Cuuphaa: Jaalala, dhiifamaafi araaraan

Akka amantii kiristaanaatti seenaawwan Uumaan jalala dhala namaatiif qabu ittiin agarsiise keessaa tokko yeroo Yesus Kiristoos laga Yordaanositti harka Yohaannisitti cuuphameedha. Yeroo kanatti Yesus Kiristoos waantota dinqii sadii agarsiiseera; jaalalasaa, garraamummaafi ulfinasaa.

Yesus Kiristoos waaqarraa bu’ee, Maariyaam durbittiirraa dhalatee, nama ta’ee deddeebi’uudhaan jaalalasaa gita hinqabne agarsiiseera. Jaalalli Kiristoos kan dubbatamuufi seeneffamu miti; kan ifa baafamuufi mul’atuudha malee. Namnis jaalalasaa dubbachuu otoo hintaane agarsiisuu qaba. Waanti jaalala ibsamutti gufuu ta’u hinjiru.

Jaalalli kan isa jaalatee malee amala isa jaalatamee hinbarbaadu. Yesus Kiristoos kan nu jaalateef sababa waan jaalachisu qabaanneef otoo hintaane akkasumaani. Jaalallisaa haaldureerratti kan hundaa’e otoo hintaane jaalala dhugaarratti.

Jaalalli Kiristoos deebii keenyarratti kan hundaa’es miti. Yoo jaalatamus jaalatamuu baatus; galanni dhiyaatus dhiyaachuu baatus; dinqisiifatamus dinqisiifatamuu baatuus; maqaasaa waamnus waamuu dhiisnus inni jaalachuurraa duubatti hinjedhu. Warri kaan hundi jaalattoota. Kiristoos garuu jaalataa otoo hintaane matumasaatiinuu jaalala.

Akka Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) ergaa baga ayyaana Cuuphaatiin isin gahee kanaan dura dabarsaniin jedhanitti, jaalala kana kan ibsamee argine. Itoophiyaafis har’a jaalala ibsamutu barbaachisa. Jaalalli Itoophiyaan barbaaddu kan haaldureerrattu hundaa’e miti.

Jaalalli Itoophiyaan barbaaddu kan yeroofi haalonni hinjijjiirreedha. Kan biyyasaa dhugaadhaan jaalatu kamuu deebii kamiinuu jijjiiramuu hinqabu. Maqaan keenya ulfinaan ka’ee dhiisee, hojii keenya namni beekus beekuu baatus, namoonni ajaa’ibsiifatanis dhiisanis jaalalli biyya keenyaaf qabnu geeddaramuu hinqabu.

Kiristoos garraamummaas dhala namaa barsiiseera. Inni nama fayyisuuf waaqarraa bu’e; teessoosaa eenyuyyuu argeefi ittiqaqqabee hinbeeknerraa. Gaafa cuuphaasaa garuu kan argame bishaanota jidduutti. Akka kan inni uume, Yohaannis isa cuuphuuf eeyyamee, namoota jidduu ta’uu jaalateeti kan mul’ate.

Kanaanis garraamummaasaa agarsiiseera. Dhalli namaas dandeettiisaa qofa otoo hintaane garraamummaas akka walii ibsus barsiise. Haaloorra dhiifamni, jibbarra jaalalli, walittibu’iinsa araaraan cufuun akka barbaachisu Kiristoos barsiiseera. Duudhaa kun waan cuuphaa ta’eef qofa kan hubatame otoo kennaa Itoophiyaa biyya taasisee barootaaf dhaabeedha.

Biyya kan kabajnu waan raawwatamu hinqabne raawwachuudhaani. Kabajni gadi jechuu barbaada. Akkuma Kiristoos waan raawwatamu hinqabne raawwatee of salphisee, gadi of qabee Addaam kabajee fayyise jechuudha.

Dhaloonni kunis Itoophiyaaf, lammiilee harkaqal’eeyyiif, ummata miidhameefi hiyyummaa keessa jiruuf jedhee gadi jechuu qaba. Hojiisaas gumaacha biyya baraaruuf taasiseen madaaluu qaba. Haaloo bahannaa danda’amu dhiisee dhiifama ulfaataa fakkaatu faarfachuu qaba. Biyyaafi ummata kabajuuf jecha isa hinmul’anne agarsiisuu qaba. Jaalala, garraamummaafi ulfina biyyaafi lammiisaatti agarsiisuu qaba.

Har’a akkuma kan biyya baraaruufi misoomsuuf halkanii guyyaa dhama’u jiru, kanneen waan biyyaafi ummataaf quuqaman fakkaatanii summii facaasan waan jiraniif isaan kanneen balaaleffachaa, dhiifama, jaalalaafi araara qofa cimsuufi ibsuurratti xiyyeeffachuun barbaachisaadha.

Ayyaana Cuuphaa gaarii!

BARIISAA SANBATAA Amajjii 10 Bara 2017

Recommended For You