaata beeyladaafi xaawulaaf oolaa jiraachuu, teknolojiiwwan bishaan cimmisuun hawaasni haroo maatiifi hawaasaa qopheeffatee hojii misooma qonnaa itti gaggeessuu eegaluufi walumaagalatti madaallii uumamaa eeguun haalli mijataan jiruufi jireenya lubbuqabeeyyii hundaaf uumameera.

Hojichaan lafti qonnaa, bosonaafi dheedichaan manca’ee faayidaa ala ta’ee ture tajaajilatti deebi’uu, dhiqamiinsa biyyee hambisuun kuufamni bishaanii lafa keessaas ta’e gubbaa dabaluu, burqaawwaniifi haroowwan goganii turan deebi’aniiru. Uwwisni bosonaas gara %23.6ti guddateera.

Milkaa’inni kun ammoo tattaaffii cimaa qonnaan bulaa, hoggansa mootummaa, ogeessota damichaa, deeggartoota misoomaafi hirmaannaa hawaasa bal’aatiin kan galmaa’eedha.

Baranas akka biyyaatti lafa hektaara miliyoona afurirratti hojiin misooma sululaafi eegumsa qabeenya uumamaa Oromiyaa dabalatee naannolee adda addaatti Kamisa darbe eegalameera.

Hojicha milkeessuuf akka biyyaatti waggaa waggaadhaan lammiileen miliyoona 14 ol hirmaachisuun dinagdee jijjiirama qilleensaatiin hinraafamne ijaaruuf fedhii, kutattummaafi qophaa’ummaa jiru qabatamaan agarsiisuun danda’ameera.

Oromiyaatti barana hojii eegumsa biyyeefi bishaanii sululoota kuma 6fi 465 keessatti lafa hektaara miliyoona 3fi kuma 232fi 500 qaamolee hawaasaa miliyoona 9fi kuma 828fi 130 hirmaachisuun misoomsuuf hojiin eegalameera. Gama maqeessuu ‘GPS/GIS’n hojjetameen sululoota kuma 6fi 465 keessaa kuma 5fi 660 kan koodeffaman yoo ta’u, kanneen hafan xumuruufis hojjetamaa jira.

Hojii fiizikaalaatiin hojiileen sululoota kuma 6fi 465 keessatti lafa hektaara miliyoona sadii ol, misoomsuu; daagaawwan akaakuuwwan adda addaa kiiloo meetira miliyoona tokko ol, istiraakcharoota bishaan yaasan meetir kuubii miliyoona sadii ol, istiraakcharoota bishaan qusatan lakkoofsaan miliyoona 16, caalan, hallayyaa hidhuu gaabiyooniifi dhagaan meetir kuubii kuma 853fi 265 karoorfamuun hojii galameera.

Hojiin eegumsa qabeenya uumamaafi misooma sululaa kun hojiilee qonnaa hundaaf bu’uura waan ta’eef wabii miidhaan nyaataa mirkaneessuu keessattillee shoora olaanaa qabaata. Darbees qormaata sababa jijjiirama qilleensaatiin biyya keenyas ta’e addunyaa mudachaa jiru qolachuuf daran murteessaa waan ta’eef milkaa’ina caalu galmeessisuuf hojicha sagantaa ashaaraa magariisaa wajjin walitti hidhanii adeemsisuun barbaachisaadha.

BARIISAA SANBATAA Amajjii 17 Bara 2017

Recommended For You