“Dargaggoonni yommuu Ayyaana Cuuphaa ayyaaneffatan kaayyoo manaa ba’aniif beekuun ta’uu qaba” – Faarfataa Firaa’ol Tashoomaa

Ayyaanota hordoftoota Amantii Kirsitaanaa keessumaa Ortodoksii biratti hawwiidhaan eegamaniifi miidhaginaan kabajaman keessaa Ayyaanni Cuuphaa bor kabajamu isa tokko.

Ayyaanichi waggaa waggaan Amajjii 11 kan kabajamu yoo ta’u, jala butii gaafa Amajjii 10 irraa eegalee sirna Kataraatiin kabajamuu eegala. Gaafa Kataraa kanas taabotoonni batasakaanota addaddaa keessaa amantoota, faarfattoota, abbootii amantiifi keessummoota ayyaanicharratti hirmaataniin waa’ilchamanii bakka qulqullummaasaaniirraa ba’uun iddoo qophaa’eef geeffamanii bulu.

Gaafa guyyaa Cuuphaas sirnoonni amantii kanneen akka cuuphaa, barsiisa, faarfannaafi kkf erga taasifamanii booda bakka bulanirraa bakka qulqullummaasaaniitti deebi’anii galu. Taateewwan ayyaana kanaan walqabatanii dursanii adeemsifaman keessaa ammoo daandiifi bakka bultii taabotaa qulqulleessuufi miidhagsuun isa guddicha. Kanas keessumaa dargaggoonni abbummaadhaan fudhatanii daandii taaboonni irra deemu qulqulleessu, alaabaas fannisanii miidhagsu. Kana keessatti hordoftoonni amantii biroollee hirmaachuun baratamaa dhufeera.

Waggoota dheeraaf taateen kun bifa jijjiirrachuun gara waltajjii siyaasaatti haalli itti deemaa ture tureera. Keessumaa Finfinneetti alaabaan ummattoota biyyattiifi mana amantii Ortodoksii bakka hinbuune fannifamuun namoota baay’ee biratti komii kaasaa ture.

Waggoota muraasa dura garuu hojii dhimmicharratti abbootii gahee waliin hojjetameen sirrachuu danda’eera. Kana malees duraan saboonniifi sabalammoonni biyyattii Afaan Amaaraa qofaan faarfachaa, qaddasaafi barsiisa amantii barataa turan. Amma garuu sun jijjiiramee akkaataa aadaa, afaaniifi duudhaa isaanii waliin deemuun amantiisaanii gaggeeffachuurratti argamu.

Oromiyaattis hordoftoonni amantii Ortodoksii Afaan Oromootiin qaddasuu, faarsuufi macaafa qulqulluu ittii barachuu erga eegalanii bubbuleera. Faarfattoota amantii Ortodoksii keessaa faarfannaa amantii, aadaa Oromoodhaan miidhagsee faarfachuun kan beekamu Faarfataa Firaa’ol Tashoomaa isa tokko. Nutis faarfataa kana Ayyaana Cuuphaa sababeeffachuun qarreefi qeerroof Oromoof ergaafi hawwii ayyaanaa akka dabarsuuf dubbisnee turre.

Akka inni jedhutti ayyaanni Cuuphaa kan kabajamu guyyaa Yesus Kiristoos Laga Galiilaarraa gara Yordaanos deemuun Yohaannisiin cuuphamuusaa yaadachuufi. Ayyanni kun bu’uura Kiristoos cubbuu dhala namaaf jecha gara lagaa deemee cuuphame yaadachuufis, kiristaanonni bataskaana irraa ka’anii gara laga cuuphaa deemuun galgala sana achi buluun borumtaasaa akkuma kiristoos Yohaannisiin cuuphamee sana kiristaanonnis ni cuuphamu.

Ayyaanni cuuphamuu Yesus yaadachuuf waggaa waggaan kabajamu kun galataafi waaqeffannaadhaan kabajamu qaba. Sababnisaa Kiristoos jalqabumayyuu xalayaa waggoota 515 dura, Addaam garbicha seexanaati, Hewaan garbittii seexanaati jedhamee nurratti barreeffame laga Yordaanos kana keessa awwaalamee waan tureef, Kiristoos ammoo xalayaa kana barbadeessuuf deemee cuuphamuun irra ture.

Kanaaf xalayaa du’aafi salphinaa sana laga Yordaanos keessatti cuuphamee nurraa barbadeesse jechuudha. Kanarraa kana ka’e namni ayyaanicha kabaju hundi ba’aan cubbuu waan irraa bu’eef ayyaanicha gammachuu, galataafi waaqeffannaadhaan kabajuu qaba.

Kanaafi, yommuu ayyaanicha kabajuuf gara lagaa deemamee deebi’amu galateeffamaa, lallabamaafi faarfatamaa kan deemamee deebi’amuuf. Keessumaa dargaggoonni ammoo ayyaanichi miidhagee akka kabajamuuf daandii qulqulleessuufi miidhagsuurra darbee, guyyichaas afata taabootni irra deemu hafuufi haalota addaddaa mijeessuudhaan saganticha miidhagsuun dabarsuu qabu.

Yeroo dhihoo as keessumaa qarreefi qeerroon Oromoo ayyaanicha afaansaaniitiin eenyummaafi aadaasaanii mul’ifachaa kabajuun bakkeewwan hedduutti babal’ateera. Jalqabumasaayyuu saboonni afaansaaniin akka hinqaddasne, faarfanneefi hinbarsiifne kan taasifameef namoota amantichaa da’atanii siyaasa mataasaanii gaggeeffataafi aadaafi seenaa Oromoo ofirraa dhiibaa turaniin uumame malee manni kiristaanaa kana dhorkitu hinjirtu.

Manni kiristaanaa namni afaansaatiin qooqawwan addaddaatiin akka faarfatuufi akka aadaasaa mul’ifatu hindhorkitu. Garuu namoonni manuma amantichaa keessa taa’anii yoo aadaafi afaan Oromoo babal’ate siyaasasaaniitti jalaa bu’a jedhanii amanantu gufuu kana kaa’aa ture.

Yeroo ammaa dhalataan Oromoo hordofaa amantichaa ta’e baay’een afaansaatiin waaqeeffachaa, galateeffachaafi faarfachaa jira. Kiristoosiyyuu waaqummaasaa dhiisee eenyummaa namaa kan ta’e foon uffatee nama ta’e.

Erga inni eenyummaa namaa fudhachuu danda’e, nutis eenyummaa namaa fudhachuu danda’uu qabna. Manni amantii Ortodoksiis aadaa namootaa kan saboota kamuu fudhachuun kabajji malee ofirraa hindhiibdu. Ergamni mana kiristaanaa Kiristoosiin lallabuu waan ta’eef manni amantiii tun saboota garagaraa ofitti fudhachuun barsiisti.

Haala kanaan keessumaa Oromiyaa gara lixaatti tajaajilli amantii Afaan Oromootiin taasifamu babal’ataa jira. Kunis qabsoo mana lubummaa Oromiyaarraa eegalee taasifameen ta’uusaatiin bu’aa jajjabeeffamudha. Oromiyaa guutuutti bifa walfakkaatuun akka ta’uuf ammoo ammallee itti deemamaa jira. Bu’aa aarsaa hedduun booda dhufe kanas hunduu kununsuu qaba.

Manni Kiristaanaa kan lallabdu nageenya. Guyyaa ayyaanni kabajamummoo keessumaa namoonni baay’ee waan hirmaataniif bifa nagaan akka xumuramu hawwiti, barsiistis. Ta’us guyyoota akkanaatti namoonni ajandaalee addaddaa qabatanii dhufuun mana kiristaanaa jeeqan turaniiru, ammas ni jiru. Kanaafis waggoota lamaan darbe Bataskaana Waayibilaa Maariyaam akkasumas akka dhuunfaattis anarra ga’e ni yaadatama. Hanga yaalii ajjeechaatti kan deemeedha.

Kanaaf dargaggoonni nageenyasaanii eeggachuu qabu. Kaayyoo manaa ba’aniif beekanii ayyaaneffachuu qabu. Inni duraa waaqeeffannaa waan ta’eef isa seeraan raawwatachuu qabu.

Akka waliigalaatti hordoftonni amantii Ortodoksi Tawaahidoo, keessumaa kan mana lubummaa Oromiyaa Gamtaa Tajaajiltootaa dhiheenya hundaa’e kan qaban yoo ta’u, kunis walooma tajaajiltoota Afaan Oromooti.

Tajaajiltoonni kunneen tokkummaa uumanii wagga waggaan gara bataskaanoota addaddaatti imaluun ni daawwatu; ni jajjabeessu. Akkasumas qiddaaseefi faarfannaa Afaan Oromoo kana babal’isuurratti xiyyeeffatanii hojjetu.

Kana malees waldaaleen kanneen akka Fayyisaa Addunyaa, Waldaa Duuka Buutootaafi kanneen biroo tajaajila Afaan Oromoorratti xiyyeeffachuun aadaafi eenyummaa ummata Oromoo cimsuurratti hojjetanillee waan jiraniif gamticha waliin socho’u.

Faarafataa Firaa’ool dhalatee kan guddate Godina Shawaa Lixaa, Magaalaa Kaachisitti yoo ta’u, barnootasaas achumatti hordofe. Mana Amantii Ortodoksii Fayyisaa Addunyaa keessattis tajaajilaa ture. Wayita ammaa Magaalaa Shaggar kan jiraatu yoo ta’u, bakkeewwan garagaraa deemuun faarfannaadhaan tajaajila. Hanga yoonaas namoota garagaraa waliin albamoota lama kan hojjete yoo ta’u, gara faarfannaawwan 11 ni qaba. Dhiheenyas albamii sadaffaa amantoota biraa ga’uuf qophii xumureera.

Faarfannaawwansaa kanneen keessattis aadaasaa calaqqisaatu wangeela ittiin barsiisa. Kunis waanuma manni kiristaanaa jajjabeessituudha. Amanticha keessa aadaa Oromoo uffatanii akka hintajaajille wanti dhorku tokkollee hinjiru. Kiristoos eenyummaa namaa fudhatee foon uffachuunsaa akka salphaatti waan ilaalamu miti. Nutis akkuma Phaawuloosfaa yommuu wangeela lallaban aadaa bakka sanaa fudhatanii lallabaa turan nutillee aadaa ummataa fudhannee lallabuu qabna.

Ani sabnikoo Oromoodha, amantiinkoo Ortodoksiidha. Kanaaf ani akka aadaakoo sanatti uffadhee kiristoosiin faarfachuu wanti na dhorku tokkoyyuu hinjiru. Kanaaf gaafa ayyaanaa qofa osoo hintaane yeroodhuma kaanillee haaluma kanaan kanin ittifufu ta’a jechuudha. Aadaafi eenyummaa keenyaan faarfachuu kan dhorku homtuu hinjiru.

Akka waliigalaatti, kiristaanoota hunda baga ayyaana cuuphaatiin isin gahe jechaa, hunduu eenyummaasaafi afaansaatiin Waaqayyoon haa waaqeeffatu. Ergamni mana kiristaanaas kana waan ta’eef akka Waaqayyo isaa kennetti Waaqayyoon haa waaqeeffatu.

Sana gochuurratti hunduu hirmaachuu qaba. Inni biraan mana kiristaanaa keessan eeggadhaa. Namoota kana faallaan deemuun amantichi akka waan kan Oromoo hintaaneetti siyaasa oofuu barbaadanis jiru waan ta’eef dargaggoonni kanarratti dammaqanii amantiifi aadaasaa walfaanaa haa adeemsifatan.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 10 Bara 2017

Recommended For You