Yaa’ii Gamtaa Afrikaaf hoteelonni qophii barbaachisu taasisaa jiru

Finfinnee: Magaalaan Finfinnee, magaalaa guddoo Oromiyaafi Itoophiyaa akkasumas teessoo Gamtaa Afrikaa ta’uusheetiin walga’iiwwan biyyaalessaafi biyyooleessaa garagaraa ni adeemsifti.

Keessumaa wayita ammaa guddinniifi miidhaginni magaalattii daran dabalaa jiraachuutiin akkasumas hojiileen siyaas dinagdee heddumminaan hojjetamuusaaniitiin konfiransiif filatamoo ishee taasiseera.

Taateewwan magaalittiin wagga waggaan qopheessitu keessaa Yaa’iin Gamtaa Afrikaa ji’a Guraandhalaa keessa taasifamu isa tokko yoo ta’u, baranas yeroo 38ffaaf adeemsifamuuf qophiin barbaachisu taasifamaa jira.

Yaa’ichaaf hoteelonni tajaajila kennuuf filataman gamanumaa qophii gaha taasisaa kan jiran yoo ta’u, kanaafis leenjiin barbaachisu kennamaafii jiraachuu Waldaan Ogeessota Hoteelaafi Turizimii Finfinnee ibse. Pirezdaantiin waldichaa Obbo Ashannaafii Mulgeetaa yaada Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, yaa’iin Gamtaa Afrikaa wagga waggaan Finfinneetti kan adeemsifamu yoo ta’u, kunis nagaan jalqabamee akka xumuramuuf qaamoleen garagaraa qophii taasisuun irratti ni hirmaatu. Kanneen keessaas seektarri tajaajilaa tokko yoo ta’u, baranas yeroo kamuurra haala guddina magaalattii madaaluun qophiin barbaachisu taasifamaa jira.

Barana yoommiyyuurra guddinni turizimii magaalattii kan itti dabaleefi fooramiiwwan hedduun kan itti gaggeeffame ta’uusaa eeranii, yaa’ichas milkaa’inaan xumuruuf muuxannoo kanaan dura ture fayyadamuun keessummoota simachuuf qophiin taasifamaa jiraachuu ibsu. Keessummoonni dhufan nageenyiifi mijannaan gaarii akka isaanitti dhaga’amuuf waldichi abbootii hoteelaafi waldaalee turizimii addaddaa waliin sochii taasisaa jiraachuu himu.

Torban dhufuu kaasees hojjettoota hoteelaa sadarkaa sadarkaan jiraniif leenjii kennuuf karoorfamuu kan himan pirezdaantichi, kanaafis durfamee Biiroo Aadaafi Turizimii Finfinnee, Ministeera Turizimiifi Waajjira Kantiibaa wajjin ta’uun hoteelonni abbaa urjii sadii hanga shanii qaban 42 filatamanii mariin gaggeeffamu dubbatu.

Hoteelonni filataman kunneenis qulqullina, nageenya, nyaata, tajaajila, meeshaaleefi wantoota tajaajila kennuu dandeesisan guuttachuun walqabatee sadarkaa maaliirra akka jiran adda baafamuu kan himan Obbo Ashannaafiin, ka’umsa sanaan waan hanqate akka guuttataniif hojiin suppervizyinii hoteelotarratti eegalamuu kaasu.

Waldaansaanis seektaroonni tajaajila kennan haala gaarii keessummoota akka simatan akkasumas gatii madaalawaadhaan tajaajila akka kennaniif seektaroota mootummaa dhimmichi ilaallatu waliin xiyyeeffannaadhaan hojjetamaa jiraachuu ibsu.

Yaa’iin Gamtaa Afrikaa faayidaansaa qarshiirra kan caalu ta’uusaatiin wanti fakkii biyyattii gadi buusu akka hinuumamneef xiyyeeffannaa olaanaadhaan hojjetamaa jiraachuu himanii, akka waliigalaatti qaamoleen tajaajila kennan, ummanniifi qaamoleen kamuu milkaa’ina yaa’ichaaf akkuma barame ittigaafatamummaa lammummaa akka ba’atan dhaamu.

Hogganaa Ittaanaan Biiroo Aadaa, Aartiifi Turizimii Magaalaa Finfinnee Obbo Hundee Kabbadaa gamasaaniin yaada Gaazexaa Bariisaaf kennaniin, yaa’iin Gamtaa Afrikaa turizimii magaalittiif hiika olaanaa qabachuusaatiin milkaa’inaan akka adeemsifamuuf qophiin barbaachisu gamanumaa taasifamaa jiraachuu kaasu.

Yaa’icharratti gaggeessitoonniifi hoggantoonni biyyoota hedduu kan dhufan yoo ta’u, isaan waliinis miidiyaan idiladdunyaa baay’inaan waan dhufaniif haala gaariin keessummeessuun fuula gaarii biyyattii kana dura ijaarame ammallee ittifufsiisuu akka barbaachisu himu.

Gama turizimiitiin magaalattii beeksisuuf koreewwan addaddaa ijaaramanii sochii taasisaa jiraachuu kaasanii, keessumaa qaamoleen tajaajila kennan adda durummaan keessummoota waan simataniif leenjiin barbaachisu abbootii qabeenyaafi ogeessotaaf leenjiin kennamaa jiraachuu ibsu. Hanqinni dhaabbilee tajaajila kennaniis adda baafamuun hojiin dursanii sirreessuu hojjetamaa jiraachuu dubbatu.

Tajaajila geejibaa, fayyaa, nyaataafi dhugaatii, bakka bultii akkasumas daawwachiistonni keessummoota dhufan sirnaan keessummeessuufi tajaajila barbaadamu akka kennaniif leenjiirra darbee sirni hordoffii diriiruu eeranii, gama hundaan hawaasarraa kaasee qaamoleen hundi milkaa’ina yaa’ichaaf gaheesaanii akka ba’ataniif waamicha dhiheessaniiru.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 26 Bara 2017

Recommended For You