Sirni awwaalchaa Obbo Bulchaa Dammaqsaa bor raawwatama

Finfinnee: Sirni awwaalchaa hayyuu siyaasaafi dinagdee, Obbo Bulchaa Dammaqsaa boru, Amajjii 4 bara 2017 akka raawwatamu miseensi koree sirna awwaalchaasaanii Obbo Eliyaas Gannatii ibsa Gaazexaa Bariisaatiif kaleessa kennaniin beeksisan.

Haaluma kanaan reeffisaanii Dilbata ganama sa’aatii 12:00 hanga 1:00tti hospitaala ‘ICMC’rraa gara mana jireenyaasaanii geeffama. Hanga sa’aatii 3:00tti mana turee, keessummoonnis simatamu. Sana booda hanga sa’aatii 4:00tti gara Godambaa Yaadannoo Injifannoo Adwaa geeffama. Sa’aatii 4:00 hanga 6:00tti wangeela dubbisuu dabalatee sagantaaleen adda addaa ni adeemsifamu.

Sa’aatii 6:00 hanga 7:30tti ammoo reeffi gara bakka awwaalchaa Pheexiroos Waphaawuloos geeffamuun sirni awwaalchaasaanii kan raawwatamu ta’a jedhanii; namoonni sirnicharratti argamuu barbaadanis sagantaa ibsame kanatti fayyadamuu akka danda’anis ibsaniiru.

Du’aan addunyaa kanarraa boqochuu hayyuu gameessa kanaa ilaalchisuun Ministira Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) dabalatee qondaaltonni mootummaafi qaamolee adda addaa gadda ittidhaga’ame ibsaniiru.

Doktar Abiyyi, “Waan danda’an hundaan biyyasaaniifi Afrikaa kan tajaajilan, ejjennoosaaniitiin cimaa, ummattoota walitti dhiyeessuuf kan dhama’an, waan dhugaadha jedhanii itti amanan essattuu yoomiyyuu kan dubbatan turan. Maanguddoota ciccimooo akkasaanii dhabuun biyya miidha. Uumaan lubbuusaanii haa simatu” jechuun ibsan.

Ministirri Muummee Ittaanaan Obbo Tamasgeen Xurunaas, Obbo Bulchaa Dammaqsaa seenaa siyaasa Itoophiyaa keessatti gaheen qabsoo karaa nagaa keessatti bahatan gahee olaanaa qaba. Isaan nama faayidaafi birmadummaa biyyaaf hojjetaniidha jedhan.

Sadarkaa Ministira Muummee Ittaanaatti Ittigaafatamaan Giddugala Qindeessa Ijaarsa Sirna Dimokraasii Obbo Adam Faaraah, Obbo Bulchaan seenaa siyaasaa Itoophiyaa keessatti aadaa dimokraasii guddisuuf qabsoo karaa nagaa taasisaniin kan beekaman ta’uu ibsan. Du’a hayyuu gameessa siyaasaa kanaatiin gaddi guddaan akka itti dhaga’ame ibsuun maatii, firootaafi hiriyootasaaniifis jajjabina hawwaniiru.

Pirezdaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa ‘’Du’aan addunyaa kanarraa boqachuu Obbo Bulchaa Dammaqsaatiin gadda guddaatu natti dhagahame jedhanii, Obbo Bulchaan bara jireenyasaanii, damee faayinaansii, dinagdeefi hirmaannaa siyaasaatiin biyya keenya sadarkaa olaanaatti tajaajilaniiru; akkasumas sirni dimokraasii akka dagaagu, walqixxummaan sabootaafi hariiroo gaariin ummattoota biyya keenyaa akka mirkanaa’u hayyuu heddu ifaajaa turaniidha jedhu.

Buleessa akka Obbo Bulchaa Dammaqsaa dhabuun biyyaafi ummata keenyaaf miidhaa guddaadha. Faanasaanii dhalootaaf siidaa jiraataa taasifnee kan darbarsinu yoo ta’u, maatii, aantotaafi ummata keenya maraaf jajjabina, lubbuusaaniif qananii jannataa hawwa’’ jedhaniiru.

Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurraahmaanis hayyuu gameessa dhaloonni irraa baratu, sabaafis, biyyaafis bu’aa olaanaa buusan, ummatasaaniif sagalee ta’uun qabsaa’aa turan dhabuun ulfaataadha. Maatiifi firoottansaaniif jajjabinan hawwa jedhan.

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee, du’aan boqochuu nama siyaasaa cimaa kanatti gaddi guddan itti dhaga’amuu ibsanii, Waaqayyo lubbuusaanii haamaaru, maatiifi firoottansaaniif akkasuma Itoophiyaanotaaf jajjabinan hawwa jechuun ibsan.

Paarlaamaa Itoophiyaa keessatti yeroo jalqabaatiif Afaan Oromootiin yaadasaanii ibsataa kan turaniifi Umriisaanii waggaa 94tti Kibxata darbe addunyaa kanarraa du’aan kan boqotan Obbo Bulchaa Dammaqsaa Gaafdeebii baatii Wabajjii bara 2011 Gaazexaa Bariisaa wajjin taasisaniin ergaa cimaa ittaanu dabarsanii turan.

Qabsoo yeroo dheeraa booda bu’aa siyaasaa amma akka biyyaatti argameen namni akka Oromootti gammade hinjiru. Adeemsi kun gufannaanis kan akka Oromootti miidhamu hinjiiraatu waan ta’eef eenyuyyuu caalaa injifannoo kana tikfachuun Oromoorraa eegama.

Injifannoon argame akka guutuu ta’uuf immoo Oromoon dinagdeerratti xiyyeeffachuu akka qabuufi daqiiqaa tokkoofillee diinarratti malee walirratti duuluu hinqabu.

Oromoon mirga argate malee bilisummaa guutuu hinarganne. Oromoon dinagdeen of utubu malee mirguma argatellee bulfachuu hindanda’u. Qabsoon Oromoo diina jilbiiffachiise malee hinajjeefne. Kunuu injifannoo guddaadha. Gulantaan Oromoon biyya kana keessatti qabaachuu qabus kana caalaa ta’uyyuu inni amma argannes waan tuffatamuu miti. Oromoo ta’ee namni jijjiirama amma jiru dura dhaabatu hinjiru, garuu wantoota sirreeffamuu qabanirratti yaada kennuufi ijaaruun immoo dirqama Oromoo hundaati.

Kanaan ala garuu bu’aa siyaasaa dhuunfaatiif yeroo murteessaa kanatti waldura dhaabachuunis ta’e paartii biyya bulchaa jirutti hojmanee baay’isuun fudhatama hinqabaatu. Paartiidhaan walhiruu osoo hintaane Oromoon ammas waltumsuu malee furmaata biraa hinqabu.

Yeroo ammaa kanatti Oromoon mirga argate malee guutummaatti hinbilisoomne. Mirga arganne kana gara bilisummaa guutuutti ceesisuuf immoo dinagdeedhaan deeggaruun murteessaadha. Aangoon siyaasaa dinagdeen hindeeggaramne hirriba muka gubbaati.

Qabsoon inni gaggeessaa tures biyyaafi qabeenyasaarratti abbaa ta’ee ofiin of bulchuufi hiree ofii ofiin murteeffachuu irra ajandaa darbe hinqabu. Waliigalaan Oromoon hundi Doktar Abiyyifaa cinaa yoo dhaabanne qabsoon Oromoo baabura riqicha ce’aa jiruudha jedhan.

Obbo Bulchaan akka Oromoon dinagdeedhaan muuxannoo qabaniin deeggaruuf Baankii Dhuunfaa jalqabaa (Baankii Awaash) hundeessan. Siyaasni Oromoo akka jabaatuuf immoo paartii Sochii Dimokraatawaa Federaalawaa Oromoo hundeessan.

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 3 Bara 2017

Recommended For You