Baatuufi Wancitti kabaja Ayyaana Cuuphaaf qophiin barbaachisu taasifamaa jira

Finfinnee: Bulchiinsa Magaalaa Baatuutti Ayyaana Cuuphaa kabajuuf qophii bal’aan kan taasifame ta’uu Waajjirri Aadaafi Turizimii magaalichaa beeksise. Haaluma walfakkaatuun Ayyaanni Cuuphaa baranaa Haroo Wanciirrattis bifa miidhagaa ta’een akka kabajamuuf gamanumaa qophiin barbaachisu taasifamaa jiraachuu Waldaan Daawwachiistoota Oromiyaa ibse.

Ittigaafatamaan Waajjira Aadaafi Turizimii Magaalaa Baatuu, Obbo Kamaal Badhaasoo ibsa Kamisa darbe Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, bulchiinsa magaalichaatti hojii piromooshinii hojjetameefi haala mijaa’aa turizimiif uumamerraa kan ka’e baay’inni namoota biyya alaafi biyya keessaa magaalichatti Ayyaana Cuuphaa kabajanii yeroodhaa gara yerootti dabalaa jira.

Baay’inni turistoota magaalicha daawwatanis yeroodhaa gara yerootti dabalaa jiraachuufi bara kana hanga ammaattis turistootni biyya keessaafi alaa kuma 18 ol magaalicha daawwachuufi turistoota kanneen irraayis waliigalatti galiin qarshii miliyoona saddeet argamuu ibsaniiru.

Barana magaalichatti Ayyaana Cuuphaa haala miidhagaa ta’een kabajuuf abbootii amantaa, abbootii Gadaa, abbootii hoteelaa, jiraattota magaalaafi daawwachiiftota waliin bakka kaantibaan magaalichaa argamanitti sadarkaa sadarkaadhaan marii bal’aan taasifamuu dubbataniiru.

Kabajni ayyaanichaa turizimiifi bashannanaaf mijataa akka ta’u taasisuuf Yabalawwan shantamaa ol dhiyeessuuf qooda fudhattoota waliin waliigalamuu eeranii, turistoota kabaja ayyaanichaarratti argaman tursiisuufis qophii bal’aan taasifameera jedhaniiru.

Kuduraafi muduraan naannawaa magaalichaatti baay’inaan jiraachuunsaa, qurxummii gatii gadi aanaan argamuun, baay’inaan argamuun gadaamota amantii Ortodoksi Tawaahidoo Itoophiyaa turistoota kabaja ayyaanichaarratti argaman tursiisuuf carraalee gaarii magaalichi qabuudha jedhaniiru.

Ayyaanicharraas galiin qarshii miliyoona sadi hanga miliyoona shanii argamuu danda’a jedhamee akka eegamuufi magaalichatti ayyaanni cuuphaa torbee tokkoof sirnoota garaagaraatiin kan kabajamu ta’uu ibsaniiru.

Pirezdaantii Ittaanaan Waldaa Daawwachistoota Oromiyaafi Hojjetaan Ikkoo Turizimii Naannawa Haroo Wancii Dargaggoo Habtaamuu Ballaxaa qophii Ayyaana Cuuphaa ilaalchisuun yaada Gaazexaa Bariisaaf kenneen, ayyaanni Cuuphaa sirna ho’aa ta’een akka kabajamuuf waldaansaanii qophii barbaachisu taasisaa jiraachuu kaasee, ayyaanichi pirojektiin maaddiin biyyaaf Haroo Wanciirratti hojjetame xumuramee tajaajilaaf erga oolee kabajamuunsaas adda akka taasisuufi yaa’iinsa turistootaa kan dabalu ta’uu dubbata.

Kanaafis waldaalee fardaa, jabalaa, daawwachiiftootaa akkasumas, hoteeloonniifi daawwachiiftoonni qophiilee addaddaa taasisuun guyyicha eegaa jiraachuu ibsa.

Guyyichi Amajjii 10 irraa eegalee sirna ho’aadhaan kan kabajamu ta’uufi gaafa sana Taabonni Bataskaana Haroo Wancii gidduu jirurraa gara horaatti bobba’ee akka bulu ibsee, guyyaa ayyaanichaa Amajjii 11s Taabonni Bataskaanatti deebi’ee galuu ibsa. Sirni kunis ayyaana bakkeewwan kaanitti kabajaman irraa adda waan ta’eef hawwii guddaadhaan kan eegamu ta’uu dubbata.

Ayyaanni miidhagaan kun taateewwan aadaa kanneen akka gugsii fardaa, taphawwan ulee, irreeffannaa, foolleefi sirbaan dabaalamee kan kabajamu ta’uusaatiin bifa ho’aafi nagaqabeessa ta’een kabajamee akka xumuramuuf qamoolee dhimmichi ilaallatu waliin ta’uun qophiin dursaa taasifamaa jiraachuu kaasa.

Ayyaanni kun haala kanaan naannawaa sanatti kabajamuun isaa aadaa ummatichaa beeksisuurra darbee, galii argamsiisuun dinagdee kan cimsu ta’uusaatiin carraa kanatti fayyadamuun akka barbaachisu hima. Hawaasni naannawichaafi tajaajila kennitoonnis qarshii ittiin argachuuf qofa osoo hintaane haala fakkii naannawaa sanaa mul’isuun keessummeessuu akka qaban hubachiisa. Ummata ayyaanicha kabaju hundaanis baga geessan jechuun ergaa dabarseera.

Taammiruu Raggaasaafi Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 3 Bara 2017

Recommended For You