Finfinnee: Gabaan sanada maallaqaa Itoophiyaa kaleessa Ministira Muummee Abiyyi Ahmadiin ifatti banameera. Gabaan kun damee faayinaansii biyyattii ammayyeessuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uus ibsaniiru.
Gabaan sanada maallaqaa kun jalqabamuun sirni gabaa iftoomina qabu akka jiraatu kan taasisu ta’uu himanii, fooyyessa dinagdee mandhalee jalatti kan argamu guddina invastimantiin durfamuufis balbala akka banus eeraniiru.
Gabaan kun damee mootummaas ta’e dhuunfaa keessatti hammatamuu faayinaansii babal’isuun sochii qusannaa guddisuuf kan akeeke ta’uus himanii, akkasumas sirna faayinaansii Itoophiyaa cimsuufi humna kaappitaala misooma ittifufiinsa qabu fidu kuufachuuf kan gargaaru ta’uus eeraniiru.
Gabaan sanada maallaqaa Itoophiyaa kun akkuma Dhaabbilee Daandii Qilleensaa Itoophiyaa, Itiyoo Telekoomiifi dhaabbilee gurguddoo biroo yeroo gabaabaa keessatti kubbaaniyaa maqaa gaarii qabu akka ta’u shakkii hinqabu kan jedhan Doktar Abiyyi, gabaan sanada maallaqaa Itoophiyaa kaleessa ifatti hojii jalqabuusaa bilbila bilbiluudhaan ifatti jalqabsiisaniiru.
Gabichi rakkoo maallaqaa furuurra darbee gatii gabaa mul’atuun bittaafi gurgurtaan akka raawwatamuuf carraa gaarii kan uumu ta’uu himanii, dargaggoota yaada utuu qabanii sababa hanqina maallaqaatiin rakkataniif madda dinagdee cimaa akka ta’us eeraniiru.
Jijjiiramaa as cabiinsa dinagdee Itoophiyaa suphuuf, fooyyessuufi galii guddisuun jiruufi jireenya ummataa jijjiiruuf Itoophiyaa dijitaalaa ijaaruurratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jiraachuu ibsanii, akkasumas dameelee qonnaa, industirii, tuurizimii, albuudaafi kanneen biroorratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Amajjii 3 Bara 2017