“Magaalaan Ciroo inisheetivii misooma koriidarii milkeessuuf hojjechaa jirti” -Obbo Jamaal Gosaayee

Ciroo: Bara 1915 kan hundoofteefi magaalaa sadarkaa giddugaleessaa keessatti kan argamtu Magaalaan Ciroo yeroo ammaa akkuma magaalota biroo inisheetivii misooma koriidarii Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmadiin gad bu’e milkeessuuf hojjechaa jiraachuu bulchiinsi magaalattii beeksise.

Ittigaafatamaan waajjira kantiibaa magaalattii Obbo Jamaal Gosaayee Gaazexaa Bariisaatti akka himanitti, hojiin misooma koriidarii daandiiwwan asfaaltii magaalattii keessa qaxxaamuran lamaaniifi kiiloomeetira 25 dheeratuufi daandii keessoo irratti hojiin misooma koriidarii hojjetamaa jira. Daandiiwwan asfaaltii lamaan magaalattii keessa qaxxaamuran Finfinneefi Jibuutii kan walqunnamsiisan ta’uufi hojiin misooma koriidarii adeemsifamaa jiru bal’inaan akka ijaaramaniif carraa gaarii kan uume ta’uu himu.

Daandiiwwan asfaaltii kunniin daldala Finfinneefi Jibuutii gidduu jiru kan walqunnamsiisan ta’uu kan himan Obbo Jamaal, daandiiwwan lamaan kunniin dhiphaa waan turaniif tiraafikiin walqabatees rakkoo uumaa turan. Misoomni koriidarii rakkoo daandii magaalaa keenyaa furuuf dhufe jedhu.

Daandiiwwan kunniin Bulchiinsa Daandiiwwan Itoophiyaatiin kan hojjetaman ta’uu himanii, bulchiinsi magaalattii daandicha bal’isuuf abbaa bulchiinsichaa waliin mari’achaa jira. Daandiiwwan kanneen babal’isuun walqabatee hojiin daandii miilaa, bo’oo lolaa, addababa’iifi misooma magariisaas kan raawwatamu ta’uus himaniiru.

Jiraattonni hojii misooma koriidarii magaalattiitti adeemsifamaa jiru milkeessuu keessatti hirmaannaa olaanaa taasisaa jiraachuus eeranii, bulchiinsichi otoo mana nama tokkoo hinjigsin abbaan manaafi dallaasaa diigee misooma koriidariif haala mijeessaa jira jedhan. Manneen sababa misooma koriidariin diigamuu qaban guyyaa sadii keessatti diigamanii kan xumuraman ta’uu himu.

Bulchiinsi magaalattii manneen sababa misooma koriidariitiin ka’uu qaban, abbaan manaa bira hinjirreefi dhaabbilee guguddoon kireeffatanii keessa jiraniif ammoo hanga isaan haala mijeeffatanitti yeroo kan kenneef ta’uus dubbataniiru.

Barana kaappitaala miliyoona 150n pirojektotni 24 magaalattiitti hojjetamaa jiraachuus himanii, pirojektota inisheetiivii mootummaatiin gadibu’aniif xiyyeeffannaa addaa kennanii hojjechaa jiraachuufi kilaastaroora 15 hojjechuuf karoorfaman keessaa 13 xumuramuufi abbootiin qabeenyaas hojii ijaarsa pirojektotaarratti hirmaachaa jiraachuu eeraniiru.

Uwwisni bishaan dhugaatii qulqulluu magaalattii %54 irra jiraachuus ibsanii, uwwisa bishaan dhugaatii qulqulluu magaalattii dabaluuf barana dhaabbata tola oolaa tokkoon boolli bishaanii qotamee bishaan baheera. Bishaan bahe kana diriirsuun hawaasa biraan gahuuf hojjetamaa jiraachuus eeraniiru.

Ummanni magaalaa Ciroo dheebuu misoomaa waan qabuuf misooma deeggaruu malee dura dhaabbatee hinbeeku kan jedhan Obbo Jamaal, hojii misoomaa kamiyyuu mootummaa waliin hojjechaa jiru. Bulchiinsi magaalattiis fedhii misoomaa ummataa guutuuf saffisaan hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Magaalattiin rakkoo hojidhabdummaa dargaggootaa furuuf hojjechaa jiraachuu himanii, dargaggoonni hedduun gurmaa’anii hojii qonna magaalaa, horsiisa lukkuu, horsiisa beelladaa, gabbisa loonii, hojii mukaafi sibiilaa, balfa gogaa kaasuufi daldalarratti hirmaachaa kan jiran ta’uu eeraniiru.

Magaalaan Ciroo yeroo ammaa roga hundaanuu daandii misoomaafi guddinaarratti kan argamtu ta’uu himanii, jiraattonni magaalattiifi naannawaashee hojiilee gama hundaan magaalattiitti raawwatamaa jiran deeggaruuf tumsa taasisaa jiran cimsanii akka ittifufan gaafataniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 3 Bara 2017

Recommended For You