Obbo Ayyaalewu Taakkalaa Ittaanaa Bulchaa Godina Harargee Bahaa yoo ta’an, gaafdeebii torban darbe dhimmoota omisha qonnaa, misooma sululaa, qophii biqiltuu, nageenyaa, ijaarsa pirojektotaa, gurmaa’insa caasaa gandaa, mana murtii aadaa, buusaa gonofaa, walitti hidhamiinsa gabaa jimaa, misooma iddoowwan hawwata turizimii godinichaafi kanneen biroorratti isaan waliin taasifne akka armaan gadiitti dhiyaateera.
Bariisaa: Haala waliigala Godina Harargee Bahaa gabaabaatti utuu nuu ibsitanii?
Obbo Ayyaalewu: Godinni Harargee Bahaa godinaalee Oromiyaa 21 keessaa tokko yoo ta’u, aanaalee 23, gandoota 582fi baay’ina ummataa miliyoona 4.2 ol qabdi. Jiruufi jireenyi ummata kanaa irra jireessaan hojii qonna midhaaniifi horsiisa beelladaarratti bu’uureffata.
Godinichatti bara omishaa 2016/17 lafa hektaara kuma 561fi 914 ol omisha midhaanota gara garaan uwwisuun yeroo ammaa hojiin omisha kana walittiqabuu xumuramaa jira. Lafa qotame kanarraa omisha kuntaala miliyoona 14 ol ni argama jedhamee eegama. Omishaafi omishtummaa qonna baranaa dachaan dabaluuf qonnaan bultoonniifi horsiisee bultoonni galteewwwaniifi teknolojiiwwan qonnaatti akka bal’inaan akka fayyadaman ta’eera. Hojiin loowwan diqaalomsuun sanyiisaanii fooyyessuus bal’inaan raawwatamaa jira.
Bariisaa: Godinichatti qophiin hojii misooma sululaa baranaa maal fakkaata?
Obbo Ayyaalewu: Haalli teessuma lafaa godina Harargee Bahaa bu’aa ba’iin kan itti baay’atu waan ta’eef dhiqama biyyeef saaxilamaadha. Dhiqama biyyee kana ittisuuf qonnaan bultoonni keenya waggaa waggaan hojii misooma sululaarratti bal’inaan hirmaachaa jira.
Hojii misooma sululaa baranaafis qophii gahaan taasifameera. Naannichaas Hojii misooma sulula baranaatiif sululawwan guguddoon 150 ol adda bahaniiru. Ummanni kuma 700 ol hojii misooma sululaa kanarratti karaa gurmaa’inasaa ni hirmaata. Hojiin misooma sululaa kan waqtii bonaa qofa hojjetanii biraa galan miti.
Biqiltuuwwan miliyoona 370 ol kan ganna dhufu dhaabaman qophaa’aa jiru. Hojii misooma sululaafi dhaabbii biqiltuu waggoota darban raawwataman dhiqama biyyee hir’isuu, haala jijjiirama qilleensaa tasgabbeessuu, maddeen bishaanii gabbisuufi hangi roobaa akka dabalu taasisuun omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuu keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jira. Biqiltuuwwan dhaabamanis nyaata namaafi beelladootaaf oolaa jiru.
Hojii misooma sululaafi biqiltuu dhaabuu waggoota darban raawwatamaniin maddeen bishaaniifi haroowwan kanaan dura badanii turan deebi’aniiru, omishaafi omishtummaan qonnaa godiniichaas dachaan akka dabalu taasiseera. Hojiin misooma sululaafi biqiltuu dhaabuu kun maddeen bishaan lafa jalaafi lafa irraa akkasumas hangi roobaas akka dabalu taasisuun qonnaan bulaan waggaa guutuu akka omishu taasiseera.
Bariisaa: Haalli nageenyaa godinichaa yeroo ammaa maal fakkaata?
Obbo Ayyaalewu: Haalli nageenya godinichaa sadarkaa gaariirratti argama. Ummannis qaamolee nageenyaa waliin ta’uun nageenya naannawaasaa cichee eeggachaa jira. Ummanni akka nageenyiifi tasgabbiin qe’eesaatti mirkanaa’uuf qaamolee nageenyaa waliin ta’uun hojjechaa jira.
Milishonniifi gaachanni sirnaas qaamolee nageenyaa waliin ta’uun nageenya ummataa eeguurratti hirmaannaa guddaa taasisaa jiru. Ummannis caasaa nageenyaa cimsuuf deeggarsa guddaa taasisaa jira. Ummanni milishoota gandaatiif maasaa isaanii qotuufiin akkasumas deeggarsa barbaachisu taasisuufiin isaan bira dhaabbachaa jira. Nageenyi waaraan akka dhufuuf ummanni deeggarsa barbaachisu hunda taasisaa jira.
Haalli nageenya godinichaa sadarkaa gaariirratti argama. Sababa rakkoo nageenyaatiin hojiin misoomaa gufateefi sochiin ummataa guyyaa tokkollee daangeffamee hinbeeku. Kanaafuu ummataafi qaamolee nageenyaa keenyaaf galatatu mala.
Bariisaa: Gurmaa’inni caasaa mootummaa gandaa rakkoolee hawaasaa furuu keessatti gahee akkamii qaba?
Obbo Ayyaalewu: Mootummaan naannichaas barana sadarkaa gandaatti caasaa mootummaa cimaa ijaaruun hoggansi aanaalee godinichaa kuma sadiifi 294 gad bu’anii hawaasa akka tajaajilan ta’eera. Gumaa’insi caasaa mootummaa gandaa kun qonnaan bulaan tajaajila barbaadu argachuuf aanaatti akka hindeddeebine taasisuun qarshii, humnaafi yeroosaa utuu hinqisaasessiin tajaajila barbaadu dhiyeenyatti akka argatu taasiseera. Caasaan kun deddeebii abbaa dhimmaa hambisuun kenna tajaajilaa fooyyessaa jira.
Caasaan kun deddeebii qonnaan bulaan himannaaf gara aanaatti taasisaa ture hambisuun rakkoo bulchiinsa gaarii furaa jira. Caasaan kun mootummaan ummatatti siqee rakkoo bulchiinsa gaarii akka furu taasisaa waan jiruuf ummata biratti fudhatama guddaa argateera. Caasaan kun kenniinsa tajaajilaarratti bu’aa olaanaan akka dhufu taasisuun fudhatamummaa mootummaan ummata biratti qabu sadarkaa olaanaatti ceesisisuun qonnaan bulaan qe’eesaatti tajaajila barbaadu akka argatu taasisaa jira.
Bariisaa: Pirojektootni buleeyyiifi haaraan akka godinichaatti ijaaramaa jiran meeqa ta’u? To’annoofi hordoffiin ijaarsa pirojektoota kunneeniif taasifamus akkamitti ibsama?
Obbo Ayyaalewu: Bara bajataa kana akka godinichaatti pirojektoota buleeyyiifi haaraa 300 hojjetamaa jiran keessaa hanga ammaatti pirojektoonni 80 ol xumuramaniiru. Ijaarsa pirojektootaa milkeessuu keessatti hirmaannaan ummataa olaanaadha.
Bu’uuraalee misoomaa diriirsuunis hojii ijaarsa pirojektootaa keessatti hammatama. Tajaajilli ibsaafi Itiyoo Telekoomii gandootawwan godinichaa hunda bira hingeenyeef gaaffiin ummataa ni jira. Tajaajila ibsaafi teelee gandoota godinichaa hunda biraan ga’uuf sektaroota lamaan waliin hojjetaa jirra.
Waliingahiinsa bishaan dhugaatii qulqulluu godinicha %65 irra jiru guddisuufis hojjetamaa jira. Barana hojiin ijaarsa pirojektoota bishaan dhugaatii guguddoon sadii xumuramee tajaajilaf oolaniiru. Rakkoo dhiyeessa bishaan dhugaatii qulqulluu kana firuuf dhaabbilee mitmootummaa waliin hojjechaa jirra.
Bariisaa: Iddoowwan hawwata turizimii godinichaa misoomsuufi daandii itti baasuuf maaltu hojjetamaa jira?
Obbo Ayyaalewu: Godinichi iddoowwan hawwata turizimii gara garaa kanneen akka Farda Qundhudhoo, Holqa Naasi’ol Holqa Oromoo, masgiidota guguddoo wagggoota dheeraa lakkoofsisan kaasuun ni danda’ama.
Iddoowwan hawwata turizimii kanneen misoomsuuf hojii guddaatu raawwatamaa jira. Keessumaa iddoo hawwata turizimii Farda Qundhudhoofi Holqa Naasi’ol misoomsuufi daandii itti baasuuf hojiilee guguddoon raawwatamaa jiru. Gaara Mul’ataa dabalatee iddoowwan hawwata turizimii kunneen gara ikkoo turizimiitti jijjiiruufi bakka Arbi Baabbillee itti argamu daangessuufis hojjetamaa jira. Hojii kana mootummaa naannoofi federaalaa waliin hojjechaa jirra.
Bariisaa: Manni Murtii Aadaa hundaa’uun haqaafi dhugaa baasuu keessatti gumaacha akkamii taasisaa jira?
Obbo Ayyaalewu: Manni Murtii Aadaa gandoota godinichaa hundatti ijaaramee tajaajila kennaa jira. Dhimmoonni guguddoon mana murtii kanatti ilaalamaa jiru. Barana qofa dhimmoonni kuma 26 ol mana murtii kanatti furmaata argataniiru. Dhimmoonni ulfaatoon 390 ol ta’aniifi mana murtii aadaa sadarkaa jalqabaarratti furmaata hinarganne mana murtii aadaa oldabarfataa sadarkaa aanaatti argamanirratti furmaata argataniiru.
Manni murtii aadaa ittiquufiinsa ummataa mirkaneessuufi walitti bu’iinsota adda addaa hambisuu keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jira. Manni murtii idilee ragaa waraqaarratti hundaa’a. Manni murtii aadaa ammoo dhugaa, haqa, mariifi ilaafi ilaameerratti hundaa’a. Manni murtii aadaa qaamolee walitti bu’an araarsee nagaa buusa.
Manni murtii aadaa namoota waggoota 20 oliif walitti mufatanii turan araarsaa jira. Dhimmoonni mana murtii idileetti furmaata dhaban hedduun mana murtii aadaatti furamaa jiru. Manni murtii aadaa kun aadaafi duudhaa araaraa ganamaa Oromoo deebisaa jira. Manni murtii kun nageenya mirkaneessuufi tokkummaa ijaaruu keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jira. Manni murtii aadaa kun sirna egeree ijaaraa jira.
Bariisaa: Akka Godina Harargee Bahaatti hojiin gama Buusaa Gonofaatiin raawwatamaa jiru maal fakkaata?
Obbo Ayyaalewu: Godina keenyatti Buusaa Gonofaan walqabatee hojiilee guguddoon raawwatamaa jiru. Buusaa Gonofaan aadaa walgargaarsaafi walbira dhaabannaa ganamaa Oromoo deebisaa jira. Buusaa Gonofaan sirna namni tokko nyaatee bulee kaan ammoo agabuu akka hinbulle taasisuudha.
Akka godina keenyaatti namoonni miliyoona tokkoo ol miseensa Buusaa Gonofaa ta’anii buusii barbaachisu buusaa jiru. Barana hanga ammaatti qarshiin miliyoona 130 ol miseensota kunneenirraa walittiqabameera. Buusaa Gonofaan rakkoo egeree qolachuu, rakkoo namtolcheefi uumamaa mudatuuf deebii hatattamaa kennuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Akka godinichaatti lafti hektaara 265 ol Buusaa Gonofaaf adda bahee qotamaa jira. Omishni lafa kanarraa walittiqabamus mankuusaa tokkotti sirnaan kuufama.
Bariisaa: Godinni Harargee Bahaa omisha Jimaatiin beekama. Qonnaan bulaan omisha kanarraa bu’aa barbaadamu akka argatuuf maaltu hojjetamaa jira?
Obbo Ayyaalewu: Dhimmi Jimaa dhimma jiruufi jireenya qonnaan bulaa keenyaati. Mootummaan cancala gabaa Jimaa xiqqeessuun qonnaan bulaan omisha Jimaarraa bu’aa maluuf akka argatuuf qabsoo cimaa taasisaa jira. Sirna gabaa Jimaa toora qabsiisuuf mootummaan naannoo Oromiyaa Giddugala Gabaa Jimaa Magaalaa Awwadaayitti ijaareera. Giddugalichi yeroo ammaa hojiitti galee tajaajila kennaa jira.
Sababa daldaltoota seeraan alaatiin qonnaan bultoonni godinichaa omisha Jimaarraa bu’aa maluuf argachaa hinjiran. Akka godina keenyaatti rakkoo kana furuuf waldaaleen ijaaramanii hojiitti galaniiru.
Kun faddaaltonni gabaa Jimaa keessaa akka bahan taasisuun qonnaan bultoonni omisha Jimaa gabaa giddugaleessaaf dhiyeessuun bu’aa maluuf akka argatan taasisuuf hojii bal’aan raawwatamaa jira. Gabaa Jimaa sirna qabsiisuun ammayyuu qabsoo cimaa gaafata. Sirna gabaa Jimaa sirreessuuf akka godonichaatti keellaawwan Jimaa guguddoo mootummaa naannoo Oromiyaatiin beekaman sadii hundaa’anii mootummaaf galii guddaa galchaa jiru.
Bariisaa: Hariiroon waliin hojjechuurratti Bulchiinsa Godina Harargee Bahaafi Yunivarsitii Haramayaa gidduu jiru maal fakkaata?
Obbo Ayyaalewu: Bulchiinsi Godina Harargee Bahaa Yunivarsitii Haramayaa waliin hariiroo cimaa qaba. Yunivarsitichi leenjii kennuudhaan akkasumas qo’annoofi qorannoo rakkoolee hawaasaa furan adeemsisuun hojiilee hedduu raawwateera. Bulchiinsi godinaafi yunivarsitiin kun akka maatiitti waliin hojjechaa jiru.
Yunivarsitiin kun sanyii filatamaa baay’isuun akkasumas xaa’oo qonnaan bultootaaf dhiyeessuun omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuu keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jira. Qonnaan bultoonni gara invastimantiitti akka ce’aniifis leenjiiwwan gara garaa ni kenna. Akkasumas teknolojiiwwan qonnaa babal’isuuf kiiloo meetira 300 ol deemee sanyii baay’isuun qonnaan bultootaaf dhiyeessaa jira.
Bariisaa: Ibsa bal’aa nuu kennitaniif galatoomaa.
Obbo Ayyaalewu: Isinis galatoomaa.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Amajjii 3 Bara 2017