
Umriin dargaggummaa kan itti fiiganii qaban, yaadanii milkeessan, egeree jireenya kan itti bareechan yoo ta’u, faallaa kanaa dhibaa’ummaa, amala badaafi yoo of dagatan ammoo umrii egereen itti dukkanaa’udha. Jijjiirama siyaasaafi dinagdee biyya tokkoo keessatti qoodni dargaggootaa olaanaadha. Dhidhimuu sirna ADWUI’fi as ba’uu Paartii Badhaadhinaa keessatti qoodni dargaggootaa, keessattuu waa’een Qeerroofi Qarree Oromoo adda dureen kan kaafamudha.
Yaa’ii Idilee 2ffaa Paartii Badhaadhinaa Amajjii 25fi 26 adeemsifamu ilaalchisee paartichi hirmaannaafi fayyadamummaa dargaggootaa mirkaneessuuf hojiilee hojjete ilaalchisuun Gaazexaan Bariisaa Pirezidantii Ittaantuu Liigii Dargaggootaafi Ittigaafatamtuu Biiroo Sabquunnamtii Paartii Badhaadhinaa Aadde Fadiilaa Biyyaa waliin turtii taasise akka armaan gadiitti dhiyaateera.
Akka isaan jedhanitti, sirnoota darban keessa “Dargaggoon abdii egereeti” jechuun hirmaannaafi fayyadamummaasaanii har’arraa qoqqobbiin kaa’amaa ture. Paartiin Badhaadhinaa garuu dargaggoonni abdii egeree qofa osoo hintaane har’as dhimma biyyaarratti hirmaachuu, biyya bulchuu, qajeelchuufi hogganuuf akka danda’an qabatamaan mirkaneesseera. Sirnoota darbanitti namni tokko ministira kan ta’u yommuu umrii jaarsummaatti dhiyaatuutti yoo ta’u, Paartiin Badhaadhinaa paartii dargaggootaa waan ta’eef har’a dargaggootni sadarkaa Ministiraa, Ministir De’eetaa, Daarektaraafaa dabalatee dhimmoota biyyaa garaagaraa keessatti hirmaachuun gaheesaanii ba’achaa jiru.
Akka ibsasaaniitti, umriin dargaggummaa umrii egeree qofa osoo hintaane umrii har’aati. Dargaggootni Paartii Badhaadhinaan carraan kennameef ammaan tana hojii bu’a qabeessa mataa biyyaa ol qabu hojjetaa jiru. Kana dura ga’umsa osoo hintaane carraan dhibamuu danqaa akka ta’e hojiin mul’isaa jiru.
“Kan nama ga’oomsu umrii qofa osoo hintaane deggersaafi carraa barbaachisuu argachuudha. Paartiin Badhaadhinaa dargaggoota hiree biyyattii murteessuu danda’an garuu ammoo carraa hinarganne hedduu moggaadhaa gara walakkaatti fidee biyyaaf akka bu’aa buusan taasiseera. Paartichi yaa’ii idilee 1ffaa irratti dhimmoota jajjaboo murteesse keessaa tokko hirmaannaafi fayyadamummaa dargaggootaa mirkaneessuudha” jedhu.
Dhimmi ijoon paartichi yeroos irratti fuuleffate keessaa tokko dargaggootaaf carraa hojii bal’aa uumuu akka ture kaasanii, bu’uuruma kanaan biyya keessatti Ministeera Hojiifi Ogummaan walta’uun dargaggoota hedduuf carraan hojii uumamuu himu. Haala kana dura hinbaratamneen dargaggoota hedduu ga’oomsuun kabajni namummaasaanii eegameefii carraa hojii biyyoota addunyaa garaagaraa keessa jirutti akka fayyadaman taasifamuufi hojii hanga ammaatti hojjetameenis dargaggoota biyyattii kumaatamaan lakkaa’amaniif carraan hojii biyyoota garaagaraa keessatti banamuufi fuuldurattis mootummaan cimsee kan itti adeemu ta’uu yaadachiisaniiru.
Paartii Badhaadhinaa biratti dargaggootni humna egeree qofa osoo hintaane har’a abbaa biyyaafi abbaa qabeenyaati kan jedhan Aadde Fadiilaan, dargaggootni qabeenya horachuun guddina dinagdee biyyattii keessatti qoodasaanii ba’achaa jiran hedduu ta’uufi keessattuu Ministirri Muummee biyyattii Doktar Abiyyi Ahmad ilaalama gaarii dargaggootaaf qabaniirraa kan ka’e dargaggoota hedduuf haala mijeessuu qofa osoo hintaane hirmaannaafi fayyadamummaansaanii yeroodhaa gara yerootti dabalaa jiraachuu dubbataniiru.
“Karaa pirojektotaa sadarkaa biyyaattii kumaatamaan hojjetamaa jiranii dargaggoota kumaatamaaf carraan hojii banameera. Misooma Koriidariin qofa dargaggootni hedduun carraa hojii argataniiru. Carraan hojiifi hirmaannaa dargaggootaa kun sadarkaa federaalaatti qofa kan murtaa’e osoo hintaane naannolee hunda keessatti bifa walfakkaatuun taasifamaa jira. Innisheetiiviiwwan kanneen akka Sagantaa Maaddii Guutuu, Ashaaraa Magariisaa, omisha qamadiifi ruuziifi kanneen birootiin dargaggoota kumaatamaaf carraan hojii uumameera” jedhu.
Addunya teknolojiin dagaagaa jiru keessatti dhaloota dorgomaafi addunyaa faana tarkaanfatu horachuuf kaka’umsa Doktar Abiyyiin sagantaan koodaroota miliyoona shanii diriiree, keessattuu dandeettii intalajansii artifishaalaan yeroo gabaabaa keessatti dargaggootni sadarkaa addunyaarratti dorgomoo ta’anii ofiifi biyyasaaniif bu’aa guddaa argamsiisaa jiraachuu eeranii, kunis Itoophiyaan biyya qaroomina duriiti jedhanii seenessuu qofa osoo hintaane har’as biyya addunyaa waliin tarkaanfattu ta’uushee hojii qabatamaatti kan mul’isu ta’uu ibsu.
“Sababoota garagaraan addunyaan rakkoo walxaxaa hedduu keessummeessuuf dirqamuu qofa osoo hintaane dinagdeenshees qormaata keessa seenee jiraachuun waanuma beekamaadha. Hojii dhabdummaafi qaala’iinsi jireenyaa Itoophiyaa dabalatee biyyoota hedduuf dhukkubbii mataa ta’ee jira. Itoophiyaan rakkoo addunyaa mudate kunneen maqsuuf riifoormii dinagdee gooroo dabalatee tarkaanfiwwan fooyyessa dinagdee hedduu fudhatteeti. Firii tarkaanfiiwwan fudhatameen argamerraas fayyadamummaan haqa qabeessi akka diriiru carraaqqii hedduun taasifameera, taasifamaa jiras” jedhu.
Akka ibsa Aadde Fadiilaatti, sirnoota darban keessatti rakkoon biyyattii inni hamaan fayyadamummaafi hirmaachisummaa haqa qabeessa diriirsuu dadhabuu ture. Qaawwa kana sirriitti kan hubate Paartiin Badhaadhinaa dargaggoota dabalatee kutaalee hawaasaa dagatamanii turan waliin hojjechuurra darbee fayyadamummaasaanii mirkaneessaa jira. Paartichi carraa hojii bal’inaan uumuu qofa osoo hintaane aadaa hojii jijjiireera. Hiyyummaafi boodatti hafummaa keessaa ba’uuf halkaniifi guyyaan yeroo hojii erga ta’anii bubbuleera. Finfinnee keessatti Misoomni Koriidarii sa’atii 24 hojjetamaa jira. Dargaggootnis aadaa halkaniifi guyyaa hojjechuu gabbifachuun dirqamasaaniiti. Cophni bishaanii galaana guddaa uuma akkuma jedhamu hojii kamuu tuffiifi nuffii malee hojjechuuf qophii ta’uun barbaachisaadha. Haala kanaan hojjetanii jijjiirama ajaa’ibsiisaa keessa kan jiranis dargaggoota hedduudha.
Sadarkaansaa wal haa caalu malee hojiin hojjetanii of jijjiiran hedduu ta’uu kaasanii, dargaggoota bakka hinmalle oolaniifi aadaa hojii hinamaleeffanneef hojiin akka hinjirre dubbatu. Dargaggoota ilaalcha akkasii qaban ofiif, maatiifi biyyaaf ba’aa waan ta’aniif dammaquun barbaachisaa ta’uus hubachiisu.
Dargaggootni hedduun sirna hirmaannaafi fayyadamummaa haqaqabeessaa diriiree jirurraa fayyadamoo ta’anii jiru kan jedhan Aadde Fadiilaan, dargaggootni ilaalcha siyaasaa isaanirratti fe’ameen bosona seenuun biyya balaaf saaxilaa jiranis akka jiran dubbataniiru. Liigiin Dargaggootaa ilaalchaafi amantaa kamiinuu osoo hindaangeffamiin dhimma biyyaarratti dargaggoota hunda waliin hojjechuuf sochii bal’aa taasisaa jiras jedhaniiru.
Carraan mufii qaban itti dhiyeeffatan osoo jiru mufii biyya rakkinatti geessu keessa galuun bu’uurumaanuu dogoggora jedhanii, ilaalchi garaagaraa jiraatus biyyi waloon qabnu tokkittii waan taateef dargaggootni hunduu dhimma biyyaarratti waliin hojjechuuf carraa jirutti akka fayyadaman waamicha dhiyeessaniiru. Ilaalchi siyaasaa adeemsisuu kan danda’amu biyya jirturratti malee biyya miidhamteefi diigamte keessatti kan hin yaadamne waan ta’eef garaagarummaa ilaalchaa keessatti biyyaaf hojjechuun dirqama hundaa ta’uu hubachiisaniiru.
Liigiin Dargaggootaa dhimmoota dargaggoota ilaallatanirratti hojii bal’aa hojjetaa jira. Dargaggootni damee hojii irratti bobba’anirratti qaama dhimmi ilaallatu wajjin wal ta’uun deggersa barbaachisu akka argatan taasisa. Mirgisaanii yoo sarbame, sababa malee hojiirraa yoo ugguraman itti dhiyeenyaan hordofuun cinatti tarkaanfii sirreeffama akka fudhatamu tumsa barbaachisu hunda ni taasisa.
Garaagarummaa amantaafi koorniyaa malee dargaggootni carraa qixa akka argatan ni hojjeta. Kanaafuu, dargaggootni karaa ijaarameen mirgasaanii kabachiifachuuf mirga guutuu qabu. Yaa’ii Idilee Paartii Badhaadhinaa torban ittaanu adeemsifamurratti fayyadamummaafi hirmaannaa caaluuf kallattiin ni kaa’ama jedhamee eegama.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Amajjii 17 Bara 2017