“Kaleessatti araaramee borii kan hojjete abdii guutuu qaba” -Abiyyi Ahmad (PhD)

Torban darbe keessa Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiyyi Ahmad (PhD) jilasaanii waliin hojii misooma koriidarii Magaalaa Gondariifi haaressa Dallaa Faasiladas daawwataniiru. Hojichi yeroo gabaabaa keessatti miidhaginaafi qulqullinaan kan raawwatameedha. Kunis dandeettiin raawwachuu biyyattiitti cimachaa dhufuu kan agarsiisuudha.

Doktar Abiyyi yaada daawwannaan booda kennaniin akka jedhanitti, waggaa tokkoofi walakkaa dura bakkicha dhaqanii ilaalaniiru. Hojiin haaromsa dallaa kanaas kan eegale isa booda jechuudha. Yeroo gabaabaa kana keessatti garuu jijjiiramni moorichatti mul’ate daran dinqisiisaadha.

Misoomni koriidarii Magaalaa Gondariifi naannawasheetti hojjetamaa jiru namni yoo murteesse maaliyyuu hojjechuu akka danda’u kan agarsiisuudha. Yeroo dheeraa booda amma Gondar, miidhaginni ishee, bareedinnisheefi hawwattummaanshee deebi’eefii Gondar fakkaatteetti.

“Hojiin daandii Buufata Xiyyaaraa Azazoodhaa eegalee hanga Piyaasaatti jiru, manneen nama dhuunfaa ijaaramaa jiran, haala yunivarsitichi of itti haaressaa jiru, koriidariin Piyaassaa, addababa’iin Masqalaafi haalli waliigalaa naannawichaa madaallii kamiinuu Gondar miidhagduufi bakka hawwata turistii ta’uu akka dandeessu mul’isa. Dallaan Faasiilis seenaa, mil’uufi dhaabbiisaa isa duraa osoo hingadhiisiin haalli amma itti haareffame daran hawwataadha” jedhu.

Jagool, Laallibalaa, Faasiil, masaraawwan mootummaa Magaalaa Finfinnee keessa jiran, Masaraa Jimmaa Abbaa Jifaar, Halaalaa Keellaafi kanneen biroo haareffamaniiru; kaanis haareffamaa jiru kan jedhan ministirri muummeen, kaayyoo ijoon hojiilee kanneenii kaleessa keenya waliin osoo walitti hinbu’iin karaa madaalawaa ta’een seenaa barnoota qofaaf fayyadamuu barbaachisa. Seenaa keessa wantoonni sirriifi sirrii hintaane baay’een jiraachuu malu. Sana garuu balleessuudhaan osoo hintaane deebisanii suphuudhaan barnoota madaalawaa fudhachuun barbaachisaa ta’uu ibsu.

Waggoota muraasa darban haalli hambaaleefi iddoowwan seenaqabeessi Itoophiyaa keessa jiran ittihaareffamaa jiran kan agarsiisu amma Itoophiyaan geessu ta’uu eeranii, hambaalee haaressuu qofa osoo hintaane haala namootaaf mijataa ta’een daandiiwwan, ibsaa, bakkeewwan magariisaafi wantoota barbaachisan itti dabaluunis hawwatoo taasisanii hojjechuun kan nama boonsu ta’uu eeraniiru.

“Kaleessa keenya waliin sirnaan araaramuu barbaachisa. Haala madaalawaa ta’eenis kaleessa ilaaluun barbaachisaadha. Kaleessa yaadachuu gaafa jedhamu garuu seenessa har’aas sirnaan deemsisuu barbaada. Kaleessatti araaramee borii kan hojjete abdii guutuu qaba. Wantooti hojjetaman kunneen ammoo kunuunsa barbaadu. Magariisummaa balleessuun, naannawa xureessuufi bakka namaaf dhabuun ammayyummaa miti” jedhu.

Qaamoleen hinhojjetiinaa, hindiigiinaa, hinijaariinaa akkasumas hinqulqulleessiinaa jedhan akka jiran beekamaa ta’uu ibsanii, yoo yaadnisaanii fudhatame hojii hojjechuun akka hindanda’amne kaasu.

Ummanni ani gita bittaadhaan hinbitamne, bilisummaakoof qabsaa’eera jedhu, xuraa’uun yommuu kennamuuf lakkii jechuu osoo hindanda’iin, yommuu dhukaafamu qofa dhukaasuun gatii akka hinqabnu dubbatu. Xuraa’uun gita keenya miti. Biyya bareedduufi qulqulluu qabna; kanammoo caalaatti bareechinee ijoollee keenyatti dabarsuu qabna yaadamni jedhu kan nama gammachiisu ta’uu ibsu.

“Miidhagina magaalaa kan balleessu balfa gatuu, marga irra ejjechuu, ibsaa balleessuufi kkfdha. Deebisee kan misoomsus namuma. Magaalaa, biyya ijaaruun hojii salphaa miti. Maallaqa, yeroo, humnaafi beekumsa gaafata.

Miira tokkoon wajjummaadhaan yoo hojjetame garuu magaalaa kamiinuu jijjiiruun ni danda’ama. Kanaanis baay’ina magaalota keenyaa dabaluu dandeenya. Amma fiixee Itoophiyaa hundarra hojiilee hojjetaman yeroo Itoophiyaan bayyanachaa jirtu akka ta’e mul’isa. Kunimmoo cimee ittifufuu qaba” jedhu.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 17 Bara 2017

Recommended For You