Sirnoota jilaa baallii dabarsuu Gadaa Booranaa

Abbaan Gadaa Booranaa 71ffaa Kuraa Jaarsoo Kuraa bara gadooma isaanii xumuruun Abbaa Gadaa 72ffaatiif baallii dabarsuuf qophii xumuraa jiru. Sirna baallii kennuun duras jilawwan addaddaa jilachuurratti argamu.

Osoo jiloota addaddaa jilachuu hinjalqabiin dura Yaa’iin Gadaa Booranaa sadan (Arboora, Hawaxxuufi Koonnituu) Galma Odaa ijaaruu jalqabu. Yaa’iin kun iddoo duraan ture irraa yeroo baallii kennuuf ji’ootni muraasni hafanitti galma Odaa ijaaruuf ardaalee jilaa kanneen akka Guutoo, Bulee Hara Soogidoofi Hara Koonnituu qubatu.

Ardaa kana qubachuun duras ardaa lafa dhahaa bakka jedhamu qubachuun achitti waan dogoggoran yoo jiraate sirna qopheessanii araarfatu. Borumtaa godaananiittis ardaa galmi Odaa itti ijaaramu qubatu. Ardaan galma Odaa itti ijaaran kun bakka itti qophii baallii kennuu waliigalaa tolchan ykn qopheessaniidha. Iddoo itti walitti dhufanii yuuboman, bakka itti aadaa barataniifi galata itti fedhatan akkasumas namni hayyuu tahuu barbaadus bakka kanatti of dhiyeessa jedhu hayyoonni Gadaa.

Galmi Odaas guddaafi ijaarsisaa guyyoota 27 fudhata. Kunis guyyaa jalqaba bu’ureffamurraa eegalanii guyyoota walitti aanan 27f ijaaranii erga xumuranii booda jila Odaa buluu itti jilatu.

Haala kanaan ji’oota muraasa duras jiloota Galma Odaa sirnoota aadaa qophii baalliin duraatti jilatamanii gadaan sadeen baallii (Gadaa Arboora, Awaxxuufi Koonnituu) kennuuf qophaa’an Godina Boorana Bahaa, Aanaa Areeroo, Yaa’i Odituu godaanee Ardaa Lafa Dhawaa Qubatee ture.

Galmi Odaa kun ardaalee jilaa sadii keessatti jilatama. Haaluma kanaan Gadaan Arbooraa Yaa’i Kuraa Jaarsoo Ardaa Jilaa Guutootti, Qaalluun Odiituu Ardaa Jilaa Dureettii Galma Odaa dhaabuuf ardaa Lafa Dhawaa ji’ootaan dura qubatee ture.

Akkasumas, Gadaan Damee Awaxxuu Yaa’i Adii Jaldeessaa Ardaa Jilaa bulee, Hara Soogidootti Galma Odaa dhaabuuf Ardaa jilaa Lafa Dhawaa qubatee ture. Gadaan Damee Koonnituu Yaa’i Boruu Diimaa Ardaa Jilaa Reenjii Halloonaatti akkasuma galma Odaa dhaabuuf qubatee ture.

Erga Galmi Odaa ijaaramee booda jila Odaati jilatama. Jilli Odaa Jiloota Gadaan baallii kennuuf yeroo ga’u jilatamu keessaa isa tokko ta’ee, jila baay’ee kabajamaafi ulfina guddaan jilatamu dha. Jilli Odaa jila eebbaafi dhugeeffannaa sirna Gadaati. Waggaa saddeet, saddeetitti haala tokko jira gooroo gadoomaa kan Abbootii Gadaa, Laduufi namoota Odaa buluu barbaadan waliin jilatan, jila eebbifamaafi jaalatamaa jedhamuun hawwiin eegama.

Odaa buluun abbootii Gadaafi Laduun jila waliin jilatanii eebbifatu. Namni Odaa bule nama lubbuu bulee eebbifame; Gadaa sadeeniif qaalluun yoo waliin eebbifatan, ummataaf kaayyoo guddaa waan ta’eef, Booranni Jilti Odaa jila eebbaati jedha.

Akkasumas, namni Odaa bule akka nama gooroo gadoomaa fixateetti ilaalama; Odaa buluun namaa sa’aa kaayyoo dansaa, eebbi Gadaafi Qaalluu eebba Boorana guutuuti.

Kanaaf Gadaan Booranaa jila Odaa kana taasifateera. Sagantaa qophii baallii kennuu geggeeffamaa jiruun hanga ammaatti jiloota aadaa kanneen akka, gurgura naqaa geggeessuufi qophii jiloota Odaa xumuranii, galma Maxxaarrii, galma dhawaa dhaamsaafi adeemsifachuurratti argamu. Baalliif kennuufis baatii tokko qabu. Qophii baalliif dooriifi caasaaleen sirna Gadaa ardaalee Jilaa garaagaraatti ni jilatu.

Gadaa Booranaa keessatti sirna Odaa buluu wayita jilatan ni muratu. Murachuun ‘Waaqa kadhachuudha’ jedhu Abbootiin Gadaa. Murachaa (kadhannaa) kana keessatti namaafi sa’aaf, milkiif, Bokkaaf, Lubbuu buluuf(turuuf) kadhatu. Namni halkan sun Odaa buluuf bahe hundi waljalaa qabaa/ fuudhaa seerasaa eeguun murata. Innis:-

Haay haay haay

Waaqa Gadaa yaasi—- Yaasi

Gadaa Lubaa bulchi— bulchi

Dheengee urgeessi– urgeessi

Collee urgeessi— urgeessi

Bokkaa roobsi—roobsi

Lafa sugeessi—-sugeessi

Duula uumi—uumi

Dannaba galchi—galchi

Nu kaayomsi—kaayomsi

Nu gaaromsi—gaaromsi

Jila obbaasi—-obbaasi

Dubbadhu! jechuun nama itti aanutti dabarsan.

Namni itti aanus haay haay haay jechuun itti fufa; haaluma walfakkaatuun murata. Hiikkaan jechoota Murachaa /kadhannaa armaan olii kunis:-

Dheengee urgeessi: Dheengeen ijoollee. Urgeessi jechuun ijoolleen akka dhukkubaa fi balaaf hin saaxilamne taasisi jechuudha.

Collee urgeessi: Colleen farda. Fardii gadaa keessatti gahee guddaa qaba. Baalli kennuufis fardatti fayyadamu. Duulaafis fardii qooda guddaa qaba kanaaf fardii balaaf akka hin saaxilamne jechuudha.

Lafa sugeessi: Suga jechuun nyaataafi dhugaatiin jiru qabiyyee horii gabbisuu qabaachuu jechuudha.

Dannaba: Doojuu diina irraa argatan.

Gaaromuu: Dandeettii abaaranii cubbeessuufi eebbisanii qabsiisuuti jedhu hayyoonni Gadaa.

Egaan Gadaan Booranaa haala kanaan baallii dabarsuuf jiru torban kana keessas Yaa’i Gadaa Sadeen Booranaa xumura gooroo gadoomaatti eebbifatee baallii dabarsuuf raadaafi jibichaan Qaalluu Odituu Iddoo Kuraa muudeera.

Godina Boorana Bahaa Aanaa Areeroo Ardaa Jilaa Oligabbisaatti Yaa’i Gadaa Arboora, Hawaxxuufi Koonnituun Baalli Gadoomaa Eebbaan dabarsee kennuuf hangafa laduu shanaan Booranaa Qaalluu Odituu Iddoo Kuraa raadaafi goromsaan muudeera.

Yaa’i Gadaa Arboora Abbaan Gadaa Kuraa Jaarsoo hanganftittiin kormaafi goromsaan muudee qumbii eebbaa fudhachuun qe’eetti kan deebi’eefi Yaa’i Hawaxxuu Abbaa Gadaa Adii Jaldeessaa yeroo ammaa Ardaa Jilaa oligabbisaa qe’ee Qaalluutti simatamuun muuda irra jira.

Ergaa Yaa’i Hawaxxuu qumbii eebbaa fudhatee dhumarratti Yaa’i Koonnituu muudee qumbii eebba fudhatee xumurateera.

Muuda hangafa laduu shanan Booranaa Qaalluu Odituu Iddoo Kuraatti Galma Dhawaa Maxxaarrii dhaabuun jilatanii muudi Qaalluu Karrayyuufi Qaalluu Maxxaarrii karaaraa itti fufee kan deemaa jiraachuu odeeffannoon maddawwan garagaraarraa qindeef‍fanne ni ibsa.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 3 Bara 2017

Recommended For You