Gatiin qamadii kuntaala tokkoo qarshii 6000 irraa 4500 gadibu’uun qonnaan bultoota biratti komii kaase

  • Baalee Bahaatti qamadiin kuntaalli kuma 400 alergiif karoorfameera

Finfinnee: Gatiin gurgurtaa qamadii kuntaala tokkoo qarshii kuma 6,000 irraa gara qarshii kuma 4fi 500tti gadibu’uun qonnaan bultoota biratti komii kaasuu Waajjirri Daldalaa Godina Baalee Bahaa beeksise. Godinichatti bara omishaa 2016/17tti callaa qamadii kuntaala miliyoona 13 ol akka eegamu ibsameera.

Ittigaafatamaan Waajjira Daldalaa godinichaa Obbo Amiin Aliyyii Kamisa darbe Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, gatiin qamadii kuntaala tokkoo yeroo sabsii ittiin bitamaa jiru qonnaan bultoota biratti komii kaaseera. Gatiin qamadii kuntaala tokkoo yeroo sabsii duraa qarshii 6000 ture yeroo ammaa qarshii kuma 4fi 500 hanga kuma 4fi 700tti gadibu’ee gurguramaa jiraachuu ibsaniiru.

Akka ibsasaaniitti, qonnaan bulaan galtee qonnaa fayyadamuuf baasiin baase gatii ittiin gurguramaa jiruun kan walmadaalu miti. Komiin qonnaan bulaa biraa dhiyaachaa jiru sirriidha jedhaniiru. Rakkoo kana akka waajjiraatti furuuf qonnaan bulaan qusannaarratti hundaa’ee omishasaa ofbira tursuudhaan walitti hidhamiinsi gabaa akka uumamuuf hojjetamaa jira.

Cancala odeeffannoo gabaa sadarkaa giddugaleessaafi naannoo Oromiyaa fudhachuun irratti hojjetamaa jira. Dabalataanis, abbootiin qabeenyaa omisha qamadiirratti bittaa gaggeessan gara godinichaa dhufanii gatii madaalawaan akka bitan kanneen godinicha keessa jiran ammoo qopheessanii akka eeganiif hojii bal’aan hojjetamaa jira jedhaniiru.

Ittigaafatamaan waajjira qonnaa godinichaa Obbo Zalaalam Alamaayyoo gamasaaniin akka jedhanitti godinichi omisha qamadiin beekamaa ta’us gatiin qamadiin gabaarraa ittiin bitamaa jiru qonnaan bultootaaf yaaddoo ta’aa jira. Gatiin ittiin bitamaa jiru baasii galtee qonnaa, kombaayinara fayyadamuuf itti ba’e waliin walbira qabamee yeroo ilaalamu kan walmadaalu miti. Qonnaan bulaas fayyadamaa waan taasiisu miti jedhan.

Godinichatti bara omishaa kanatti hektaara kuma 475 ol sanyiidhaan uwwisuuf karoorfame keessaa hektaara kuma 508 ol ta’u sanyiidhaan uwwisuun tilmaama saabsii duraan callaa midhaan gosa adda addaa kuntaala miliyooan 16 oltu eegama jedhan.

Kana keessaa qamadiin kuntaala miliyoona 13 ol ta’uu himanii; callaan eegamus kan bara darbee waliin walbira qabamee yeroo ilaalamu caalmaa qaba jedhaniiru. Caalmaan argamus alergiin qamadii bara darbe kuntaala kuma 300 ture gara kuntaala kuma 400tti akka olguddisuuf gatii madaalawaan bittaafi gurgurtaan gaggeeffamuu qaba.

Rakkoolee kunneen furuuf waldaalee hojii gamtaafi yuuniyeniiwwan bara darbe ijaaraman gatii madaalawaan omisha qonnaan bulaa akka bitaniif yaadamus hanqinni maallaqaa isaan mudatee jira jedhaniiru. Sabsiin omishaa guutummaa godinichaatti Amajjii 11 booda akka eegalamu himanii; hangasitti hojii hojjetamuun rakkoo jiru furuuf nihojjetama jedhaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 3 Bara 2017

Recommended For You