
Riiformiin dinagdee damdaneessa jijjiiramaa as erga taasifamee yeroo gabaabaa keessatti bu’aalee abdachiisoo galmeessisu danda’eera. Karoorri tarsimaawaan waggaa 10 qabames utubaa dinagdee kanaa ta’uun imala gara badhaadhinaatti taasifamu haalaan saffisiisaa jira.
Dinagdeen beekumsa xabboorratti bu’uureffame kun haqaqabeessaafi lammiilee biyyattii hunda haala qixa fayyadurratti wixineeffame. Abbootii qabeenyaa moggaatti dhiibaman hawwachuun cinatti dhaabbilee misoomaa mootummaa kaleessa mootummaan qofa hogganamaa turan gariin abbootii qabeenyaa dhuunfaaf akka darban taasifameera.
Ministirri Karooraafi Misoomaa Doktar Fitsum Asaffaa turtii Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa waliin taasisaniin akka jedhanitti, mootummaan qabeenya muraasa qaburraa waggaatti bittaa boba’aaf giddugaleessaan doolaara Ameerikaa biliyoona afur baasii taasisa.
Gatii boba’aa gabaa addunyaan yommuu walbira qabamu mootummaan Itoophiyaa boba’aa liitira tokko qarshii 20 hirphee/gad buusee dhiyeessaa jira. Gatii biyyootni ollaa boba’aa liitira tokko ittiin gurguraniin yommuu walbira qabamu ammoo kan Itoophiyaa qarshii 50n gad bu’a.
Biyyootni boba’aa omishaniyyuu hirpha taasisaa hinjiran. Ta’us boba’aa mootummaan hirphaan dhiyeessuu kun tajaajila yaadameef ooluun hafee kontiroobaandiin biyyoota ollaatti ba’ee gurgurama.
Dhuma bara 2014 hirpha boba’aan walqabatee idaan mootummaa qarshii biliyoona 197 ta’uu yaadachiisanii; ta’us kan biyya kamittuu hintaasifamne dhaabbilee biyya alaa biyya keessa socho’an dabalate boba’aa hirphaan dhiyeessuun dogoggora ta’uu fooyyessa dinagdee gooroo taasifameen hojii hojjetameen idaa sana gara qarshii biliyoona 56tti xiqqeessuun danda’amuu dubbataniiru. Haa ta’u malee, baatii Hagayyaa darbe bobo’aan alaa bitamee biyya hinseeniin sababa jijjiirraa sharafa alaa taasifameen gatiin doolaaraa dabaluun idaa turerratti qarshiin biliyoona 138 dabalameera.
Ta’us mootummaan hirpha boba’aa guutummaatti hindhaabne. Fulbaanaa hanga baatii amma keessa jirruutti qofa hirpha boba’aaf kan oolu qarshiin biliyoona 72 baasii ta’eera. Hirphi boba’aa mootummaan taasise tajaajila barbaadameef oolaa hinjiru.
Hirpha boba’aa geejiba ummataaf taasifame hordofee konkolaatonni dirqamasaanii qixa sirriin ba’an muraasa ta’uun taarifaan walqabatee komiin ummataa bal’inaan ka’aa ture. Taaksiiwwan galgalaa, konkolaataan deddeebisa qaxxaamura biyyaafi kanneen biroo qixa barbaadameen tajaajila kennaa hinturre.
Ammas taanaan mootummaan hirpha boba’aa kaasuuf murtoo guutummaatti hindabarsine. Hirphi boba’aa tajaajila ummataa yaadameef oolu kan ittifufu ta’a. Jalqabattuu hirphi mootummaan boba’aaf taasisu lammiilee harkaqal’eeyyiin akka hinmiidhamneefi.
Dinagdeen biyyattii harkaqal’eeyyii kan bu’uureffate waan ta’eef hirphi taasifamee karaa of eeggannoo qabuun ittifufa. Kanaafuu, gurgurtaan boba’aa bifa kontiroobaandiif hinsaaxilamneen karaa dijitaalaan akka ta’u murtaa’ee hojiitti seenameera.
Gatiin boba’aa addunyaarraa ammayyuu dabalaa jira jedhanii; ta’us mootummaa hirpha taasisuu ittifufee kallattiiwwan lammiileen harkaqal’eeyyii fayyadamoo itti ta’an adda addaa itti yaadaa jira. Lammiilee kunnneen kallattii ittii hirphanis ilaalcha keessa galchuun sirni to’annoofi hordoffii jabaanis kan diriiru ta’a.
Kana dura botteewwan 250 boba’aa fe’anii gatiin boba’aa bor dabala jechuun ummatarratti baasii hinmalle dabaluuf bosona keessa dhokatanii turuus Doktar Fitsum yaadachiisaniiru.
Baasiin waggaatti boba’aaf ba’u dinagdee Itoophiyaa hangam gara boodaatti harkisaa akka jiru hubatamuu qaba jedhanii; wayita jireenyi lammiilee harkaqal’eeyyii fooyya’u hirphi dhawaataan kan hafu ta’a.
Mootummaanis potenshaala madda anniisaa jiru hunda fayyadamuun baasii boba’aaf baasu dhawaataan kan xiqqeessu ta’a. Haaluma kanaan hojiirra oolmaa konkolaattota elektiriikaa jajjabeessuufi kobkolaataa boba’aa fayyadaman ammoo gara biyyaatti akka hinseenneef irratti hojjetaa jira.
Kana malees, qarshii biliyoona 400 hirphaaf ramadame keessa biliyoonni 87 xaa’oof, biliyoonni 90n akka hirphaatti kan ilaalamu fooyya’iinsa miindaa hojjettoota mootummaaf akkasumas hirpha bittaa qorichaafi zayitii nyaataaf qarshiin ramadamuu ibsaniiru.
Guddinni dinagdee biyyattii lammiilee moggaatti dhiibamaa turaniifi kanneen biroo haala qixa fayyadamoo taasisurratti karoorri waggaa 10 hojiirra oolaa jira. Guddina dinagdee yaadame kana milkeessuuf dameelee murteessoodha jedhamanii xiyyeeffataman qonna, maanufaakchariingii, albuuda, turizimiifi dinagdee dijitaalaati.
Guddinni dinagdee biyyattii kana dura ture madaalawaa kan hintaane, idaan kan masakamee, alergiifi wanti alaa galu kan walhinmadaallee ta’uusaatiin jeequmsi dinagdee gooroo uumamuunsaa erga hubatamee booda qabeenya keessoo daguuganii fayyadamuun alergii guddisuufi idaa xiqqeessuuf xiyyeeffannaa addaa kan kenneedha.
Gama biraatiin guddina dinagdee ture keessatti mootummaarraa kan hafe hirmaannaan abbootii qabeenyaa dhuunfaa daran gadaanaa ture. Sanumaayyuu fayyadamummaan dinagdee haqaqabeessa ta’uu dhabuusaatiin boodarra gaaffii siyaasaatti ce’ee jijjiirama sirnaa akka biyyaatti dhufeef ka’umsa ta’eera.
Rakkoolee turan hundeerraa furuuf mootummaan jijjiirama guddina dinagdeefis ta’e fayyadamummaasaarratti hirmaannaa qooda fudhattoota daneessuurratti xiyyeeffateera. Dhaabbilee misoomaa mootummaa kanneen mootummaa qofaan dhuunfatanii turaniifi hirmaannaa abbootii qabeenyaa dhuunfaaf karrisaanii guutummaatti cufamanii turan kanneen akka Itiyoo-telekoomfaa keessatti abbootii qabeenyaafi ummatni akka qooda fudhatan taasifameera. Yeroo ammaa dhaabbatni dhuunfaa Safaariikoom jedhamu Itoophiyaatti tajaajila telekoomii kennaa jiraachuunsaa kaasuun ni danda’ama.
Quucaruu guddina dinagdeefi dhabamuu fayyadamummaa haqaqabeessaaf sababoota guguddoo dhimmoota turan keessaa caasaafi seerotni turan danqaa guddaa turuu yaadachiisanii; dhaabbilee jiran hunda dorgomaafi haqaqabeessa taasisuuf riifoormiiwwan garaagaraa adeemsifameen rakkooleen caasaan walqabatan furmaata argataniiru.
Keessattuu hojiirra oolmaa dinagdee xabboo gara boqonnaa jalqabaatti seerotni waggoota 50 oliif hojiirra oolaniifi danqaa turan kanneen akka seera daldalaa, invastimantiifi kanneen biroo 80tti hiiqan fooyyessuun danda’amuu ibsaniiru.
Xiyyeeffannaa addaa dinagdee dijitaalaaf kennameen bittaafi gurgurtaan mootummaa gama dijitaalaan taasifamu %95 irraa ga’eera. Dinagdee dijitaalaa kun sochiin dinagdee akka saffisu, kenniinsi tajaajila akka si’atuuf naannawaan hojii hawwataa akka ta’u taasiseera.
Kaayyoo fooyyessa dinagdee gooroo keessaa tokko galii biyyattii guddisuudha. Haaluma kanaan bara jijjiiramaa 2010 qarshii biliyoona 176 kan ture galiin Itoophiyaa bara 2016 qarshii biliyoona 500 olitti ol guddateera. Barana ammoo Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee qofti bajata Itoophiyaa bara 2010 caaluun galii qarshii biliyoona 230 walittiqabuuf karoorfateera. Jijjiiramni galii sassaabuu galmaa’e kunis bu’aa fooyyessa dinagdee goorooti.
Jeequmsa guddina dinagdeef rakkoolee gumaachan keessaa tokko karaa baasiin maallaqaa sirnoota darban itti raawwataa turan isa tokko jedhanii; liqaa idaatti geessutti seenuu dhiisuu, idaa jiru xiqqeessuufi yeroon kaffaltii idaa akka dheeratuuf dhaabbilee idiladdunyaa tokko tokko waliin hojii hojjetameen bu’aa olaanaan argameera.
Idaan Itoophiyaa omisha waliigalaa biyya keessaa biyyattiin yommuu walbira qabamu dhibbantaa 30n hir’achuun dhibbantaa 13.7 dha. Kana malees, alergii guddisuurratti hojii hojjetameen, keessattuu alergii sookoofi bunaarraa galii guddaan argameera.
Galiin alergiirraa kurmaana 2ffatti argame kan bara darbe waggaa guutuu argametti kan dhiyaatudha. Hangi maallaqni yeroo rakkinaaf ol kaayamus dhibbantaa 200n dabaleera.
Walumaagalatti, mootummaan dinagdee xabboo haqa qabeessaafi hunda qixa fayyadu hojiirra oolchuun, keessattuu fooyyessi dinagdee gooroo bu’aa damdaneessa argamsiisaa jira. Hirpha boba’aan walqabatee hanga lammiileen harkaqal’eeyyii fayyadamoo ta’anitti mootummaan tumsa taasisu itti fufa. Ta’us sirni to’annoofi hordofii cimaan hojiirra kan oolu yommuu ta’e alseerummaa kana saaxiluurratti qoodni ummataa murteessaadha.
Keessattuu daldaltoota boba’aa mootummaan ummata harkaqal’eeyyii fayyadamoo taasisuun baasii guddaan dhiyeessuu bu’aa hinmalle argachuuf jecha kontiroobaandiin gara biyyoota ollaatti baasanii gurguran irratti tarkaanfiin fudhatamu tumsa ummataa fedha.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Amajjii 10 Bara 2017