Shaampiyooniin ispoortii aadaa Oromiyaa boru eegalama

Finfinnee: Dorgommiin shaampiyoonaa Ispoortii aadaa Bulchiinsota magaalotaafi godinaalee Oromiyaa jidduutti adeemsifamu kan baranaa borurraa kaasee magaalaa Shaashamanneetti adeemsifama.

Waggaa waggaadhaan Qopheessummaa Biiroo Dargaggootaafi Ispoortii Oromiyaatiin kan adeemsifamu Shaampiyoonaan ispoortii aadaa marsaa 30ffaafi Agarsiisni Feestivaalii aadaa Oromiyaa 17ffaa qophiin isaa xumurame hirmaattoota eegaa akka jiru ittigaafatamaan Federeeshinii Ispoortii Aadaa Oromiyaa Obbo Abdiisaa Taayyee ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaaf kennaniin eeraniiru.

Ittigaafatamtichi akka jedhanitti, shaampiyoonaan baranaa walta’iinsa Godina Arsii Lixaafi Bulchiinsa Magaalaa Shaashaamanneetiin kan keessumeeffamu yoo ta’u, koreen qopheessaa shaampiyoonichaa iddoowwan oolmaa ispoortii daaw’achuudhaan waantonni barbaachisan marti qophii ta’un mirkanaa’eera.

Yeroodhaa gara yerootti hirmaattoonnisaa dabalaa kan dhufe shaampiyoonichi guutuu Oromiyaarraa godinaaleen 20fi bulchiisonni magaalotaa 16 akaakuuwwan ispoortii 11 walumaagalatti ispoorteessitoota 800 oliin akka hirmaatan ibsaniiru.

Akkaakuuwwan ispoortii aadaa kunneen kan qonnaan bulaafi horsiisee bulaa biratti barataman gulufa fardaafi sharxii, wal’aansoo, korboo, saddeeqa abbaa bool’a 12fi 18, qilleefi bubiifaan akka adeemsifaman eeraniiru.

Shaampiyoonaa kanarratti hirmaachuuf godinaaleefi bulchiinsonni magaalotaa gandaa kaasee hanga godinaatti sadarkaa sadarkaadhaan ispoorteessitoonni kuma 10 ol hirmaachaa turuusaanis ittigaafatamtichi himaniiru.

Barattoota manneen barnootaa dabalatee qonnaan bulaafi horsiisee bulaan akkuma kanaan duraa aadaa naannawasaanii qabatanii hirmaachuuf qophaa’uus ibsaniiru.

Magaalaan Shaashaamannees qophiishee xumuruudhaan keessummootashii simachaa akka jirtus Obbo Abdiisaan addeessaniiru.

Sababni Shaampiyoonichi itti adeemsifamuufis taphattoota shaampiyoonaa ispoortii aadaa guutuu Itoophiyaa barana Magaalaa Hoosaa’inaatti adeemsifamurratti ispoorteessitoota Oromiyaa bakka bu’uudhaan hirmaatan filachuuuf ta’uus eeraniiru.

Tashoomaa Qadiidaa

BARIISAA SANBATAA Amajjii 17 Bara 2017

Recommended For You