
Yeroo ammaa guddina saayinsiifi teknolojiin irra qaqqaberraa ka’uun aadaan kitaaba dubbisuu laafaa dhufuun ni himama. Kanarraa kan ka’e barreessitoonni baay’een ittiin qoramaa jiru. Ta’us namni sammuudhaa waa qabuufi dhalootaaf barreessee dabarsuu barbaade inuma barreessa; hamilee gaaf tokko ni dubbifama, namni dubbisus inuma jira jedhuun.
“Hawaasni keessumaa dargaggeessi hindubbisne aadaafi seenaasaa beekuu akkasumas waan addunyaan har’a irra jirtu tilmaamuufi hubachuuf ni rakkata. Warra waa barreessaniifi dubbisantu addunyaadhaan dorgomaa jira. Amma yeroo jette jetteen afaaniin itti darbu waan hintaaneef aadaan dubbisuu akka cimu hojjetamuu qaba” jedha barreessaan kitaaba tokko barreessee guyyaa har’aa ummata biraan ga’uuf jedhu tokko.
Barreesichi Gaazexeessaa Saaliim Amiin jedhama. Ogummaa kominikeeshiniifi gaazexeessummaatiin waggoota shanii oliif hojjeteera. Barnootasaa sadarkaa olaanaas digrii jalqabaa Hoggansa (‘Management’) digrii lammaffaa ammoo Gaazexeessummaa barateera.
Yommuu hojii gaazexeessummaa hojjetus odeeffannoowwan garagaraa walitti qabaa tureefi qorannoo taasiserraa ka’uun wayita ammaa kitaaba bunarratti xiyyeeffate barreessee eebbaaf qopheesseera.
Matadureen kitaabasaas ‘Seenaa Bunaafi Siyaas-Dinagdee Shanan Gibee’ kan jedhu yoo ta’u, kitaaba kana barreessuuf kan isa kakaasees gaazexeessaan dhimma hawaasa tokkoo qoratee beeksisuufi furmaata itti barbaadurratti xiyyeeffatee hojjechuu waan qabuuf akkasumas, sagantaa raadiyoo bunarratti xiyyeeffate waggoota afran darbe hojjechaa turuusaatiin adeemsa hojiisaa keessatti dhugaa bunarratti hubate qoratee barreessuu Gaazexaa Bariisaaf ibsa.
Keessumaa Jimmi iddoo argama bunaa ta’uufi dinagdeen naannawichaa darbees kan biyyaa bunarratti kan xiyyeefatuufi sharafa alarraa kan argamsiisu ta’uu himee, kanarraa ka’uun bunni Oromoo Shanan Gibeef maali, akka waliigalaatti ammoo Oromoof maalii? Dinagdeen Shanan Gibee maalii? Siyaasnisaawoo? Kanneen jedhan qorachuun waan argate kitaabatti jijjiiree eebbaaf qaqqabsiisuu dubbata.
Kitaabni kun boqonnaawwan torbatti qoodamee, fuulawwan 340 kan qabu yoo ta’u, qarshii 500n dubbistotaaf dhihaachuu ibseera. Ergaa ijoon kitaabichaas, bunni biyyattiin dinagdee olaanaa irraa argattu harki caalaansaa naannawa sanarraa kan madde ta’us naannawichi hanga guddachuu qabu kan hinguddane, keessumaa bu’uuraalee misoomaallee hanga barbaadamu kan hinguuttanne ta’uu, mootummoonni dhufanii darban kan xiyyeeffatan bunarratti malee misooma naannawicharratti akka hintaaneefi haalli siyaasa naannawichaas dinagdeerratti dhiibbaa uumuu kan agarsiisu ta’uu addeessa.
“Bunni Oromoof hiika olaanaa qaba. Garuu hamma beekamuu qabu hinbeekamne. Biyyoonni addunyaa nu duuba buna omishuu eegalan kanneen akka Biraaziilillee bunasaanii haalaan beeksifataniiru. Silaa Oromoon buna ibsama eenyummaasaa kan ta’e, Odaa waliin qixa beeksifachuu qaba. Alaabaan biyyattiillee haala buna agarsiisuun bocamuu qaba ture. Akka waliigalaatti bunni biyyaaf bu’aa olaanaa argamsiisus xiyyeeffannaa barbaadamu hinarganne kan jedhu agarsiisuufin kitaaba kana barreesse” jedha.
Kana malees, seenaan yommuu qoratamu sababa bunaatiin qonnaan bulaa baay’een lafasaarra buqqifamuu kaasee, ta’uus bu’uuraalee misoomaa dabalatee wanti hawaasa naannawaa sanaaf malu kan hinguutamne ta’uu hima.
Fakkeenyaaf dargaggoota naannawaa sana jiraniifi omisha bunaarratti hirmaatan illee akkamiin buna gaarii omishuu qabu jedhamee leenjiin addaa kennameef akka hinjirres akkasumas yunivarsitiiwwan illee dhimma bunaa qofarratti xiyyeeffatanii barsiisan, dhaabbileen qorannoo, miidiyaafi mootummaanis dhimmicharratti xiyyeeffachuu akka danda’aniifillee ka’umsa akka ta’uuf kitaabaan dhiheessuu ibsa.
Hawaasni buna omishu faayidaa argachuu qabu akka argatuuf hunda caalaa mootummaan xiyyeeffannaa kenneefii keessumaa faddaalota gidduutti ummata faayidaa dhabsiisan gidduudhaa baasuurratti hojjechuu akka qabu kan ibsu Gaazexeessaa Saaliim, yoo kana ta’e gaaffiileen misoomaa hedduun deebii argachuu danda’u jedha.
“Bunaafi ummata Oromoo gargar baasanii ilaaluun hindanda’amu. Oromoon barii gaafa irribaa ka’u Waaqa kadhata. Kanas buna dhaabee, Odaa jalatti harkasaa olqabee nagaa kadhata. Bunni dhaabatee nagaatu waamama malee balaan hinwaamamu; yaadni biraas hinka’u. Bunni nagaa, tokkummaafi jaalala waama; ollaa waama.
Bakka bunni jiru hawaasummaa cimaatu jira. Aadaan kun amma jiraa? yoo jedhame waan gaaffii namatti uumuudha. Buna keenya, buna Oromoo abbaan barbaadeyyuu haa fayyadamu, garuu duudhaasaa waliin ta’uu qaba. Dhimma kanarratti hojii gaarii Komishiniin Turizimii Oromiyaa hojjetaa jirullee kitaaba koo keessatti kaasuuf yaaleera” jedha.
Akka ibsasaatti, keessumaa Oromoon Shanan Gibee yoo fudhatame bunaan adda kan ba’e miti, nyaatasaafi daarasaatiin kan walqabatuudha. Oromoon naannawaa sanaa yommuu walfuudhu bunni ni dhaabama. Bunaafi nagaa hindhabiinaa, Fayyaan dhaabadhaa jedhee illee waleebbisa.
Buna biraa ollaa ykn namni dhabamuun rakkoon hawaasummaa akka jiru agarsiisa. Kana jechuun rakkoo nageenyaa illee hiikuuf bunni bakka olaanaa qaba. Aadaan bunaa utuu babal’atee rakkoo sadarkaa idil addunyaatti illee irratti hojjetamuu kan qabudha.
Akka Gaazexeessaa Saaliim jedhutti, qorannoo kitaabasaatiif bakkeewwan argama bunaa jedhamanii beekaman Maankiraa (Kafaa)fi Kattaa Mudhugaa (Jimmaa) deemuun qorannoo taasiseera. Qorannoon isa garuu kan agarsiisu iddoon argama bunaa Cotee ta’uusaati. Dhaabbileen Qorannoo Bunaa akka jedhanitti, jiiniin bunaa Cotee jiru waggoota hedduu dura kan dhaabatee yoo tahu hundee bunaa kuma afuriifi 800tu jira.
Giddugalli qorannoo bunaas naannawa sana dhaabatee jira. Naannawaan kun dur ‘Kafaa Kiflahaagar’ jedhamee waan waamamaa tureef isa waliin walqabsiisuun bakki argama bunaa Kafaa akka ta’etti fudhatamaa tureera. Gaafa garuu Oromiyaan naannootti deebi’ee, maqaan sababa siyaasaatiin jijjiiramee ture deebi’u Maankiraan gara Kafaatti, Coteen ammoo gara Jimmaatti deebi’an.
Akka waliigalaatti kitaabichi waggoota afurii oliif qorannoon kan irratti taasifamee yoo ta’u Giddugala Qorannoo Oromoofi Yunivarsitii Jimmaa kitaabni kun bifa saayinsaawaa ta’een qoratamee akka ba’uuf isaan waliin hojjetaa turuu ibsa Saaliim.
Hayyoonni Yunivarsitii Jimmaa Muummee Fookilooriifi Hogbarruu Oromoos gama gulaaluufi gabbisuutiin irratti hirmaachuu, akkasumas, Yunivarsitii Finfinneetti Hayyuun Seenaa Piroofesar Tasammaa Taa’aan kitaabicha gulaaluu keessatti hirmaachuu dubbata.
Akka Gaazexeessaa Saaliim himutti, waa’ee bunaa qofa osoo hintaane, seenaadhumti Oromoo keessattuu kan Oromoo Shanan Gibee akkam ture isa jedhullee ilaaluuf yaalameera. Yeroo baay’ee yeroo seenaan Shanan Gibee ka’u kan moototaatu ka’a.
Waa’een Odaa Hullee baay’ee hinka’u. Odaan Hullee odaawwan shanan Oromoon qabu keessaa isa tokko yoo ta’u, iddoo seena qabeessa, abbootiin gadaa Oromoo Maccaa, keessattuu kan Shanan Gibee itti tumamee, Oromoon Shanan Gibee itti walbulchaa tureedha. Odaan kunis jaarraa tokkoofi walakkaa ol addaa citee turee, deebi’ee ammammoo akkuma duraatti deebi’eera.
Akkasumas moototni Shanan Gibee bu’aalee siyaasaafi dippilomaasii, bulchiinsafi daldalli naannawichaa maal fakkaata kan jedhullee baay’inaan kitaabicha keessatti hammatamuu eeree, namoonni akka Raayyaa Abbaa Maccaafi Bilillee bu’aa isaan hogbarruu Oromootiif buusan kan hammatame yoo ta’u, guddina hogbarruu keessattis Oromoon naannawa kanaa bal’inaan kitaabicha keessatti kaafamuu addeessa.
Oromoo Shanan Gibeerratti xiyyeeffachuun kan barbaachise, hanga danda’ametti qorannoon yoo bakka murtaa’e ‘specific’ hintaane qorachuufillee nama rakkisuu waan danda’uuf ta’uu himee, waa tokkorratti yoo xiyyeeffatame garuu qorannoo sana sirnaan qorachuuf darbees ragaaleellee itti dhiheenyaan sirnaan argachuuf mijataa ta’uusaatiin ta’uu hima.
“Naannawaan qorannookoo Shanan Gibee jedhamanii bakka tokkotti haa waamaman malee shanansaanii qofa qofaatti bulchiinsa qabu turan. Kanneen tokkoon tokkoonsaanii qorachuuniyyuu bal’aa waan ta’eef kanarratti xiyyeeffachuun barbaachise. Fuuldurattis kitaabicha afaanota addaddaatti kan hiikamu ta’a; ammallee Afaan Ingiliziitti hiikuu eegaleera.
Matadureensaa Shanan Gibee haa jedhu malee akka waliigalaatti Oromoon Gadaa keessatti buna akkamiin ibsa, jila Gadaa keessatti bunni akkamiin dhihaata isa jedhullee sadarkaa akka Oromootti kan ilaalamedha” jedha.
Akka yaada barreessaa kanaatti, moggaasaafi argama bunaarratti yaadota addaddaatu jira. Naannawa Jimmaatti Qaawwaallee ni jedhama. Jechi kun kan biyya alaatii dhufeedha. Argamasaa waliin kanneen nama Kaaliid jedhamutu argate jedhan jiru. Kan Oromoo wajjin walqabsiisanii nama ‘Bunoo’ jedhametu argate jedhanis ni jiru.
Qorannoon kunis kana walbira qabee ilaaleera. Bunarratti barreeffamoonni garagaraa barreeffamanii kan jiran yoo ta’u, innillee gara artikiloota 50 olii afaanota garagaraatiin barreeffaman dubbiseera. Kitaaba namni Garramoo Hayilee jedhamu barreesserraa akka qorannoosaa cimsuufiif ittifayyadameera.
Kitaabni akkanaan barreeffame kun har’a, (Amajjii 17 bara 2017) Yunivarsitii Jimmaatti bakka hayyoonni, hoggantoonni mootummaafi keessummoonni argamanitti ni eebbifama. Kitaabni kun akka maxxanfamuuf Yunivarsitiin Jimmaa, Bulchiinsonni Magaalota Jimmaafi Aggaaroofi qaamoleen addaddaa tumsa taasisaniiruuf.
Kaayyoonsaa inni ijoo galii ittiin argachuu osoo hintaane, kitaabni kun hawaasa bira akka qaqqabu waan ta’eef eebbaan booda haala dubbisaa bira qaqqaburratti kan hojjetu ta’uu ibsee, dhaabbilee qorannoofi manneen barnootaa bira bal’inaan akka qaqqabu akka taasisuufi kanarratti qaamoleen addaddaallee bituun ummata biraan ga’uurratti akka isa deeggaran gaafateera.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Amajjii 17 Bara 2017